Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanaa Tigraay: Mootummaan daandii guddicha Waldiyaa Maqalee geessuu to'achuu ibse
Raayyaan Ittisa biyyaa itoophiyaa haleellaa milishootaafi humna addaa Amaaraa waliin ta'uun gaggeesseen, daandii guddaa Waldiyaadhaa gara Maqalee geessu to'achuu, Tajaajilli Komumikeeshinii Motummaa ibsa Muddee 11, 2021 galgala baaseen beeksise.
Ibsichi dabaluunis, raayyaan daandii guddicha kana kutuun eddoowan waraanaaf baayyee barbaachisoo ta'an kan akka Dirree Roqaafi Sodomaa to'achuun gara magaalaa Haaraatti imalaa jira jedheera.
Akkasumas raayyaan gaarreen Zoobil akkasumas magaaloota Arjoo Fokiisaa fi Booranaa to'achuu beeksiseera.
Humni waluu kunis adda Wucaaleetiin gaarreen Ambaasal dabalatee Golboo, Aannaa Warra Baabboo, Kootiichaa Miilee, Aanaa Harbuutti Koobeel, naannoolee Markaataafi Faajjii to'achuun gara magaalaa Marsaatti qajeelaa jiraachu kaaseera.
Humnootiin TPLF daandiin Qobboo Waldiyaa geessuu jalaa cufamu kaasuun Gaashanaa fi Laalibalaan miliquuf yaalaa jiraachu himeera.
Dubbii Himaan TPLF Geetaachoo Radaa gama isaanitiin karaa toora miidiyaa hawaasaatiin, kaleessa akka barreessaniitti, deebii humnootii isaanii naannoo Amaaraatti isaan mudateef deebii gaarii kennuu, ''waan har'a Gaashanaafi Ambaasaliitti ta'e fi waan ittiaanuu yeroo biraa itti haa deebiinu'' jedheera.
Waraanni naannoo Tigraayiitti waggaa tokkoon dura eegalee booda ammo gara naannoolee Amaaraafi Affaariitti babalateen, humnootiin TPLF magaaloota hedduu qabachuun gara Shawaa kaabaatti babalifatanii turan.
Torbaniin dura MM Abiy Ahimad gara adda waraanaatti qajeeluun humna waloo hogganaa kan turan yoo ta'u, eddoowwan humnootii TPLFn qabatamanii turan hedduun humnoota motummaatiin to'atamanuun ibsameera.
Kanneen keessaa magaaloota Shawaa kaabaatti argaman dabalatee, Magaalaa Daseefi Komboolachaa kana Walloo Kibbaatti argaman, magaalaa seena qabeettii Laallibalaa fi eddoowwan waraanaaf bu'aa qabeessoo jedhaman naannoo Affaar fi Amaaraa keessaa humnoota motummaatiin to'atamuun gabaafameera.
Gama aangaa'oota TPLFn ammoo akka bahan kan taasiifameen ''murtee tarsiimootiin'' jechuun kan ibsan yoo ta'u, qondaalli waraana Itoophiyaa olaanoo kan ta'an Leetanaal janaraal Baacaan Dabalee ammoo BBCtti akka himaniitti, TPLF ''mo'amee bahee'' jedhaniiru.
Waraanni Sadaasa 4, 2020 Tigraay keessatti eegalee ture gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariiitti babbalachuun du'a namoota kumaatamaatiif sababa ta'eera. Akkasumas miliiyootaan kan lakkaa'aman qeesaanii akka buqqaa'aniif akkasimas kanneen kuma dhiibbaatamaan lakkaa'aman beelaaf akka saaxilaman madda ta'eera.