Laayibeeriyaan Arsan Weengariif simannaa gootaa taasifte

Madda suuraa, EPA
Deeggartoonni kilaba Arsenaal, leenjisaan duraanii Arsan Weengar sirna badhaasaa irratti hirmaachuuf wayita Laayibeeriyaa galan haala ho'aa taheen simatan.
Leenjisaan kilaba kubbaa miilaa Arsenaal duraanii kun, leenjisaa lammii Awurooppaa Pireezidantii Laayibeeriyaa ammaa Joorji Wiihaaf isa jalqabaa turan. Kunis wayita gara kilaba Monaakkootti bara 1988tti fidan ture.
Taphattoota lammii Afriikaa keessaa badhaasa Taphataa Cimaa Addunyaa Fifa (Baalondor) kan fudhate Pirezidant Wiihaa qofa.
Weengar guyyaa Jimaataa badhaasa olaanaa biyyattii Knight Grand Commander of the Humane Order of African Redemption jedhamu ni argatu.

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, EPA
Buufata xayyaaraa idil addunyaa magaalaa Harbelitti argamu wayita gahan, angawaa biyyattiin simatamaniiru.

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, EPA
Weengar wayita miidiyaati haasawaniis, Joorji daawwachuu akka dhufanii fi waa'ee badhaasichaa quba akka hin qabne dubbatan.

Madda suuraa, EPA
Namoota hundaa miti kan dhufaatii isaanitti gammadan.
Lammiileen biyyattii tokko tokko waan jedhan, badhaasni olaanaa kun sababa namtichi kun pireezidaantichaaf dhiyeenya qabaniif qofa kennamuu hin qabu jedhu.
Ministirri odeeffannoo Laayibeeriyaa Eugene Nagbe, badhaasni kun sababa pireezidantichi walitti dhufeenya dhuunfaa waan qaban qofaaf miti kan kennamu, haatahu malee ''gocha isaan guddina kubbaa miilaa Afrikaaf gumaacha taasisaniif,'' kan kennamu akka tahe BBCtti himaniiru.
Suuraaleen hundi mirgi abbeentaa isaanii kan eegamedha.















