Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: MM Abiy adda waraanaarraa akkuma deebiyaniin bulchitoota biyyoota ollaa waliin mari'achuu himan
Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyyaa Roobii dirree waraanaatii waraana kallattiin taliiguurraa deebi'uu erga ibsanii booda bulchitoota biyyoota Baha Afrikaa jaha waliin mari'achuu himan.
Guyyaa har'aa MM Abiy waraana Kaaba Itoophiyaatti finciltoota Tigraay waliin adeemsifamu 'injifannoon xumuruun' waajjiratti deebi'uu beeksisanii turan.
Torban lamaan bakka isaanii bu'uun MM I/Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonniin hojii guyyuu mootummaa hoogganaa turuun ibsameera.
Akka MM Abiyyitti bulchitoonni waliin mari'atan kan Jibuutii, Keeniyaa, Yugaandaa, Somaaliyaa, Ertiraafi Sudaan Kibbaadha.
''Itoophiyaan hariiroo biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuuf dursa kennitee hojjetaa jirti,'' jedhaniiru fuula tiwiitara isaaniirratti barreessaniin.
''Dhimma waloofi dhimmoota naannawa [Bahaa Afrikaa] irratti waliin hojjechuu itti fufna.''
Gama kaaniin humnoonni mootummaa bakkeewwan dabalataa kanneen akka Hayiq, Wucaaleefi kaan to'atuu miidiyaan biyyaalessaa, ETV, Roobii galgala gabaaseera.
Torban lamaan darban MM Abiy waraana dirreetti argamuun hoogganaa turuu yeroo ibsanittii waraanni biyyattii bakkeewwan kana dura finciltoota Tigraayiin qabamee ture deeffachuu ibseera.
Bakkeewwan murtessoo humnoonni mootummaa bilisa baasuu ibse keessaa Dasee, Kombolchaa, Gaashanaa, Cifraafi bakki hawwata turistii Laalibalaan ni argamti.
Faallaa kanaan ammoo finciltoonni Tigraay 'tooftaaf' bakkeewwan kana gadhiisanii akka bahan himu.
Waraanni Itoophiyaa keessaa dhaabatee nagaan akka xumuramu biyyoonniifi dhaabbileen garaa garaa gaafataa turaniiru.
Baha Afrikaatti jilli addaa Gamtaa Afrikaa Oliseguun Obasaanjoo kan deeggarsa UN, US fi Gamtaa Awurooppaa qaban waraanni mariin akka xumura argatu sochii taasisaa jiru.
Guyyaa har'aas biyya ollaa Itoophiyaa Keeniyaatti argamuun Pirezidantii Keeniyaa Uhuruu Keniyaattaa waliin mari'ataniiru.
Dhimmi marii isaaniis ''dhimmoota garaagaraa Keeniyaa, naannawichaafi Afrikaaf barbaachisaa ta'e'' ta'u masaraan mootummaa Keeniyaa ibseera.
Imalli gara Keeniyaa taasisan ifatti qaama araara buusuun walqabachuun isaa hin ibsamne.
MM Abiy baatii Hagayya darbe keessas hoggantoota biyyoota Bahaafi Lixa Afrikaa dhaqanii daawwataniiru. Kunis, michummaafi deeggarsa cimsuu kan kaayyeffatedha jedhu xiinxaltoonni.
Filannoo biyyaalessaa jahaffaa booda sirna muudama isaanii magaalaa Finfinnee taasifamee irratti hogganoonni biyyoota Afrikaa kanneen guyyaa har'aa MM Abiy waliin mari'atuu ibsan garri caalan argamaniiru.
Biyyoonni kunneen yeroos haasaa taasisaniin waraanni biyyattii dhaabbatee mariin akka furamu ergaa dabarsaa turan.
Kana dura mootummaan dhukaasni dhaabatee mariin akka eegalu finciltoonni Tigraay Naannoo Amaaraafi Afaar keessaa akka bahan gaafatee ture.
Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oliseguun Obasaanjoo waraana dhaabuuf abdiin jira jechuun Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii (UN'f) ibsanis ammatti waan irra gahan hin baramne.
Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan gama isaaniin waraanichi gama dippilomasii ni furama jedhanii akka abdii qaban ibsaa turan. Kanaan achi biyya diigumsatti geessuu mala jechuun sodaa qaban ibsanii ture Bilinkan.
Dubbii Himtuun Waajjira Ministira Muummee Abiy Ahimad, Billanee Siyyuum Jilli Addaa Gamtaa Afrikaa adeemsa nagaa buusuu eegalan waan irra gahan mootumaaf dhihootti dhiheessu jedhanii akka eegan torban kana ibsaniiru.
Torban lama dura MM Abiy marii Baha Afrikaatti Jila Addaa US kan ta'an Jefrii Feltimaan waliin marii taasisaniin kayyoon isaanii finciltoota Tigraay Naannoo Amaaraafi Afaar keessaa baasuu akka ta'e himanii turan.
Ta'us, kana milkeessuun ni ulfaata yaada jechuun karoora isaanii kana ija shakkiin akka ilaalan ibsanii turan.
Waraana Kaaba Itoophiyaa kanaan lammiileen 400,000'tti tilmaaman haala beela fakkaatu keesa akka jiran UN ibseera.
Lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an, lamiileen miiliyoona 9 ol ta'an immoo deeggarsa nyaataa barbaadu jedheera Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN).
Ta'us, lolli dhaabatee mariin akka eegalu tattaaffiin taasifame ammatti bu'aa ifa ta'e hin mul'isne.