Taphoota Piriimeerliigii Ingilizii fi tilmaama Maark Laawroo

Cheelsii fi Arsenaal

Madda suuraa, BBC Sport

Liinjistootni piriimeerliigichaa haaraan lama tapha torbee kanaan wal falmu. Sanbata leenjisaan Cheelsii haaraan Maawreeziyo Seeri leenjisaa haaraa Arsenaal Onaay Eemriin waliin wal falmu.

Xiinxalaan Kubbaa miilaa BBC Maark Laawrensen Arsenaal tapha torbee darbe Cheelsiin injifatameen booda '' tilmaaman Arsenaal afraffaa ta'uun liigicha xumura jedhee kaahe jijjiiruun mala'' jedheera.

Laawroon baranas taphoota liigichaa hunda, 380, ni tilmaama.

Tilmaama Laawroo

Sanbata

Niwkaasiliifi Kaardiif

Madda suuraa, BBC Sport

Niwkaasilii fi Kaardiif

Kaardiif torbee darbe erga Barnis maawuziin injifatamee booda alan cimee dhufuu danda'a jedheen yaada.

Warri Niiwkaasil Tootahaamiin injifatamuus barana sochii gaarii ni taasisu.

Niwkaastilii fi Kaardiif 1 qixxee bahu.

Eevertaniifi Saawuzhamten

Madda suuraa, BBC Sport

Eevertaniifi Saawuzhamten

Deeggartootni Eevartan toftaa taphaa Maarkoo Siilvaan hordofaniin gammadoo yoo tahan, bu'aan tapha dirreesaaniirratti taphatanii maalis ta'u maal ni deeggaru.

Taphni kun injifannoo Eevertan 2 fi 0 xumurama.

Leester fi Woolves

Madda suuraa, BBC Sport

Leester fi Woolves

Tapha Leesteer Maanchistar waliin torbee darbe taphateen sochii bareedaa agarsiieera.

Wooves gama isaaniin Eevertaniin si'a lama durfamaa turanii booda qabxii qooddataniiru.

Taphni kun injifannoo Leester 2 fi 1 xumurama.

Tootanaamiifi Fuulhaam

Madda suuraa, BBC Sport

Tootanaamii fi Fuulhaam

Tootanhaam gahuumsa gaariin Niiwkaasiiliin kan injifatan yoo ta'u, yeroo hin murtoofneef Wiinbileetti kan hin taphanne ta'uun isaanii waan yaaddessuun hin fakkaatu.

Fuulhaam torbee kanas kilaba Landan kan biraa simata. Torbee darbe Kiristaal Paalaasiin mo'ayameera. torbeen kunis isaanitti waan salphatu miti.

Taphni kunis injifannoo Totanhaam 2 fi 0 ni xumurama.

Weestihaam fi Barnimaawuz

Madda suuraa, BBC Sport

Weestihaam fi Barnimaawuz

Leenjisaan Weestihaam haaraan Maanu'eel Piligreenii taphattoota sarara fulduraa heddu bitataniis ittisni isaanii yaaddesaadha.

Barnimaawuz dirree isaaniin alatti jaboo ta'uu baatanis qabxii argachaa jiru. tapha kanarraas qabxii tokko ni argatu jedheen yaada.

Taphni kun 1 walqixaan xumurama

Cheelsii fi Arsenaal

Madda suuraa, BBC Sport

Cheelsii fi Arsenaal

Leenjisaan Arsenaal Onaay Eemir garee isaanii cimsanii ijaaruuf hojii guddaatu irraa eegama.

Warra Arsenaaliif taphni torbee darbee hedduu itti cimee ture. Cheelsiin garuu saphumatti Hadarsifiild injifachuu danda'e.

Taphni kun injifannoo Cheelsii 2 fi 0 xumurama.

Dilbata

Barnileeyi fi Waatfoord

Madda suuraa, BBC Sport

Barnileeyi fi Waatfoord

Carraalee argatan yoo itti fayyadaman warri Barnileey tapha kana adda addummaa dhiphaan injifachuu danda'u.

Waatfoord gahumsi isaanii itti fufiinsa kan hin qabne ta'uus gareeleen isaaniin gadi ta'uun liigicha akka xumuran nan tilmaama.

Taphni kun injifannno Barnileey 1 fi 0 xumurama

Maanchister Siitiifi Haaderisfiild

Madda suuraa, BBC Sport

Maanchister Siitiifi Haaderisfiild

Maanchisteer Siitiin filannoo taphataa sarara fuulduraa torbee darbe miidhame Keevin Da Braayiin bakka bu'an qaba.

Haaderisfiild torbee darbe Cheelsiin adda adda addummaa goolii hedduun mo'atameera. torbe kanas Istaadiyyoomii Itahaaditti wanti kanarra adda ta'e isaan hin eeggatu jedheen yaada.

Tapha kana MaanSiitiin 3 fi 0 injifata.

Biraayitan fi Maanchistar Yunaaytid

Madda suuraa, BBC Sport

Biraayitan fi Maanchistar Yunaaytid

Leenjisaan Biraayteen taphattoota torbee darbe itti hin fayyadamne tokko tokko ni hiriirsisu.

Maanchister Yunaaytiid torbee darbe Leestariin mo'achuuf tapha gaarii agarsiiseera. Taphattootni isaanii jajjaboon gahumsa isaanii guutuutti waan deebi'aniif cimaa deemu.

Taphni kun injifannoo Maanchistar 2 fi 1 xumurama.

Wiixata

Kiristaal Paalaasii fi Liivarpuul

Madda suuraa, BBC Sport

Kiristaal Paalaasii fi Liivarpuul

Liivarpuul carraa akka Weesthaam waliin yoo taphatan argatan amm hin argata

Leenjisaan Kiristaal Paalaas Rooy Hudseen qaawwa isaan injifachiisu kan hin uumne waan ta'aniif taphichi walmadaalaa ta'a.

Taphichi tokko walqixaan xumurama