Qabiinsa muslimoota Chaayinarratti yaada Ozil Kennee duuba hin jiru jedhe Arsenaal

Madda suuraa, Chloe Knott - Danehouse
Yaada taphataan sarara gidduu Arsenaal Ozil haala qabiinsa muslimoota Uhigur Chaayinaa keessa jiraataniirratti dhiyeesse keessaa kilabichi qooda hin qabu jedhe.
Gartuun mirgaaf falmaan 'Rights groups' namoonni miliyoonatti lakka'aaman harki caalaan hawaasa muslimaa Uhigur ta'an kaampii mana hidhaa eegumsa jabaa qabutti akka hidhaman hima.
Chaayinaan garuu leelliistummaa amantiin jeequmsa mudatu ittisuuf 'barnoota qophaa'inaa giddugala' kanatti fudhatu jetti.
''Arsenaal yeroo kamiyyuu akka dhaabbataatti siyaasaa keessaa qooda hin qabu( hin hirmaatu)'' jedhe kilabiin Landan keessa maadheffate.
''Mesuut Ozil Jimaata darbe midiyaa hawaasaarratti dhaamsa dabarse hordofuun kilabiin kubbaa miilaa Arsenaal yaada dhuunfaasaa ta'u ibsa''
Ibsi kilabichi kennes toora miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weibo irratti maxxanfameera.
Yaada maxxanse keessatti Ozil Muslimoonni Uhigur Chaayinaa jiraatan'falmattoota cunqursaa didan' jedhee ibse.
Kana malees mootummaa Chaayinaf muslimoonni callisuu isaanii qeeqa.
Chaayinaan irra deddeebiin muslimoota Uhiger cunqursuun walqabaate qeeqa irratti dhiyaatu haalaa turte.
Namoonni hedduun yaaada Arsenaal kenneerratti qeeqa dhiyessaa turan, kun yaaada quubsaa miti kanneen jedhanis turaniiru.
namoonni yaadaan inni barreesseen 'kanuma dubbiin 'jedhanii deeggaran akkuma turan, namoonni muraasni hashtags "#Protesting against Ozil" jedhanii yaadni inni Chaayinaarratti kenne sirrii mitii jedhani mormanis jiru.
Ji'a Onkololessaa darbe yaada hojii gaggeessaan kubbaa kaachoo US Ameerikaa kennan hariiroo Chaayinaa wajjin qaban miidhuun rakkoo faaayinaansiif saaxileera.
Sababii kanaan dhaabbileen Chaayinaa maallaqan ispoonsara ta'aanii tumsuu dhiisuu isaanitu ibsame.















