Dargaggeessa sirba Haacaaluu Hundeessaa 'Jirra' jedhu duuba jiru

Madda suuraa, SINISHAW MUL'ATAA
Walaloon copha ogummaa hundaati jedhama. Sirbas hiikaafi ergaa akka qabaatu ni taasisa.
Amma garuu waa'ee walaloo jajachuuf miti, dargaggeessa walaloo sirba Haacaaluu 'Jirra jirra' jedhu bareessetu BBC waliin haasa'e.
Sinnishaaw Mul'ataa jedhama. Yunivarsiitii Finfinneetti og-baruu qo'ate amma hojii dhuunfaasaan of- jirachisa.
Walaloon sirba 'Jirra Jirra' barreeffamee nama hubatu hin argatiin waggaa lama booda weellisaa Haacaaluun dhufee lubbuuu itti naa horee jedha.
'Jirra' jechuun waan gaarii of keessaa qaba, rakkoon nutti baayyatuus hunduma baachaa jirra jechuudha jedha. Sinnishaaw, dhaggeeffataan garuu akka barbaadetti hiikachuu danda'as jedha.
Yeroo walaloon sun barreeffamu jijjiiramni amma argaa jirru hin jiru ture akka nama waa raageetti of ilaaltamoo jennaan, rakkoo keessa furmaanni jiraachuufi egereen gaarii tahuu ibsuuf malee akka nama waa raageetti of hin ilaalu jedha Sinnishaaw.
"Rakkoo keessa teessee waa'ee rakkoo haasa'uuf rakkinicha dhagahuun yookiin arguun gahaadha, gidiraa keessa furmaati akka jiru hubachuuf garuu xiinxaluufi ija sadaffaa qabaachuun ni barbaachisa" jedha.
Kanaafis walaloo armaan gadii akka fakkeenyaatti kaasa:
''Baayyinni rakkoodhaa furmaata mataansaa
Harreen ba'aa diddee taati harree diidaa
Qambar sadii cabset qotiyyoon gafarsa
Hammeenyi ulee mataas, injiraan ajjeesa''
Kuni guddummaafi amanamummaa Waaqa Oromoo agarsiisaa jedha Sinnishaawu.
"Namni tokko si ajjeesuu dhufeeti injiraan mataa kee, diina kee sirraa ajjeesee deema" jedha.
Sirbichi Gincii irraa ka'ee godinaalee Oromiyaa baayyee keessa nu fudhatee deema.
Ginciirraa jalqabuunsaa lafa mormiin Oromoo itti jalqabe mul'isuuf jechadha, isa garuu kan itti dabale weellisaa Haacaaluudha jedha.
Godinni hin waamne yoo jiraate sirba daqiiqaa 5 keessatti hunda waamuun gatii hin danda'amneefi malee waan dhibiif akka hin taane dubbata.
Sinnishaaw walaloon barreessu namni naa hin hubatu ture nama akka weellisaa Haacaaluu hubatee sirbatti geeddaru argannaan garuu walaloon barreessee ol kaa'e baayyeedha jedha.
Walaloon tokko haala itti barreeffameefi ergaa dabarsuu barbaadeen qeeqamuu qaba.
Warri miidiyaa immoo kana qoratanii uumatatti dhiyeessuu qabu jedheera.
''Sirba artistii kabajamoo Alii Birraafaa kan hanga ammaa dhagahaa jirru isa nuti amma walitti himnee dadhabnu waggaa afurtaman har'aa nutti himanii darban waan taheef akka dhaloota boriif darbu hojjechuu qabna.''
Uummata sirbicha jaal'ate galateeffachaa kana booda hojii haaraatiin akka dhufus BBC tti himeera.














