Lakkoofsi barattoota daandiirra jiraatanii waggoota 10 asitti olaanaadha

Ameerikaatti daa'imman ganna 10-11 fi 16-17 hundaa caala Ameerikaatti kanneen mana hin qabnedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ameerikaatti daa'imman ganna 10-11 fi 16-17 hundaa caala Ameerikaatti kanneen mana hin qabnedha

Lakkoofsi barattoota Ameerikaatti mana hin qabnee waggoota 10 keessatti lakkoofsi isaanii olaanaa ta'uu qorannoon mul'ise.

Daa'imman barataa jiran miliyoona 1.5 erga manasaanii dhabanii booda maatii fi hiriyyootasaanii waliin jiraatu.

Haa ta'u malee harka torba kanneen ta'an gamoowwan ykn konkolaattoota onanii gataman keessa jiraatu.

Tasgabbii dhabiinsa hojiin walqabatuun, mana dhabuu, akkasumas jeequmsa maatii keessatti mudatufi rakkiina qoricha opiyoodiin rakkoo kanaaf sababa ijoodha.

Iddoo tokkicha tasgabbiin jiraachuu dhabuun dhiibbaa fayyaafi barnoota barattoota kanaarratti dhiibbaa qaba.

Harki tokko sadaffaa barattoota mana malee hafan kanaa qofaatu waa dubbisuu danda'a.

Barnoota Herreegaa fi Saayinsiitiinis qabxii gad aanaa galmeessisanii argaman.

Ragaan qo'annoo dhiyeenya bara 2017-18 keessa galmeeffame, barattoonni 680,000 tti dhiyaatan bara 2004-05 jiraachuusaaniitu gabaafame, akka daarektarri giddugaleessa Barnoota Namoota mana hin qabnee(Karaa gubba jiraatanii) Niwuyorki Taayimsitti akka himetti .

Barattootni mana dhabanii jedhaman kun kanneen bara barnoota keessatti mana dhabani garuu, lakkoofsa dargaggoota Ameerikaatti mana hin qabnee kan agarsiisuu miti.

Maaliif lakkoofsi barattoota mana hin qabnee dabalaa jira?

Mana dhabuun rakkoo Ameerikaatti dabalaa jirudha. Yeroo hedduu rakkina mana dhabuu akka biyyaleessatti jiruun wal qabata.

Namoonni miliyoonatti lakka'aaman gartokkee galii argatanii manaaf baasii taasisu. Baay'een isaanii immoo maallaqa itti bitanis hin argatan.

Kiraan manaa dabaluufi hanqinni manaa Kaaliforniyaatti namoota kumaatamatti lakkaa'aaman mana dhabsiisera.

Qoricha Opiyood jedhamuun rakkina uumameen walqabatee namoonni miliyoona lama guutan araadaan qabamuun maatiin akka diigamuufi ijoolleen manaa akka dhaban taasiseera.

Dargaggoonni iddoo jireenya hin qabne baayyeen isaanii jaalattoota saala wal-fakkaataati (LGBT) dha, akka gabaasa Yunvarsiitii Kaaliforniyaati insititiyuutii Wiliyaam jedhamuutti.

Namoota 10 keessa torba maatiisaaniirraa fudhatama dhabuun sababa ijoo daa'imman mana malee karaa gubbaatti hambiseedha. Mirgisaanii sarbamuunis sababa kan biraati.

Ogeeyyiin dhimma namoota karaa gubbaa jiraatanii akka jedhaniitti, mana jireenyaa namoonni akka argatan gochuun maatii sababii jeequmsaan miidhaman araadaatiin miidhaman gargaaruudha jedhaniru.