Waraana Tigraay: 'Nagaan akka bu'uuf TPLF naannoo Amaaraa fi Affaar gadhiisee bahuu qaba'

Nagaan akka bu'uuf TPLF iddoowwan naannolee Amaaraafi Affaar keessatti qabate gadhiisee bahu akka qabu mootummaan Itoophiyaa hime

Lola Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsise ilaalchisee nageenyi akka bu'uuf humnootiin TPLF iddoowwan qabatan gadhiisanii bahuu akka qaban mootummaan Itoophiyaa hime.

Dhimmoota waqtaawaa garagaraa irratti miidiyaaleef ibsa kan laatan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, nageenyi akka jiraatuuf humnootiin TPLF iddoowwan naannolee Amaaraafi Afaar keessatti qabatan gadhiisanii bahuu qaba jedhan.

Dabalataan seera qabeessummaa mootummaa Itoophiyaa fudhachuufi haleellawwan taasisan dhaabuu akka qaban himan.

Dhimmootni sadeen kunneen haldureewwan marii ta'uus ta'uu dhiisus akka danda'an kan himan Ambaasaaddarichi ammatti mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti mariin kan hin eegalamne ta'uu dubbatan.

Marii ilaalchisee wanti murtaa'e akka hin jirres himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo kamiyyuu nagahaaf fedhii akka qabu kan dubbatan Ambaasaaddar Diinaan, "akka biyya hiyyeessaatti misoomaaf dursa kennina" jedhan.

Lolli adeemaa jirus lola mootummaan Itoophiyaa osoo hin barbaadiin irratti fe'ame ta'uu himan.

Dhimma Pirezidaant Oluseegun Obaasaanjoo…

Pirezidaantii Naayijeeriyaa kan turanfi dhiyeenya Gamtaa Afriikaatti ergamaa addaa Gaanfa Afriikaa ta'uun kan ramadamanOluseegun Obasaanjoo tibbana angawoota mootummaa Itoophiyaafi TPLF waliin wal arganiiru.

Obaasaanjoon "ergama dhugaa hubachuu /fact finding mission/ irra jiru. Haalawwan jiran ilaalaa jiru" kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, Obaasaanjoon Maqalee, Finfinnee fi naannolee birootti imalanii akka turan akkasumas angawoota Gamtaa Afriikaa waliin mari'achaa akka jiranis himaniiru.

"Ejjennoon gama Itoophiyaatin jiru maali yoo jedhame, nuti nagaaf ejjennoo haaraa hinqabnu. Karaan wantootni nagaaf gufuu ta'an itti dhabamsiifaman akka umamu ni barbaadna kan jedhudha" jedhan.

"Wantootni nagaaf gufuu ta'an hanga dhabamsiifamanitti sababni gara nagaatti itti hin deemamneef hinjiru" jechuunis dubbatan.

Sochii Prezidaant Obaasaanjoon nageenyi akka bu'u taasisaa jiran ilaalchisees "nuti miseensa Gamtaa Afriikaa hundeessan keessaati. Miira Gamtaa Afriikaa ni fudhanna. Tumsa gama Afriikaatiin rakkoolee furuuf taasifamaniif immoo hundaa ol dursa laanna" jedhan.

Isteet Sakireetaariin US Antooniyoo Bilinkan waraana Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf dippilomaasiin ni hojjeta jedheen abdachaa jira jedhe.

Bilinkan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa kan ta'e Pirezidantii Duraabnii Naajeeriyaa Oluseguun Obasaanjoo, akkasumas Ergamaa Addaa US Jefirii Feltmaan waliin dubbachaan jira jechuun ibseera.

"Hojii barbaachisaa Pireziant Oluseguun Obasaanjoo itti jirurraan kan ka'e - carraaqqii nutis taasisuu jirrurraan kan ka'eefi kanneen biroon hojjechaa jiranirraan - foddaan of-duubatti deebiifi kana ammoo gara bakka foyyaa'aatti sisksuun ni jira," jedhe gaafa Roobii.

Bilinkan itti dabaluun Ministira Dhimma Alaafi Ministira Muummee Ittaanaa Dammaqaa Mokonnon waliin dubbachuu himuun, barbaachisummaa "waa'ee haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuu mariyachuurratti dhimmamee itti deemamuu akka qaburratti" gadi jabeessinee haasofneerra jedhe.