Mesut Ozil: Utubaan Arsenaal ammaan booda Jarmaniif taphachu hin barbaadu jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Utubaan Arsenaal Mesut Ozil ammaan booda tapha idil-addunyaa kamuu Jarmaniif taphachuu hin barbaadu jedhe.
Ibsa dheeraa taphataan kun baasen akkitti Waldaan Kubbaa Miilaa Jarman (DFB) isa hubate ammaan achi ''uffata taphattoota idil-addunyaa Jarman lammata akka hin uffanne'' na taasise jedheera.
Jarman Waancaa Addunyaa irratti milkaa'u dhabu ishiif illee komatameera jedhe.
Baatii Caamsaa darbe Pirezidantii Turk Resiph Xayib Erdohaan waliin sagantaa Landanitti taasifame irratti suura ka'een qeeqame ture.
Yeroos isa waliin taphataan Jarman biraa Ikay Gundogaan waliin ture. Lammanu hiddi isaanii gara Turkiiti.
Haa ta'u malee, pirezidantii waliin waa'ee kubbaa miilaa qofa haasofne jechuun himeera.
Paartiin Turk bulchaa jiru suura isaanii kana yeroo filanoof qopha'anitti gadhiise ture. Ergasiis Erdohaan filannoo sana mo'un isaanii ni yaadatama.
Biyyi Jarman fonqolcha mootummaa Turkitti taasifameefi fashalaa'e hordofe tarkaanfii mootummaan fudhate qeeqxee turte.












