Pirimiyer Liigii: Taphattoota ciccimoo 11 torbee kanaa

Shaampiyoonaan Pirimiyer liigii bara darbe Manchistar Siitiin galchii jahaaf tokkoon Hadersfiild yoo injifatu. Maanchistar Yunaayitid galchii 3fi 2'n Biraayitaniin injifatameera.
Taphni masaanuwwan lamaan magaalaa Landan Cheelsiifi Arsenaal galchii 3fi 2'n injifannoo Cheelsiin goolabameera.
Totenham 3fi1n Fulhaam, Everton 2fi1'n Saawuzaampitan, Boornimaawuz 2fi 1'n Weestihaam, Waatfoord 3fi1'n Barnilee, Leesistar 2fi1'n Wolves yoo injifatan Kardiif Siitiifi Niiwukaasil galchii malee qixxee bahaniiru.
Maarree taphoota kanarratti taphattoonni ciccimoo milkaa'ina garee isaaniif gumaachan eenyu fa'i?
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Gaarz Kiruuks taphattoota 11 filate garee cimaa torban kanaa dhaabee jira.
Gooli eegaa Joordaan Piikfoord Evartan irraa filatameera.

Tapha Evartan Saawuzaampitan waliin taphate irratti kubbaan Joordan, Daanii Iingis jalaa qabe ajaa'iba turte jedha Gaarz Kiruuks.
Sarara ittisaaf Sheen Dafii biraayitan irraa, Istiiv Kuuk Bornimaawuz irraa akkasumas Benjaamiin Mendii Manchistar Siitii irraa filatamaniiru.

Sheen Daafii injifannoo Biraayitan Manchistar Yuunaayitid irratti goonfateef lafee dugdaa ture.
Istiiv Kuuk shoora sarara ittisaa irratti qabuun dabalataan goolii tokko Boornimaawuz Weestihaam Ittiin mo'ate galchuun qalbii Gaarz Kiruuks hawwateera.
Benjaamin Mendii ammo Sarjiyoo Aguweeroo galchii hedduu akka galchu tumseera.
Sarara jidduuf Gaayilfi Siigardisan Evartan irraa, Deeviid Siilvaa Manchistar Siitii irraa, Jeems Maadisan Leesistar irraa, akkasumas Maarkos Aloonsoo Cheelsii irraa filatamaniiru.

Markos Aloonsoo Cheelsiin Arsenaal akka injifatu shoora guddaa taphateera jechuun Gaarz Kiruuksiin leellifameera.
Sarara Fuulduraaf Kaalam Wiilsan Boornimaawuz irraa, Serjiyoo Aguweeroo Manchistar Siitii irraa akkasumas Haarii Keen Totenihaam irraa filatamaniiru.
Aguweeroon miilana Siitiif haatiriikii 13ffaa isaa galmeessise.
Haarii keenis ongee galchii baatii kana keessa isa mudaterraa dandamatee Totenhamiif galchuutti deebi'ee jira.
Kana booda deeggartoonni Totenham waan yaadda'aniif hin qaban jedha Gaarz Kiruuks.














