US fi Raashiyaan lammileen isaanii gara Itoophiyaa akka hin imalle akeekkachiisan

Ameerikaan lammiileen ishee gara Itoophiyaa dhufuu barbaadan irra deebiin imalasaanii akka ilaalaniifi kanneen Itoophiyaa keessaa jiran ammoo bahuuf akka of qopheessan akeekkachiifte.

Biyyattiin ergaa akeekkachiisaa Kibxata galgala karaa marsaalee hawaasaa Imbaasii US kan Itoophiyaatti argamutiin baasteen, haalli nageenyaa Itoophiyaa keessaa guyyoota muraasa darban keessatti hammaachaa deemuu himeera.

Keessattu waraana Naannoo Amaaraa, Affaarii fi Tigraayi keessatti gageeffamuun walitti bu'iinsaafi tasgabbii dhabuu siviilii cimsuu kaaseera.

Haaluma wal fakkaatuun haalli nageenyaa hammaachaa jira kan jedhe Imbasiin Raashiyaa Finfinnee jiru, dhimma ariifachiisaaf yoo ta'e malee lammileen Raashiyaa gara Itoophiyaa akka hin imalle hubachiisee jira.

Ibsi imbasiin Ameerikaa baase akka jedhutti, irra jireessi daandii guddaa (A2) Finfinnee fi magaaloota kaaba biyyattii wal quunnamsiisu aanga'oota fedraalaatiin ugguramuun, imalli akka adda citu, imaltoonni akka danqamaniifi walumaagalatti haalli imalaa kan mijatu akka hin taane taasiseera.

Kanaan walqabatees, hojjattoonni Imbaasii US Finfinneedhaan ala akka hin imalleef dhorkamus himeera.

Itti dabaluunis namni lammii US ta'e ykn yoo miseensa maatii lammummaa US qabu Itoophiyaa keessaa qabaatan atattamaan akka galmaa'aniif gaafateera.

Haala nageenyaa biyyattii keessa jiru ilaalchisee Manni Maree Ministiroota Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa biyyattii guutuutti labsuun isaa ni yaadatama.

Labsiin yeroo muddamaa mana marichaatiin darbe kunis sa'aatii 48 keessatti mana maree bakka bu'oota uummataatti dhiyaatee raggaasifamuu kan qabu tahus, garuu guyyaa Kibxata 02, 2021 irraa eegaluun hojiirra kan oolu tahuun ibsameera.

Manni marichaa haala waktaawaa biyya keessa jiru madaaluun labsichi akka hojiirra oolu murteessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.