Waraana Tigraay: Labsii yeroo muddamaatiin dhorkaawwanii fi dirqamawwan kaa'aman maal fa'i?

Labsiin yeroo muddamaa Manni Maree Ministirootaa Kibxata 02, 2021 irraa kaasee hojiirra akka ooluuf labse baatiiwwan jahan dhufaniif akka turu himameera.

Labsii yeroo muddamaa kanas hojiirra kan oolchuufi hordofu 'qajeelcha izzii labsii yero muddamaa' yoo ta'u, izzichis ajajaa Itaamaajoorii shuumii olaanaa humnoota waraana biyyattiin kan durfamuu fi qaamoolee garaa garaa hammachuun itti waamamni isaa Ministira Mummee biyyattiif ta'a jedhameera.

Labsiin yeroo muddamaa 5/2024 kun ''balaa walabummaafi jiraachuufi jiraachu dhabuu biyyatti irratti aggaamame ittisuuf'' jedhame kan bahe yoo ta'u manni maree bakka bu'oota uummataa yeroo dhiyootti akka raggaasisu eeggama.

Labsiin kun kan labsamee Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggaa tokko dura eegale hammaatee humnoonni finciltoota Tigraay magaalota naannoo Amaaraa Deessee fi Kombolchaa to'achuu isaanii hordofeeti.

MM Abiy Ahimad guyyoota muraasa dura lammileen biyyattii martuu dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii meeshaa fi humna qabaniin akka waraanatti duulan waamicha dhiyeessanii turan.

Mootummaan naannoo Amaaraas haaluma wal fakkaatuun hojiin idilee naannichaa hundi dhaabbatee waajjiraaleen mootummaa qabeenya qaban dhimma waraanaaf akka oolchan labseera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ammoo jiraattonni guyyaa lama keessatti meeshaa waraanaa isaanii akka galmeessisanii fi gurmaa'anii akka naannoo isaanii eegan waamicha dhiyeesseera.

Qondaalonni finciltoota Tigraay fi kan Waraana Bilisummaa Oromoo loltonni isaanii waliin qaamaan wal qunnamuu fi waliin ta'uun gara Finfinnee akka duulan ibsaniiru.

Ameerikaa fi Raashiyaan ammoo lammiileen isaanii gara Itoophiyaa akka hin imalle, kanneen Itoophiyaa keessaajiran bahuuf akka of qobbeessan akeekkachiisaniiru.

Tarkaanfiiwwan labsii yeroo muddamaatiin fudhataman

Izziin qajeelfama labsii yeroo muddamaa walabummaafi jiraachuufi jiraachu dhabu biyyattii akkasumas nageenya lammiilee eegsiisuuf barbaachisaadha jedhe yoo amaneetti:

  • Naannoo biyyattii kamiittu humna ittisaa ykn qaama nageenyaa kamuu bobbaasuun nagaa fi tasgabbii akka kabachiisuuf ajaja kennu ni danda'a.
  • Lammii umuriin isaanii tajaajila loltummaaf gaheefi kanneen meeshaa waraanaa hidhatan akka leenjii loltummaa fudhatan, dirqama loltummaa akka fudhatan ykn kana raawwachuuf kan hin dandeenyee yoo ta'e hidhannoo isaanii mootummaaf imaanaan akka kennan ajaju danda'a.
  • Uggura sa'aatii labsuu ni danda'a.
  • Qunnamtiiwwanii fi geejibawwan ummataa kamuu akka cufaman ykn akka adda citan ajajuu danda'a.
  • Namni gareewwan shororkeessaa waliin wal-ta'a jedhamuun haala sababii qabuun shakkame kamuu ajaja mana murtii malee to'annoo jala oolchuun, yeroo labsiin kun hojiirra oolfamutti to'atee tursiisuu ykn seera idleetiin itti gaafatamoo akka hin taane gochu ni danda'a.
  • Namni ykn dhaabbanni haala sababa qabuun gareewwan shororkeessaa waliin wal-ta'a jedhamee shakkame kamuu, qabeenyasaa, mana kamuu, gamoon, lafa, konkolaataa sakatta'uu fi nama kamuu dhaabachisuun, eenyummaa isaa gaafachu, sakatta'u ni danda'a. Akkasumas meeshaalee wayita sakatta'insi raawwatamutti argame dhaaluu ni danda'a.
  • Yeroo murtaa'eef daandiiwwan fi dhaabbilee tajaajila kennan cufuu ykn namoonni yeroo murtaa'eef bakka murtaa'e akka turan, bakka murtaa'ee akka hin seenne ykn bakka murtaa'ee akka gadhiisan ajaju ni danda'a.
  • Caasaa hoggansa naannoolee biyyattii rakkoon nageenyaa fi yaaddoo olaanaan keessatti umamee gutummaan ykn gartokkeen dhorkuu, jijjiruu fi hoggansa siviilii ykn waraanaatiin bakka busuu ni danda'a.
  • Sochii dhaabbata siiviilii kallattiin ta'e al kallattiin, haamileen ta'ee karaa meeshaatiin garee shororkeessaatiif deeggarsa ni taasisa jedhamee shakkamuu, karaa abbaa tayitaa dhimmisaa ilaallatuutiin akka dhorkamu ykn heeyyama isaa haqu ni danda'a.
  • Sabaa himaa ykn gaazexeessaa kallattiin ta'ee karaa al kalattiitiin gareewwan shororkeessaatiif deeggarsa haamile ni taasisan jedhee amanu karaa abbaa tayitaa dhimmi isaa ilaallatutiin akka dhorkamu ykn heeyyamni isaa akka haqamu ajaju ni danda'a.

