Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Bakkeewwan dhiyeenya to'ataman TPLF'f 'kufaatii guddaadha' - Mootummaa Itoophiyaa
Finciltoonni Tigraay 'tarsiimoof jecha bakkeewwan to'annee turre gadhiisne' jechuun isaanii akka waan guddaatti hin ilaallu, bakkeewwan dhiyeeynya to'ataman garee TPLFf 'kufaatii guddaadha' jedhe mootummaan Itoophiyaa.
''Bakkeewwan Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoota naannolee lamaaniin to'ataman ragaadha. Dabalataan, qophiin tarsiimoo Raayyaa Ittisa Biyyaas,'' gumaacheera jedhan Pirees Sakreetaariin Waajira Ministeera Muummee Billanee Siyyuum ibsa haala yeroorratti miidilaayeef kennaniin.
Finciltoonni TPLF bakkeewwan to'atanii turan 'tarsiimoof jecha gadhiisnee baane jedhanis, "Wanti lafarra jiru of hima" jedhan Billaneen ibsa TPLFf deebii kennaniin.
Torban lamaan darban Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi humnoonni naannolee Amaaraafi Affaar walin ta'uun bakkeewwaan haaraa kana dura TPLFn to'atamanii turan deebisanii to'achuu himaniiru.
Kanneen keessaatti magaalli murteessituu daandii Finfinnee geessu gubbaatti argamtu Daseefi magaalaan industiriin beekamtu Kombolchaan ni argamu.
Torban lama dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad dirree waraanaatti bahuun erga kallattiin lolchiisuu eegalanii booda ture waraanni mootummaa olaantummaa fudhachuu kan himuu eegale.
MM Abiy Ahimad 'diinni yeroo dhihootti barbadeeffama' jechuun magaalota kana dura finciltoota Tigraayin qabamanii turan deebifachuu isaanii gaafa Wiixataa dirree lwaraanaarraa miidiyaalee biyya keessaatti dubbataniiru.
Finciltoonni Tigraay gama isaaniin 'tarsiimoof' jecha bakkeewwan kana gadhiisanii akka bahan dubbataa jiru. Mootummaan garuu kana hin fudhatu.
Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa gaafa Wiixataa ergaa Tiwiitara isaaniirratti dabarsaniin ''Kaaba Shawaa, Kombolchaafi Dasee akkaataadhuma sagantaa keenyaan gadhiisne,'' jedhan.
Gama kaaniin ibsa waloon Ameerikaafi biyyoonni shan biroo hidhaan 'sabummaarratti' hundaa'e mootummaa Itoophiyaan raawwataa jira jechuun himatanii yaaddoosaanii ibsatanis mootummaan qeqeera.
Naannoo Afaariifi Amaaraatti qabeenya finciltoota TPLFn saamameefi manca'e jedhame hammi isaa meeqa akka ta'e baruuf qaamoleen federaalaa qorataa akka jiran Billaneen ibsaniiru.
Mootummaan maal jedhe?
Billanee Siyyuum erga waraanni biyyattii bakkeewwan finciltoota Tigraay jala turan to'achuu eegalee booda dubbii TPLF taasise qeeqaniiru.
''TPLF bakka bu'e dubbachuu hin danda'u. Himannaan tarsiimoof jedhanii duubatti debi'uu dubbatan ammoo isuma torban afur dura Finfinneetti dhihoo jiru dubbii jedhuun,'' walbira qabeen ilaala jechuun ''Akka waan guddaatti hin ilaallu,'' jedhan.
Dhimma kana irratti torban darbe BBC waliin turtii kan taasisan qondaalli waraanaa mootummaa Itoophiyaa Let. Janaraal Baacaa Dabalees waan walfakkaataa dubbatan.
''Maal akka jedhan eegamaree? Humna isaaniin, dandeettii isaaniin miti kan as gahan. Humnaafi dandeettii namoota isaan erganiinidha as kan gahan. Kanaafuu gooftota isaanii gammachiisuuf maal jedhuree?''
