Kubbaa miilaa: Leenjisaan Arsenaal Unaay Emirii ari'ame

Leenjisaa Arsenaal Unaa'ii Emirii

Turtii ji'oota 18 booda leenjisaan Arsenaal Unaay Emirii ari'a ar'amuun dhaga'ameera.

Arsenaal walumaa galatti taphoota torban darban walitti aanse taphateen hin mo'anne.

Kun ammoo sadarkaa ijaaramaanis ta'e qophii sammuun kilabichi yeroo ammaa irrati argamu baayyee yaaddessaa ta'eera.

Taphattoonnis ta'e deggertoonni Arsenaal ofitti amanamummaa dhabuurra darbee haarii keessa galanii jiru.

Kun ammoo carraa leenjisaan Arsenaal Emiriin carraa inni ar'amuu taasiseera.

Erga kaleessa galgala Yurooppaa Liigiirratti gareen isaa Arsenaal mo'atamee booda yaade kenneen Emiriin mo'achuu dadhabnullee tapha sirrii taphanneera jedhe.

Deggertoonni Arsenaal garuu taphaanis qabxiinis Arsenaal hedduu akka hin gammachiisiin ibsan.

Tapha Yurooppaa Liigii kaleessa galgalaa kana Arsenaal E'intiraanchit Firaanfart waliin ture kan taphatee 2-1n injifatame.

Arsenaal kan mo'ames dirree isaa emiraatisirratti ta'uun isaa deggertoota hedduu mufachiiseera.

Piriimer Liigii Ingilizii keessattis Arsenaal kan sadarkaa tokkoffaarra jiru Liiverpuuliin ammummaan qabxii 19n durfamaa jira.

Sadarkaa 1-4 keessaas dur fagaataa dhufe.

Eenyutu bakka Emirii bu'a laata?

Leenjisaan Cheslii duraaniifi Shaampiyoons Liigii Awurooppaa si'a sadii kan mo'ate Kaarloo Anchelootii warra Unaa'ii Emirii bakka bu'u jedhamanii kaadhimaman keessaati.

Kaarloo Anchelootii

Anchelootiin yeroo ammaa kana Seeri A keessatti Naappolii leenjisuurratti argama.

Erga Arsenaal qabxii dhabaa dhufee yeroo Emiriin akka ari'amu hamatauu jalqabe namoonni leenjisaan yeroo ammaa kilaba Woolviis keessatti milkaa'aa jiru Nuunoo Espiriittoo Saantoo bakka bu'a jedhamaa tureera.

Maanaajarri Tootanhaam duraanii Moorsiyoo Pochatiinoo, itti aanaa leenjisaa Maancheestar Siitii Maayik Arteettaa, dursaa kilaba Juuveentuus duraanii Maasimiiliyaanoo Aleegriifi leenjisaan Boornimaawuz Eedii Hoow warra kaadhimaman keessatti argamu.

Aanga'oonni arsenaal yeroo Emirii ar'an kanatti Fireedii Lijunbarg ammoo akka yeroodhaa garee Arsenaal kana leenjisuuf bakka buusaniiru.

Yeroodhuma kanas leenjisaa barbaachuun akka itti fufeeruufi adeemsi beeksisa baasuu xumuramaa jiraachuus himaniiru.

Deggertoonni Arsenaal yaada kennaniin Unaay Emririi ari'uun salphaadha garuu nama bakka isaa bu'uti rakkisaa ta'a jechaa jiru.

Akka deggertoonni Arsenaal kun jedhanitti, Arsenaal akka cimina isaatti deebi'uuf leenjisaa haaraa qofaa qacaruu osoo hin taane, miseensota boordii haaraafi miira deggertootaa dhaggeeffataa deeman muuduullee qaba jechaa jiru.