Mesuut Oziil: Taphataan sarara jidduu Arsenaal 'oduu sobaan gowwomfame' jette Chaayinaan

Mesuut Oziil tapha Arsenal fi Manchistar Siitiin dura

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mesuut Oziil tapha Arsenal fi Manchistar Siitiin dura wayita du'aayii godhu

Mesuut Oziil akka Chaayinaan musliimota 'Uighur' itti qabde kan qeeqe "oduu sobaatiin gowwoomfameeti" jedhe dubbi himaan ministira dhimma alaa Chaayinaa.

Taphataan Arsenaal ofii isaa musliima ta'e Oziil, musliimota warra 'Uighur' "qabsaa'ota warra ari'atamuu didan" jedhee marsaa hawaasaa irratti barreesse.

Mootummaa Chaayinaa fi musliimota kaan callisanis qeeqeera.

Qeeqni Oziil kun 'oduu dhugaa hin taane irratti hundaa'eeti' kan jedhan Geeng Shuwaang, taphatichi gara Chaayinaa imale haala jiru akka ofumaa akka daawwatu afeeranii jiru.

Gareeleen mirga namoomaa akka jedhanitti namoonni miliyoona tokko ta'an, kan hedduun isaanii musliimota 'Uighur' ta'an manneen hidhaa eegumsa jabaa keessatti akkanumaan hidhamanii jiru.

Chaayinaan garuu yeroo mara dhiibbaa musliimotarraan gahuun himata irratti dhiyaatu ni haalti.

"Jiddugalawwan leenjii ogummaatti" leenjii fudhachaa jiru malee hidhaa miti jetti.

Qeeqa Oziil Chaayinaa irratti dhiyeesseen booda TV'n biyyaalessaa Chaayinaa CCTV'n tapha Arsenal fi Manchistar Siitii sagantaa isaa keessaa haqeera.

Arsenaal akkaataa Musliimonni Chaayinaa keessa jiran itti qabamaa jiranirratti Oziil yaada miidiyaa hawaasummaa irratti kennee keessaa harka hin qabu jedhe.

Waa'ee qabiinsa musliimota 'Uighur' maal beekna?

Warri 'Uighur' musliimota lakkoofsaan miliyoona 11 ta'an lixa Chaayinaa naannoo Shinjiyaang kessa jiraatu.

Chaayinaan musliimota 'Uighur' kana manneen hidhaa eegumsa jabaa keessatti osoo seeratti hin dhiyeessiin akkanumaan hiiti jedhamtee yeroo hedduu qeeqamti.

Manneen hidhaa kana keessatti afaan Mandariinii Chaayinaa akka baratan, pireezidant Shii Jiinpiingiif amanamoo akka ta'an, amantaa isaaniis akka ganan taasifamu jedhama.

Chaayina dhimma kana haaltullee BBC'n qorannoo taasiseen hidhatoonni akka balballi itti cufame taa'an, akka adabamanii fi yaada dhimma amantaa irratti qaban akka jijjiiran dirqisiifamu

Hidhamtoonni qaamaa fi xiin-sammuu isaaniirra miidhaan adda addaa akka gahu BBC'tti himaniiru.

Miidhaa musliimota kanarra gahu ilaalchisuun qeeqni Mesuut Oziil dhiyeesse deeggartoota Arsenaal lammilee Chaayinaa kan mufachiise jedha jedhe Waldaan Kubbaa Miilaa Chaayinaa.