TPLF maal jedhe?
Torban lamaan darban humni waraana mootummaa hooggantummaa MM Abiy Ahimadiin bakkeewwan Naannoo Amaaraafi Affaar yeroo to'atu eegaletti TPLF ibsa baasen ''tarsiimoof,'' akka gadhiise ibseera.
Dilbata darbe ibsa miidiyaaf kennaniin Dura Taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el humnoonni isaanii bakkeewwan qabatanii turan gadhiisaa akka jiran himan.
Gaafa Wiixataa Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa ammoo, ''Xaarmaa Barrii hanga Dasee waraana diinaa cabsineerra. Abiy fi michoonni isaa nu dura dhaabbachuu hin danda'an,'' jechuun barreessaniiru.
Wiixata galgala keessammoo akkaatuma sagantaa isaaniin Dasee, Kombolchaafi Shawaa Kaabaa gadhiisuu himan.
''Humni ijaaramee magaalota kana 'bilisa' baasu hin jiru. Kanammoo jiraattonniifi janaraalonni Abiy ni beeku. Hunduu akka karoora keenyaan deemaa jira,'' jechuun ibsan.
Finciltoonni TPLF baatii Waxabajjii darberraa eegalee ture gama Affaariifi Amaaratti ce'uun haleellaa banuu kan eegalan. Ergasii bakkeewwan danuu duraan to'atanii turan torban lamaan darbanitti mootummaan deebisee to'achuu ibsaa jira.
Maloonni kominikeeshinii waan adda citanif waan lafarra jiru odeeffachuun rakkisaadha.
Deebii yaaddoo US fi kaan irratti
Guyyaa Wiixataa biyyoonni kanneen akka Ameerikaa, UK, akkasumas kanneen biroo afur hidhaa 'sabummaarratti hundaa'e' jedhan Itoophiyaatti deemaa jiru ilaalchisuun yaadda'uu ibsaniiru.
Labsiin Yeroo Muddamaa baatii tokko dura labsamuu hordofee gareewwan mirga namoomaaf falman yaaddoo wal fakkaataa ibsaa jiru.
Mootummaan Itoophiyaafi poolisiin garuu hidhaan sabarratti hundaa'e hin jiru jechuun waakkatu.
Dhalattoonni Tigraay BBC'n magaalaa Finfinneedhaa dubbisu yaaddoo qabaachuu himu.
Billaneen deebii biyyoota ibsa waloo baasaniif kennaniin ''Labsiin Yeroo Muddamaa garee ummataa tokko sabummaa isaanirrattis ta'e kaan isaan ibsuurratti kan xiyyeeffate miti,'' jedhan.
''Labsii Yeroo muddamaa jalatti ragaa amanamaa bu'uura godhachuun namoonni hedduun qaamota nageenyaan to'annoo jala seenaniiru,'' jechuun qoratamaa gadhiifamaa akka jiran himan.
Ta'us, lakkoofsaan meeqa akka ta'an akka hin beekne himan.
Waamicha biyyoota kanneenii ''boo'icha'' jechuun kan ibsan Billaneen, biyyoonni kun sarbama mirga namoomaafi mancaatii qabeenyaa TPLFn raawwate jedhan balaaleeffachuu dhabuu isaanii eeruun qeeqaniiru.
''Kun mootummaa bu'uura seeraa qabudha. Nageenya lammiilee eeguufis dirqama qabudha. Kana gidduu seenuuf wanti taasifamu birmadummaa biyyattii akka sarbuutti ilaalama,'' jechuun deebii kennan.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti erga jalqabee waggaa kan darbe yoo ta'u sababa lola kanaan lammiileen miiiyoona 9 ol deeggarsa nyaataaf saaxilamaniiru jedheera UN.
Lammiileen miiliyoona 2 ol qe'eerraa yoo buqqa'an ummanni 400,000 ol ta'ummoo haala beela fakkaatu keessa jiru jedheera UN.
Lolli kuni dhaabatee mariin akka furamu carraaqqiin itti fufeera.