Waancaa Aduunyaa 2018: Deeggartootni Meeksikoo sochii lafaa uumaniiruu?

Gammachuu deegrtoota Meksikoo magaalaa Meeksikoo Siitii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna gammachuu ibsachuu magaala Meeksikoo

Deeggartoonni kubbaa miilaa Meeksikoo tapha gareen isaanii Jarman waliin taphattu goolii Hirviing Lozanoon galchee gammachuu isaanii to'achuu hin dandeenye ture.

Daqiiqaa 35ffa irratti wayita goolichi galu deeggartootni gammachuun utaalan, sun ammoo kirkira lafaa nam- tolchee uumeera jechuun miidiyaaleen gabaasan.

Dhuguma ibsannaan gammachuu deeggartoota kanaa kirkira lafaa uumeeraa?

Ergaan Twiiteraa Inistitutii Ji'oologii fi qorannoo haala qilleensaa Meeksikoo dubbiin kun dhugaadha jedha.

Ergaan dhaabbatichaa, ''kirkirri lafaa nam-tolheen gareen Meeksikoon waaancaa Addunyaarratti Jarman irratti wayita gooli galchitu ibsannaa gammachuu tureen mudateera'' jedha.

Suurri dhaabbatichi maxxanse Safartuu sochii lafaa Seesmoogram irratti wayita goolichi galu sochiin lafaa jiraachuu agarsiisa.

Dhugumatti maaltu ta'e?

Dhaabbatichi, Seesmoomeetiroonni deeggartoota gammachuu ibsachaa turanitti dhiyoo jiran lama wayita goolin biyyattiif injifannoo fide galu sochii lafaa galmeesseera.

Battala gooliin sun galutti sochiin lafaa 37m/s2 safaramu galmaa'eera. kuniis haala deeggartootni gammachuu isaanii itti ibsataniin kan uumameedha jedhameera.

Hirving Lozaanoo gammachuu isaa wayita ibsatu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hirviing Lozaanoo garee isaaf goolii galchuu hin amanne

Dhaabbatichi itti fufuunis wanti akka kanaa 'waan guddaa miti jedha''

Meeshaalee si'oomina addaa qabanii fi dhiheenya bakka ayyaanefanna jirtu sochii akkasii safaruu danda'as jedha.

Bakka gammachuun adda itti tureefi dhiyeenya safartuu sochii lafaatti argamu keessaa tokko bakka Mexico City Angel of Independence Statue jedhamuudha.

Kanaan dura bara 1988 Ameerikaatti tapha kubbaa miila Ameerikaa irratti akkasumas Primeerliigii Ingiliz bara 2016 irratti tapha Lesister Siitii Norwiichiinirratti injifate irratti mudate ture.

Sochiin lafaa akka kanaa Maagnetudiidhaan hin safaramu kanaafis kirkira lafaa hin jedhaman. sochiileen kunniin sochii keessa lafaatti uumaman waan hin taaneefis kan nam tolchee jedhamu jedha dhaannatni Ji'oolojii fi qorannoo haala qilleensaa Meeksikoo.

Deeggartootni akkamiin gammachuu ibsatan?

Mirri gammachuu ture maala akka fakkaatu suurota ofiinuu dubbatan kanarraa hubadhaa.

Meksikoon Jarmaniin wayita injifattu gammachuu deeggartootaa

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni gammachuu isaanii ibsachuuf addabaabayii irratti walgahanii
Tapha Waancaa Addunyaa Raashiya Meeksikootti wayita Iskiriiniin daawwatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kumootaan lakkaawaman addabaabayii magaala Meeksikoo Siitii Zokalotti
Deeggartoota meeksikoo

Madda suuraa, Reuters