Gochaawwan dhorkamaniifi ittigaafatamummaawwan

  • Namni hundi qaajeelfamoota Izziin Qajeelcha Yeroo Muddamaa haaluma labsichaatiin baasuufi ajajawwan kennu fudhachuf dirqama qaba.
  • Sochii Izzii qajeelfama labsii yeroo muddamaa fi kaayyoo labsii yeroo muddamaatiin mormu fi kan kaayyoo gareewwan shororkeessaa fiixaan baasuuf gummaachu, kan garee shororkeessaa jajjabeessu, haasaa lammiilee nagaa burjaajessu karaa kamiinu gochu ykn tamsaasuun dhorkamaadha.
  • Karaa kamiinuu, kallattiin ta'e al-kallattiin gareewwan shororkeessaatiif deeggarsa maallaqaa, odeeffannoo, meeshaa ykn hamlee gochuun dhorkaadha.
  • Qaamoolee waljalaa duubaan Izziin Qajeelcha Labsii yeroo Muddamaa bakka bu'iinsaafi hayyama kenneefiin alatti walgahii dirree ykn hiriira nagaa kamu taasisuun dhorkamaadha.
  • Beekkamtii Raayyaa Ittisa biyyaa, poolisii federaalaa ykn qaamoolee nageenyaa hayyama kennaniin alatti ykn beekkamtii fi hayyama qaamoolee kanneen alatti meeshaa waraanaa kamu qabatanii socho'uun dhorkaadha.
  • Naannawa magaalaatti jiraattoonni waraqaa eenyuummaa, hayyama konkolaachisummaa, waraqaa enyummaa hojjataa, paaspoortii ykn waraqaa eenyummaa kanaan wal gitu osoo hin qabatiin socha'uun dhorkaadha. Kanneen hin qabne torban lama jidduutti akka baafatan.
  • Adeemsa omishaa fi tajaajila damee murteessaa ta'e kamuu danquu ykn daba diinagdee kamu raawwachuun dhorkamaadha.
  • Labsii yeroo muddamaa raawwachisuu sababii gochuudhaan bu'aa dhunfaa argachuuf seeraan ala aangootti fayyadamuun, osoo shakkiin sababii qabeessa ta'e hin jirre itti yaaduun lammiilee hidhuun ykn tarkaanfiiwwan walfakkaatan fudhachun dhorkamaadha.

Seeroota hojiirra oolmaansaanii dhorkame

  • Dhimmoota labsii kanaan hagugaman irratti hanga yeroon labsii yeroo muddamaa xumuramuutti qaamni abbaa seeraa kamuu aangoo hin qabaatu.
  • Mirgi Dippilomaatikii Waliigaltee Konvenshinii Veenaa irratti kaa'ame akkuma eegameetti ta'e, qabiyyeen fi sirnoonni seerootaa labsii kanaan faallaa ta'an, yeroo labsiin kun hojiirra ooluutti akka hin hojjanneef dhorkamuun turu.

Ittigaafatamummaa yakkaa

  • Namni danbiiwwan labsii kanaa fi qajeelfamoota labsichaan baahan darbuun argame kamuu hidhaa salphaa hanga waggaa sadii gahuun ykn haaluma cimina yakkasaatiin hidhaa cimaa hanga waggaa kudhaniitiin ni adabama.
  • Yakki danbiiwwan labsii kanaa fi qajeelfamoota labsichaan kaa'aman darbuun raawwatame seeroota gara biraatiin kan adabbii caalaan adabsiisu yoo ta'e adabbii olaanaatu hojiirra oolfama.
  • Ittigaafatamummaan yakka labsichaa fi qajeelfamoota labsichaan kaa'aman darbuu tibba labsii yeroo muddamaatti raawwatamanii hordofsiisan, hanga yeroon hojiirra oolmaa labsichaa xumuramuutti, haaluma sirna seera yakka idileetiin itti fufu.