Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: MM Abiy hidhattoonni TPLF waliin hiriiran hundi harka akka kennataniif waamicha dhiyeessan
Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru irratti raayyaa ittisaa dursuun kan hirmaataa jiran Ajajaan Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaafi Ministirri Muummee Abiy Ahmad 'hidhattoonni TPLF waliin hiriirtan hundi karaa nagaatiin harka kennadhaa' jedhan.
Adda waraanaa amma irra jiranirraa ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kan kennan MM Abiy Ahmad, waraana gaggeeffamaa jiruun diinasaanii mo’achaa jiraachuu ibsan.
‘’Wanti guddaan diinni injifatameera. Hojiin nu hafe diina barbadeessuufi bittimsuudha,’’ jechuun kan dubbatan Ministirri Muummee Abiy, ‘’Milkaa’ina kutaa baha biyyattiitti arganne Gaashanaattis ni daballa,’’ jedhan.
Kutaa Kaaba biyyattii gaara Gaashanaatti dhiyoo jirurraa ibsa kan kennan Ministirri Muummee Abiy, ‘’har’a asii karoorsinee borimmoo Gaashanaatti diina bittimsina,’’ jedhan.
‘’Haleellaan Gaashanaarratti gaggeessinu akkaan murteessaadha. Bakka diinni kisaaraa qaqqabsiiseef gatiisaa itti argatuudha. Kana raawwachuuf karoora qixeessineerra, loltoonniifi hooggansi keenyas qophiidha,’’ jedhan.
Ministirri Muummee Abiy qaamoleen isaaniin lolaa jiran namoota leenjii waraanaa hin qabne hiriirsuun badii lubbuu hedduuf sababa ta’uurraa akka of qusatan dhaamaniiru.
Kanaan dura dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa gamasaan turtii BBC waliin taasiseen, namoonni mootummaan dirree waraanaatti ergaa jiru kanneen muuxannoo waraanaa hin qabne waan ta’aniif garmalee dhumaa jiru jechuun ibsee ture.
Ministirri Muummee Abiy garuu ammas taanaan namoonni TPLF jala deemaa jiran hunduu harka kennuun dhumaatii lubbuu hambisuu qabu jedhan.
‘’Dargaggoonni Tigraay garee gara deemu hin beekne jala deemuun lubbuunsaanii garmalee badaa jira.
Akka baalaatti harca’aa jiru. Dargaggoonni kunneen injifatamuu hubatanii raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa, milishaa fi uummatatti akka kennatan. Yoo akkas hin goone waanti samoona ta’aa ture itti fufa, akka baalaa harca’uunsaanii kan dhaabbatu miti.’’
Harmootiin Tigraayis ijoolleensaanii eessa akka jiraniifi akkamitti akka jiran hordofuu qabu jedhan Ministirri Muummee Abiy.
Nuti kan feenu nagaadha kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, garuu kan biyyatti dhufeef ammoo duubatti hin jennu jedhan.
‘’Hamileen loltootaa cimaa waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti adda waraanaa kana goolabnee gara adda waraanaa birotti darbina,’’ jedhan.
MM Abiy Ahimed jalqaba torban darbees gara adda waraanaatti imaluun qaamaan waraanaa akka hoogganan erga ibsanii booda, miidiyaatti mul'achuun adda waraanaatti 'milkaa'aa' akka jiran himanii ture.
Miidiyaa biyya keessatti wayita dubbatan kan mul'atan MM Abiy, bakka Kaasaagitaa jedhamu to'annoo TPLF jalaa bilisa baasuun booda Cifraafi Burqaa qabachuuf lolaa akka jiran dubbatan.
MM Abiy Ahimed gara adda waraanaatti imaluu isaanii hordofee itti aanaan MM fi Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonnin hojii idilee mootummaa bakka isaanii bu'uun akka hojjetan himameera.
Gamtaa Afrikaa fi UN waraanni dhaabbaachuun gareen lamaanuu mariitti waldhabee isaanii akka furaniif wayita hojjetaa jiranitti ture MM Abiy ofiin adda waraanaatti bobba'uuf qophaa'oo ta'u ibsuun kaanis isaan akka hordofaniif waamicha kan taasisan.
Murteen MM Abiy kuniifi haalli waanaa itti fufees yaaliin waldhabdicha karaa nagaatiin furuuf taasifamaa turetti danqaa akka ta'uu malu kanneen araaraaf hojjataa turan yaaddoosaanii ibsan.
Ergamaan Addaa US Gaanfa Afriikaa Jeefrii Feeltimaan daawwannaa torbaniin dura Itoophiyaatti taasiisaniin booda ibsa kennaniin haalli waraanaa itti fufee jiru yaalii dhimmicha karaa araaraatiin fufuuf taasifamuutti gufuu akka hintaane yaaddoo qabaachu kaasani ture.