Waraana Yaaman: Humnooti Saawudiin deeggaraman buufata Hudaaydaa haleeluu jalqaban

Madda suuraa, EPA
Finciltooti buufata ijoo Hudaaydaa jedhamu qabatan akka gad-lakkisan guyyaa itti himame waan dabarsanif humnooti Saawudiin deeggaraman haleellaa irratti banuu gabaafameera.
Akka sab-himaa biyyattiitti qubsumni finciltootaa haleellaa qilleensaafi galaanarraan qaqqabeen barbadaa'eera
Dhaabileen gargaarsaa haleellaan kun gara magaalaatti yoo seeneef namoonni nuusa miiliyoonaa du'uu danda'u jechuun akeekkachiisaniiru.
Buufatichi Yamaniif karra ijoo gargaarsi namoomaa itti galu dha.
Waraana biyyattiitti dhalateen namooti miiliyoona 7 ta'an eeggattoota miidhaan nyaataa ta'aniiru
Miidiyaan Saawudii Al-Arabiyaa jedhamu Hudaaydaa bilisa baasuuf haleellaan qilleensaafi galaanarraa jalqabeera jedheera.
Naannoo daangaa buufataatti dhohinsi dhagahameeras jedheera
Pireezidantiin Yaman Abduraabaa Mansuur gama isaaniitiin yaaliin finciltooti akka gadhiisan taasifame dadhabsiisaa dha
Qaama humna waraanaa Saawudiin deeggaramu kan taate Yunaayitid Arab Imireet illee finciltooti yeroon akka gadhiisan kanaan ala haleellaaf akka qophaahan himtee jirti.
Ministirri Haajaa Alaa Yunaayitid Arab Imireet Anwaar Gaargaash ifaajjiin dhimmicha karaa nagaa hiikuuf godhame obsa ijaa isaan fixachiiseef haleellaa akka jalqaban BBC tti himaniiru
Qindoominni isaanii Mootummoonni Gamtooman buufatichi akka qabatan yoo barbaadeyyuu finciltooti Hoowutiiz yoon yeroon hin gadhiisne garuu tarkaanfii waraanaa fudhachuuf qophii akka turanis dubbateera.
Wal waraanni Yaman waggaa sadan darbanitti namoota 10,00 kan ajjeese yoo tahu akka Mootummoonni Gamtoomanii jedhutti waraanichi balaa hamaa addunyaa ilmoo namootaa irratti gahe dha.
Humni Saawudiin deeggaramu wal-dhabdee Yamanii keessa bara 2015 tti kan gidduu gale erga humnooti amanamoo Pireezadant Hadii warraqsa Muslimota Zaadii Shi'aa haleeluu jalqabaniin booda dha.













