Muslimoota Uyiiguur: Chaayinaan miseensota paarlaamaa UK irra qoqqobbii keesse

Madda suuraa, Getty Images/UK Parliament/PA Media
Chaayinaan miseensota paarlaamaa UK shan dabalatee lammiilee UK sagal irra qoqqobbii keesse.
Chaayinaan namoonni kunneen odeeffannoo ''sobaa fi dogoggorsaa'' ta'e dabarsan jechuun tarkaanfii fudhatte.
Gareen kun namoota UK keessatti Chaayinaa akka malee qeequun beekamaniidha.
Chaayinaan tarkaanfii kana kan fudhatte erga Gamtaan Awurooppaa, UK, US fi Kanaadaan walta'uun Wiixata darbe qoqqobbii isheerra kaa'aniiti.
Biyyoonni kunneen dhiittaa mirga namoomaa mootummaan Chaayinaa muslimoota Uyiiguur irraan ga'aa jiru ilaalchisuun ture kan isaan Chaayinaa qoqqoban.
Namoonni kunneen akka Chaayinaa, Honngkoong fi Makaawu hin seenne, akkasumas jaarmiyaalee Chaayinaa kam waliinuu akka hojii daldalaa hin hojjenne dhorkiteetti Chaayinaan.
Namoota qoqqobaman keessaa tokko kan ta'an Sir Iain Duncan Smith,''Dhiittaa mirga namoomaa Hongkoong keessatti fi Muslimoota Uyiiguur irratti mootummaan Chaayinaa raawwataa jiru saaxiluun dirqama keenya,'' jedhan.
''Nuti namoonni jireenya walabummaa qabu jiraannu kanneen carraa kana hin qabne, kanneen sagalee hin qabneef dubbachuu qabna. Kun Chaayinaa kan mufachiisu yoo ta'e tarkaanfiin isheen narratti fudhattu anaaf kabaja natti hora.''
Chaayinaan Kaaba-Lixa biyyattii mooraa Zhinjiyaang ijaaruun muslimoota Uyiiguur achitti ukkaamsitee mirgasaanii sarbaa jirti jedhamuun baayyee himatamti, isheen garuu himata kana waakkatteetti.
Namni biraan qoqqobbiin irra kaa'ame, Ms Smith Finley,''Gocha dhiittaa mirga namoomaa qeeqee dubbachuu kiyyatti hin gaabbu, hin callisullee,'' jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa, UK'n qoqqobbii kaa'uunshee,'' seera idil-addunyaa kan cabsuudha. Naamusa hariiroo idil-addunyaa kan sarbuudha. Akkasumas ammoo dhimma keessoo Chaayinaa keessa seenuu kan mul'isuu fi hariiroo Chaayinaa fi UK's akka malee kan miidhuudha,'' jedhe.
Waqoccolloon Chaayinaa fi UK gidduutti bifa haaraan eegalame kun hariiroo biyyoota lamaanii durumaanuu sadarkaa gaariirra hin turre daran kan laaffisuudha jedhan xiinxaltoonni.
Ministirri Dhimma Alaa UK qoqqobbii Wiixat darbe Chaayinaarra kaa'an booda waan dubbatan: Sarbamni mirga namoomaa Muslimoota Uyiiguur irra ga'aa jiru ''dhiittaa mirga dhala namaa isa hammaataa bara kanaati.''
Waa'ee Muslimoota Uyiiguur
Muslimoonni Uyiiguur miiliyoona tokko caalan Kaaba-Lixa Chaayinaa mooraa Zhinjiyaang keessatti akka malee hiraarfamaa jiraachuutu himama.

Kutaan biyyaa Zhiinjiyaang Kaaba-Lixa Chaayinaa keessatti kan argamu ta'ee, kutaalee biyyattii keessaa isa bal'aadha.
Akkuma naannawa Tiibeet innis of-danda'uun bula-aangoo ofiin of-bulchuu haga tokko ni qaba.
kun seeraan kan taa'ee jiru ta'us gochaan garuu mootummaan giddu galeessaa mirga kana kabajaafii hin jiru, inumaa keessa seenuun daran hacuuca.
Uummanni Uyiiguur as jiraatan afaan mataasaanii, kan afaan Tarkiin walfakkaatu, dubbatu. Aadaa fi sabummaadhaan hawaasa Giddu-gala EEshiyaatti akka kalaayan dubbatu.
Mootummaan Chaayinaa lammiilee kunneen addatti fooyee mirgasaanii sarbaa hacuucaa jiraachuun erga komatamuu eegalee bubbuleera.
Dubartoonni akka dhala hin godhanne gochuu, daa'imasaaniirraa adda baasuu, dhiibbaa saalaa uumuu, hojii humnaa oliin hiraarsuu fi reebicha hamaa irratti raawwachuun himatama.
Biyyattiin jalqaba wayita komiin kun irratti dhiyaatu mooraan akka mana hidhaa Muslimoota Uyiiguuritti gargaaru jiraachuu haaltee turte.
Boodarra garuu giddu galli sun jiraachuu amanuun garuummoo shororkeessummaa qolachuuf kan hundaa'eedha jette.
Mirga dhala namaa sarbuu garuu ammallee akkuma waakkatetti jirti.














