Pirojektii Daandii Naqamtee-Buree: Hindoonni miindaa hojjettoota isaaniif kaffaluu didan ugguraman

Madda suuraa, Getty Images
Kampaaniin biyya Hindii ijaarsa daandii gaggeessa jiru IL&FS hojjetoota Itoophiyaa qacaree hojjechiifatuuf miindaa kaffaluu waan dadhabeef hojjeettonni isaa 7 guyyoota 6 darbaniif ugguraman.
Kaampaaniin kuni ijaarsa daandii Naqamtee-Dichoo/Giddaa akkasumas Agamsaa-Buree ijaaraa tureera. Haata'u malee, rakkoo maallaqaa isa mudateen hojii ijaarsa daandii kana adeemsisuun isaan rakkiseera.
Kana qofaa osoo hin taane, hojjetoota isaaf miindaa, kontiraaktarootaafi namoota wantoota barbaachisan dhiyeessaniif qarshiin kaffalu akka isa dhibe himama.
Kontiraaktaroonni dhimma kana irratti BBC'n dubbise dhimmicha kana gara mana murtiitti geessanii akka kaffalamuuf seeraan murtaa'ullee kampaanichi garuu kaffaluu hindandeenye.
Obbo Habtaamuu Kaalaayyuu Kampaanii kana waliin manneen hojjetoota isaaf ta'u ijaaruudhaaf waggaa lamaan dura waliigaltee raawwateera.
Akka waliigaltee ture sanatti kaffalataan raawwatamuuf malee qarshiin 220,000 waan hin raawwatamiiniif hafeef hojiicha dhaabuudhaaf dirqamuu isaanii dubbatu.
Obbo Habtaamuun akka jedhanitti kaffaltaan akka raawwatamuuf manni murtii murtesseefillee Kampaanichi kaffaluu dhabeera.
Hojjettoonni miindaan isaanii ji'a sadii hanga ji'a shanii isaaniif hin kaffalamiin turan hojjetoota Kampaanichaa lammiilee Indiyaa ta'an ugguruudhaan akka isaaniif kaffalamu gaafataniiru.
Hojjetaan lammii Indiyaa akka maqaan isaa hin dhaga'amne tokko dubbatutti rakkoon hanqina maallaqaa jira. Isaaniis miindaan akkuma nama kamuu akka hin kaffalamneef dubbata.
"Akka hin sochoone nutti himan. Akka nuti itti gaafatamummaa qabnuutti nu fudhatan. Nutis akkuma isaanii namoota qacaraman akka taanee yaadaa hin jiran. Garaagarummaan jiru isaaan lammii Itoophiyaa nuti ammoo Indiyaa ta'uu keenya. Nus ji'a shaniif miindaa hin arganne. Miindaan hin jiru."
Namoonni BBC'n dubbise Piroojektiin ijaarsa daandii konkolaataa Itnl Elsamix Nekemt- Bure kan kaampaniiwwan biyyaa Indiyaafi Ispeeniin ijaarsa daandii aspaaltiif bara 2016 waliigaltee raawwateee hojitti gala jedhu.
Kaampanichi daandii Aspaaltii Naqamtee -Dinchoofi Agamsaa Buree jiru walumatti daandii km 160 ta'u waggaa lama dura ijaaruu eegale.
Kaampaniin kun hojii ijaarsa daandii kana raawwachuuf kontaarkataroota biyya keessaa waliin hojii muraasaa jalqabuus hanqina maallaqaa na mudateera jechuun ji'a shan dura guutummaatti hojii dhaabee hojjeettoota ijaarsaaf miindaa dhaabbilee ijaarsaa biyya keessaa waliin hojjechaa tureefiis kaffalatii barbaachisu kaffaluu dadhaba.
Yeroo ammaa pirojeektii kanaan hojjetoonni dhaabbiin qacaramanii jiran 198 ta'u kan nutti himan bulchiinsa humna namaa piroojektichaa kan ta'an Obbo Amaan Tasfayee Goolicha hojii rakkoo kana furuuf hojjechaa jiran dubbatu.
"Iddoon ani jiru lammiileen Indiyaa ana malee sadii jiru, saayitii Walisoo lama jiru Naqamtees tokko jira haaluma amma nuti keesaa jirru keessa jiru. Imbaasii Indiyaa Finfinneetti argamu dubbiseneerra rakkoo kana furuuf ni hojjenna nuun jedhaniiru. Deebii isaanii eegaa jirra."
Dubbii Himaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Federaalaa Obbo Saamsoon Wandimmuus hooggantoota piroojektichaa waliin mariyachuu dubbatu.
''Kaampanichi hojjetootaaf miindaa kaffaluun akka irra jiru itti himneerra. Kaffalamuufii qaba. Lammiileen Hindiis akka hin sochoone ittifamuu hin qaban. Lamaan isaayyuu waliin deemsisuuf hojjechaa jirra.''














