Chaayinaan tamsaasa BBC World News dhorkite

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan miidiyaa BBC World News biyyattiitti akka hin tamsaasne dhorkuu, to'ataan televizhiniifi raadiyoo biyyattii Kamisa beeksise.
Chaayinaan, waa'ee koronaavaayirasii fi qabiinsa hamaa saba Uighur irratti gabaasota hojjetu irratti BBC qeeqxi.
BBCn murtoo kanaan 'muufachuu' ibseera.
Oduun kun kan dhagahame erga to'ataan miidiyaa UK - Ofcom, miidiyaa biyyoleessaa Chaayinaa kan tahe CGTN heeyyama UK keessatti hojjechuu mulquu hordofeeti.
Ofcom murtee kana ka dabarse erga heeyyamni CGTN dhaabbata Star China Media Ltd. jedhamuun haala dogoggora taheen qabamuu erga bira gahe booda.
Kana malees CGTN bara dabre keessa, qajeelfama miidiyaa Biriteen cabsee argamee ture. Kunis kan tahe erga miidiyaan kun jecha lammii UK Peter Humphrey humnaan kenname jedhame tamsaasuu hordofeeti.
Murtoo BBC irratti darbeen booda, Bulchiinsi Fiilmii, TV fi Raadiyoo biyyoleessaa Chaayinaa waan jedhe, gabaasaaleen BBC World News dabarsaa ture qajeelfama miidiyaa ''haalaan kan cabsan ture'' jedheera. Kanneen keessaas ''ulaagaa oduun haqa qabaachuufi madaalawaa'' kan jedhu cabseera; akkasumas ''fedhii biyyoleessaa Chaayinaa miidheera,'' jedha.
Waajirri kun akka jedhetti gaaffiin BBCn heeyyama waggaa tokkoof haareessuuf dhiyeesse fudhatama hin argatu.
BBCn dhimma kanarratti ibsa baaseen: ''Murtee angawoonni Chaayinaa dabarsan kanatti daran gaddineerra. BBCn akka addunyaatti madda oduu amanamaa kan taheefi biyyoota addunyaa garagaraa irraa odeessaalee madaalawaa, loogii kan hinqabneefi sodaa tokko malee kan dabarsudha.''
Chaanaaliin TV madda galiisaa ofiin kan danda'e BBC World News TV, addunyaarra Afaan Ingiliziin tamsaasa. Chaayinaatti gara caalu dhorkaan irra kan kaa'ame oggaa tahu, hoteelota idil-addunyaafi mooraa warra dippilomaatotaa qofa keessatti mul'ata. Kana jechuunis, uummatni Chaayinaa hedduun arguu hin danda'an.
Ministira Hajaa Alaa Biriteen ka tahan Dominik Raab, murtee kana ''murtee bilisummaa miidiyaa dhorku, fudhatama hinqabnedha,'' jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Walitti dhufeenyi Chaayinaa fi UK ji'oota dhiyeenyaan asitti dhimma Hongi Kongi irratti hammaachaa dhufeera. Kunis erga Beejing seera nageenyaa walfalmisiisaa dabarsite boodadha. Hongi Kongi koloonii Biriteen duraaniiti.
Amajjii keessa UKn jiraattota Hongi Kong miiliyoona 5.4 tahaniif viizaa UK keessatti ittiin hojjetaniifi jiraatan ifoomsite. Viizaa jiraattonni kun lammiilee UK akka tahan isaan dandeessisu kana kan ifoomsite, Chaayinaan mirgaafi bilisummaa jiraattotaa hudhaa jirti jechuuni.
Ganna lamaan dabran keessa, Chaayinaan miidiyaa biyya alaa ugguraafi dhorka irra kaa'aa jirti. Marsariitii fi aappiin BBC biyyattii keessaa dhorkamaniiru.
Guraandhala keessa BBC gabaasa dubartoonni Uighur kaampii Xinjiang keessaa gudeedamuu, qoccollaa saalaa irra gahufi dararaan nurra gaha jedhan dhiyeessee ture. Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa, BBCn ''gabaasa sobaa'' hojjechuun himate.
Ji'a dabre keessa Ameerikaan waan jette, Chaayinaan gochaa duguuggaa sanyii Uighur fi saboota Musliima tahan kaan irratti raawwatte jechuun himatte.
Wiiguroonni fi saboonni bicuun biroo miiliyoona tokkoo ol tahan, kaampiiwwan Chaayinaa keessa to'atamanii jiraachuu ni tilmaamama.
Chaayinaan Wiiguroota dararuu ni haalti. Bara dabre keessa UKtti ambaasaaddarri Chaayinaa Liu Xiaoming BBCtti akka himanitti, gabaasaaleen kaampiiwwan to'annoo Chaayinaa keessa jiru jedhaman ''sobadha'' jedhaniiru. Wiiguroonnis akkuma saboota kaanitti seera jalatti qabiinsa walfakkaataatu godhamaaf jedhan.














