Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paarlaamaan Itoophiyaa Labsii yeroo Muddamaa Naannoo Tigiraayitti darbe raggaasise
Labsii yeroo muddamaa manni maree ministeerotaa kaleessa baase paarlaamaan qoratee raggasisuu hordofee abbaan alangaa waliigalaa labsicha irratti ibsa kenne.
Labsiin yeroo mmuddamaa bahe himata mootummaan federaalaa humni poolisii addaa naannoo Tigiraay buufata waraanaa raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaa maqalee jiru rukute jechuun haleellaan deebii akka kennu ajajeen boodadha.
Nannoo Tigiraayitti heerri mootummaa balaaf saaxilamaa jira waan taheef heericha ittisuufi labsiin yeroo muddamaa labsamuu mootummaan federaalaa ibseera.
Labsiin kun ji'oota ja'aaf kan turu yoo tahu gareen kana raawwachiisu addatti hundaa'eera.
Kunis Itamazhorii waliigalaa raayyaa ittisa biyyaan kan gaggeeffamu tahee itti waamamni isaa ammoo Ministira Muummee Abiy Ahmadiifidha.
Aangoo garee Labsii yeroo Muddamaa
Gareen labsicha raawwachiisu labsii yeroo muddamaa darbe kana bal'isuus tahe dhiphisee ajaja ykn Izzii tokko jalatti akka waamamu gochuu danda'a jedhan Abbaan Alangaa Waliigalaa Dr Geediyoon Ximotiyoos.
-Yeroo labsii kana raawwachiisu ni barbaachisa jedhee yoo itti amane labsiiwwan adda addaa baasuu danda'a.
-Mirga idilee lammiilee osoo hin sarbiin bakkeewwan labsichi darbe keessatti ergama isaa raawwachuuf tarkaanfii barbaachisoo tahan fudhachuu danda'a.
-Poolisii dabalatee qaama kamiyyuu taanaan hidhannoo hiikkachiisuu danda'a.
-Geejiba dabalatee sochiiwwan barbaachisoodha jedhee itti amane kaan irratti dhorkaa kaa'uu danda'a.
-Daangaa yeroo sochii kaa'uu, sochii meeshaalee waraanaa dhaabuu, tooftaaleen wal qunnamtii akka addaan citan gochuu, ergama garee kanaaf gufuudha ibsa jedhaman dhaabsisuu danda'u.
-Namoota dhuunfaa fi garee gocha seeraan alaa irratti hirmaataniiru jedhee shakke to'achuun tursiisuu danda'a.
Bakkeewwan labsichi darbetti ergama koof na gargaara jedhee yoo itti amane namoota mana tokko keessa, bakka ykn naannoo tokko keessa akka turan gochuuf aangoo akka qabu ifatti labsicha irra taa'uu Dr Geediyoon himaniiru.
Manaa fi fe'umsa garaagaraa dhaabsisuun sakatta'uu danda'a.
Dhaabbilee tajaajila kennan fi bu'uuraalee misoomaa ergma koof na gargaara yoo jedhe dhaabsisuu danda'a.
Gareen labsii muddamaa kana raawwachiisu ergama isaa milkeessuuf barbaachisaadha kan jedhe raawwachuuf aangoo akka qabu Dr Geediyoon himaniiru.
Adeemsa kana keessattis tarkaanfiiwwan fudhachuu akka danda'u himaniiru.
Muddamni naannoo Tigiraayii fi mootummaa federaalaa gidduu jiru erga naannichi murtee mootummaa federaalaa diduun filannoo naannoo gaggeesseen as haalaan hammaachaa dhufe.
Kunis gara tarkaanfii waraanaatti ce'uun haleellaa humni addaa naannoo Tigiraay buufata waraanaa raayyaa ittisa biyyaa Kaabaa kan Maqalee jiru irratti fudhateen lubbuun dabuun qabeenyi guddaan miidhamuu himaniiru.
Gaggeesitootni adunyaa bebbeekamoon gareen lamaan waraana dhaabuun gara mariitti akka deebi'aniif waamicha taasisaa jiru.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman kan akka Aminestii Internaashinaal fi komishiniin irga namoomaa ammoo haalli kabaja mirga namoomaa lammiilee nagaa naannicha keessa jiranii akka isaan yaaddesse ibsaa jiru.
Tajaajilli qunnamtii fi interneetii uummata naannoo Tigiraayiif akka deebi'uufis gaafataniiru.