Taphattoota ciccimoo Priimerliigii Ingiliz torban kanaa

Ittisa - Kiriis Ismoolingi, Jooy Goomez, Virjil Vaan Daayik

Madda suuraa, Getty Images, Rex Features, Reuters

Chelsii fi Liiverpuul ol'aantuummaa isaanii yommuu itti fufsiisan Shaampiyoonaan bara darbe Manchister Siitiinis qabxii lamaan caalamee morkiisaanii itti fufaniiru.

Maanchister Yuunaayitid bara kana haal gaariidhaan jalqabuu baatus tapha marsaa shanaffaa torban kanaan taphoota afur jalqabaa mo'atee kan ture Waatfoordii injifachuun bayyaanataa jira.

Arsenaalis akkasuma Niwukaastiliin mo'ateera.

Niwukaastil bara kana gahumsa gadi aanaa leenjisaa Rafa'el Beenitez jalatti agarsiisaa jira.

Taphni Lechister Siitii fi Barnimaawuz galchiwwan jahaa fi kaardii diimaa tokkoon xumurameera.

Barnimaawuz mo'ateera, taphataan sarara ittisaa Lechister Siitii Wes Morgaan kaardii diimaan dirreerraa baheera.

Kiristaal Paalaas galchii Zahaan lakkofsiseen yoo mo'atu , gareen Maanu'el Peelegiriinii West Haam Evertaniin mo'achuun bara kana qabxii jalqabaa sadii argateera.

Mee isin tphatoota cicimoo torban kanaa asirratti filadhaa. Gaariz Kiruuksi isaan kannen filateera.

Karra Eegaa - Deevid Deheya

Deevid Deheya

Madda suuraa, PA

Karra eegaan Maanchister Yuunayitid kun Waancaa Adunyaa irratti gahumsa guddaa agarsiisuu baatus sa'a xumuratti yaaliiwwan gurguddoo Waatfoordi jalaa fashaleessuun qabxii sadii guutuu akka argatan taasissera

Taphatoota ciccimoo torban kanaa Gaarez Kiruuksi

Madda suuraa, BBC Sport

Ittisa - Kiriis Ismoolingi, Jooy Goomez, Virjil Vaan Daayik

kiriis Ismooling: Taphoota Ismooling galchii irratti lakkofsise 11 irratti Maanchister Yuunaayitid hin mo'amne.

Galchii tokko lakkofsisuun gahumsa olaanaa agarsiiseera.

Joy Goomez: Kubba inni Lukaas Mooraa jalaa baase aja'ibsiisaa ture. Tootenaam irratti gahumsi liverpuul olaanaa tahus ani torban lama dura waa'ee cimia taphatoota sarara Ittisaa Liiverpuul kan dubbadheen ture jedha Gaarez Kiruuksi.

Goomez fuulduratti dursaa taphatootaa Ingilaandi tahuu danda'a jedheen yaada jedhe Kiruuksi.

Virjil Vaan Daayik: Haarii Keen kubba tokkollee yaaluu hin dandeenye. qaamanis guddaa waan taheef taphicha to'atee ture jedhe Kiruuksi.

Maruween Feelaanii, Jeemsi Miilner, Eden Haazaard, Riyaan Fireezer

Madda suuraa, Rex Features/Getty Images/Reuters

Sarara gidduu- Maruween Feelaanii, Jeemsi Miilner, Eden Haazaard, Riyaan Fireezer

Maruween Feelaanii: Barana kilebicha gadhiisa osoo jedhamuu sa'a xumuraa irratti wagga ama mallatteesse kan hafe rakkoo kilechaa waan furaa jiru fakkata

namoota Manchisteriif hin madaalu jedhaniif waan deebii kenne fakkata jedheera Kiruuksi.

Jeemsi Miilner: Erga umuriisaa ganna 16 jalqabee ammas waggota 16 booda gahumsa wal fakkataa irratti argama. anaaf milner taphataa cimaa kubba miilaa wagga waggaan kennamuuf kaadhimamu qaban jedha jedhe Kiruuksi.

Carraawwan galchii tahuu danda'an hedduus gareesaaf uumuu danda'eera.

Eden Haazaard: Galchiiwwan ajaa'ibsiisoo sadii lakkofsise kaardiif siitii irratti. dabalataan bara kana gahumsa guddaa irratti argama. Chelsii keessatti taphataa arfaffaa Haatirikii tokkoo ol Chelsiif lakkofsise taheera [ Diroogbaa,Laampaardi,fi Jiimii Filooyid Haselbainkitti aanuun].

Riyaan Fireezer: Tapha keessatti fakkeesse kufus galchiiwwan sadii keessaa qooda qaba.

Wilfried Zaha, Marko Arnautovic, Roberto Firmino

Madda suuraa, Rex Features/Reuters

Fuuldura - Wilfired Zahaa, Maarko Arnatoovic, Rooberto Firminoo

Taphatootni kunnen gareesanii gumaachi bahatan olaanaadha. Wilfired Zahaan miidhamaan booda galchii injifannoo lakkofsissera.

Roberto Firmiinoon yeroo kubba qabatu Mo Saalaa fi Sdiyoo Maaneen bilisa tahuun socho'aa turan.

Firmiinoon Kiloop jalatti galchiiwwan 31 lakkofsisuun 23 mijeessee kennera.

Bara kanas Liiverpuul haala kanaan yoo itti fufe Maanchister Siitii yeroo lammaffaaf shaampiyoonummaa dhorkuu danda'u.

Bara kana Westihaam jalqabbii gaariii dhabus Maarkoo Aarnaatovich taphattoota sochii gaarii agarsiisaa jiran keessaa isa tokko.

Heddun isaanii haaraa tahanis Evertan mo'achuunsaanii gara tasgabbiitti dhufaa jiraachuusaaniif agarsiiftudha jedhera Kiruuksi.