Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Humnoonni mootummaa magaalaa seena qabeettii Laalibalaa to'achuu himan
Humnoonni mootummaa Itoophiyaa magaalaa hambaa UNESCO taate Laalibalaa baatilee afur dura finciltootaan qabamtee turte deebisanii to'achuu beeksisan.
Raayyaan Ittisaa magaalaa Laalibalaa fi buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Laalibalaa guutummaatti to'ateera jedhe Ministeerri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa.
Roobii ganama Gaashanaa fi Shawaa Roobit dabalatee iddoowwan ijoo ta'an to'annoo raayyaa ittisaa jala galuu kan ibse ministeerichi humnoonni mootummaa gara Laalibalaa fi Waldiyaa imalaa jiru jedhee ture.
Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaa keessatti kan argamtu magaalaan seena-qabeettiin Laalibalaa, magaalaa guddoo naannoo Amaaraa Baahirdaar irraa kiilomeetira 310 fagaattee argamti.
Baatilee Afur dura Hagayya keessa ture humnoota tigraayiin kan to'atamte.
MM Abiy Ahimad gara adda waraanaa duuluu hordofee akka haarawatti haleellaa kan eegale Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyoota muraasa darban adda waraanaa gara garaan injifannoo gonfachaa akka jiru mootummaan himaa jira.
Adda waraanaa Gaashanaa irratti raayyaan ittisa biyyaa, humni addaa Amaaraa, milishaan naannichaa fi Faannoon waliin ta'uun bakka diinni qabatee ture Arbit, Aqat, Daabboo fi magaalaa Gaashanaa to'achuu himeera.
TPLF tarsiimoof jecha humnooti isaa iddoowwan qabatanii turan gadi dhiisani bahaa jiru jedhe.
"Osoo gaaga'amni lubbuu hedduumminaan hin mudatin milkaa'inni argamaa jira" jedhan Roobii ganama miidiyaaleef ibsa kan kennan ministirri tajaajila komunikeeshinii Dr Laggasa Tulluu.
"Adda waraanaa kanatti hidhattoonni garee fi dhuunfaan socho'an akkasumas meeshaaleen waraanaa gurguddoon loltoota mootummaan booji'amaniiru,'' jedhan.
Lotoonni Itoophiyaa bakka murteessituu taate Gaashanaa to'achuun, diinni Laallibalaa, Saqoxaa, Waldiyaafi Dasee keessatti iddoowwan to'atee ture akka gadi lakkisu gochuuf daandii kan saaquudha jedhaniis turan.
Karaa adda waraanaa Warra Iluu ammoo-Jaammaa Dogoloo, Warra Iluu, Gannatee, Fincooftuufi magaalaan Aqasaa tumsa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna Addaafi milishaa Amaaraa, akkasumas faannootiin guutummaatti harka Raayyaa Ittisa biyyaa jala galaniiru. Shawaa Roobitis harka diinaa harkaa baatee to'annoo mootummaa jala galteetti.''
Adda waraanaa bahaan Raayyaan Ittisa Biyyaa, Humni addaafi milishaan Affaar duraanuu naannolee diinaan qabamanii turan bilisa baasaniiru kan jedhan Dr Laggaseen, ''Iddoowwan akka Asaagittaa, Burqaa Waahimaa, Ciiftuu, Dirree Roqaa, Cifraa, Alalee Sululaa jedhaman guutummaatti diina jalaa ba'uun bulchiinsa naannoo bakkasaatti deebi'eera,'' jedhan.
Milkaa'ina argame keessatti ga'ee uummanni naannoo gumaacheef mootummaan galata guddaa qabas jedhan.
Diinni mo'ame odeeffannoo sobaa facaasuu mala kan jedhan hoogganaan kun, uummanni odeeffannoon sobaan burjaaja'uu akka hin qabnes dhaamaniiru.