Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigiraay: Iiziin Labsii Yeroo Muddamaa ajaja qaamoolee nageenyaa, kireessitoota manaafi baankii ilaallatu baase
Izziin hojiirra olmaa labsii yeroo muddamaa torban darbe biyyattii guutuutti labsame hordofu hojiiwwan hanga ammaatti raawwataman gamagamuun ajaja dabalataa dabarse.
Ibsa Izzichi Sadaara 10, 2021 baaseen, ummanni deebii waamicha dhiyaateef kenneefi qabxilee waraana guyyoota darban keessa gaggeeffamaniin galmaa'aniiru jedhu ibsuun tarkaanfiiwwan itti aansuun hojiirra oolfaman beeksiiseera.
Haaluma kanaanis adeemsa hojiirra olmaa labsii yeroo muddamaa keessatti, ''namoota seeraan alaafi meeshaalee waraanaa seeraan alaa hedduu to'achu'' ibsuun, ''diinni maqaa gaarii qaamoolee nagaa balleessuuf socho'aa jira'' jedheera.
Qaamooleen nagaa muraasni haala kanatti fayyadamuu barbaadan jiraachuu izzichi bira gahuu fi ''isaan kanneen irratti tarkaanfii ragaarratti hundaa'e kan keessa hin deebii'amne akka fudhatamuu,'' ajajni kenname ibseera.
Kana malees, ''kanneen nagaa ummataaf yaaddoo ta'an adda baasuuf akka gargaaruuf'' kireessaan manaa kamuu ragaa guutuu eenyummaa nama mana isaa kirreeffatee ibsu torban tokko keessatti buufataalee poolisii dhiheenysaaniitti argamuutti akka galmeessan, kan kanneen hin raawwannee irratti ammoo tarkaanfii seeraa akka fudhatu ajaja dabarseera.
''Namoonni seeraan alaa'' haala danbiiwwaniifi qajeelfamoota raawwii baankii biyyaaleessaafi adeemsa seeraa baankiitiin ala haala seeraan alaatiin maallaqa dadabarsaa jiraachu izzichi irra gahuu fi tarkaanfii barbaachissu fudhachu beeksiiseera.
Kanaafuu baankoota seerootaafi qajeelfamoota kanaan dura bahaniin ala hojjataa jiran irratti haala labsii yeroo muddamaa bu'uurreeffateen, baankiin biyyaaleessaa Itoophiyaa qaamoolee seera raawwachiisan waliin ta'uun tarkaanfii cimaa akka fudhatuuf ajajeera.
Kana malees namoota sanadawwan dadabarsa maallaqaa seera qabeessa hin taane harkatti argame irratti, ''tarkaanfiin kan kanaatiin ala cimaa ta'e akka irratti fudhatamu'' ajajni darbuu izziin labsii yero muddamaa hordofu kun ajaja dabarseera.
Ajajawwan dabalataa izzichi amma baaseen alattis, bu'aalee eddoowwan guyyoota darban keessa waraanni itti gaggeeffameetti galmaa'aniiru jedhees bal'inaan ibseera.
Ibsichi addawwan Baatii- Asaagiitaa, daangaalee Tigraayiifi Affaar irratti naannawa Bisoo Barri, Adda Warra Iluutiin, Adda Aqastaa, Adda Kamisee fi Adda Maayi Tsabiriitiin waraanni sadarkaa adda addaa gaggeeffamu himeera.
Lolawwan raayyaa ittisa biyyaafi humna qilleensaa akkasumas humnootiin addaa naannoolee fi milishoonni keessatti hirmaachuun naannoolee Amaaraafi Affaar keessatti gaggeefamaniiru jedhaman kanneeniin ''bu'aa qubsaan'' galmaa'eera jedhe.
Akkasumas naannoo Oromiyaa, Kaaba Shawaa, Shawaa Lixaa, Horro Guduruu fi Wallaga Bahaa aanaalee tokko tokko keessatti humni addaa fi milishaan naannichaa, poolisiin federaalaa fi raayaan ittisa biyyaa waliin ta'uun tarkaanfii fudhataniin, miseensoonni Shanee ''barbadaa'uufi to'annoo jala oolfamu'' ibseera.
Labsiin yeroo muddamaa ''tokkummaa daangaa biyyattiifi walabummaa ishee irratti balaan waan agaamameef'' balaa kunis ''sirna seera idileetiin to'achuun waan hin danda'amneef, dhaabbileen nageenyaa fi tika biyyatti akkasumas lammiilee wal ta'uun balaa agamame kana deebiisuu'' yaadamee kan labsame ta'un ibsamuunsaa ni yaadatama.
Labsiin yeroo mudammaa ALI Onkolooleessa 23, 2014 irra kaasuun hojiirra oolfame kun baatiiwwan jahan dhufaniif kan hojiirra oolfamudha.