Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Waa'ee Finfinnee wanta dubbatamuufi waan lafa jiru
Dargaggoo Ayyalaa Tasfaayee erga bultii ijaarrate ji'a tokkoyyuu hin lakkoofsisne. ALI Onkololeessa bultii 21 cidha ho'aan bultii ijaarrate.
Haalli Itoophiyaa keessa jiru bultii ijaarratu irratti darbees guyyaa cidha isaa irratti dhiibbaa fiduu mala jechuun itti yaadaa turan.
''Biyyi osoo waraanarra jirtuu namni osoo du'uu cidha godhachuun nama hin gammachiisu. Garuummoo jireenyi itti fufa,'' kan jedhu Ayyalaan xiqqaatus guyyaa cidha isaa maaltu mudata laata jedhee yaaddoo qaba ture.
''Waan fooyyee qabu ni dhufa jenneefi Waaqayyoo amanneeti kan bultii ijaarranne,'' jechuun abdii akka qabu hima.
Jiraattonni maal keessa dabarsan?
Akkitti magaalaan Finfinnee itti jirtu haala miidiyaaleen biyya alaa gabaasanirraa adda ta'ee akka itti mul'atu Ayyalaan ni hima.
''Wanti miidiyaarratti dhagahamu 'magaalatti bakka biraa geessanimoo?' nama jechisiisa. Nuti keessa jiraachaa jirra. Hunduu nagaadha. Inumaa amma kaaffee taa'ee maakkiyaatoo dhugaan jira,'' jechuun waan gabaafamuufi waan lafa jiru akka waldarbu hima.
Yaadi kuni kan Ayyalaa qofa osoo hin taane yaada jiraattota kaan BBC'n dubbiseedhas. Abduunis kanneen keessaa tokkodha.
Magaalattii keessa yaaddoon akka hin jirre garuu namoonni biyya alaa jiran ''ganama gara hojii deemuun keenyallee akka isaan ajaa'ibu natti himu,'' jedhe.
Firoonni isaa lola baqatanii dhufan mana barumsaa Islaamaa tokko keessa dahatanii akka jiraniifi buqqaatonni lakkoofsaan muraasa ta'an Finfinnee keessa mul'achuu eegaluu isaaniis hima.
''Deebiin hawaasa idil-addunyaa arbeeffamuus garuu haalli magaalaa Finfinnee akka kana dura ture itti hin fufne. Uggurri yeroo jiraachuu dhabuus namoonni yeroon mana isaanitti galu,'' jedha Mahaariin [maqaan kan jijiirame] immoo.
Maatiin isaa Tigraayi kan dhufan yoo ta'u inni garuu dhaloonnifi guddinni isaa magaalaa Finfinneedha.
Erga lolli eegalee loogiin akka irra gahu kan himatu namni kuni keessumaa erga Labsiin Yeroo Muddamaa labsame as Afaan Tigree dubbachuunis ta'e muuziqaa caqasuun sodaachisaa ta'u dubbata.
Ganama mana isaa yeroo bahu ''deebi'uu dhiisuun mala'' jechuun hidhaaf of qopheessee akka bahu dubbata.
BBC waliin turtii kan taasiste Raahiwwaanis [maqaan kan jijjiirame] haala walfakkaatun ''yoo dirqama natti ta'e malee manaa hin hin bahu.
''Waraqaan eenyummaa kiyya sabni kiyya maal akka ta'e ibsuu baatus maqaa abbaa kiyyaan dhalattuu Tigraay ta'un koo waan beekamuuf nan yaadda'a. Yoon manaa bahe garuu hidhamuun danda'a jedhee qophaa'en baha,'' jechuun himti.
Poolisiin bulchiinsa magaalaa Finfinnee garuu hidhaan raawwate kanneen garee mootummaan Itoophiyaa shororkeessummaan labse deeggaraniifi walitti dhufeenya qaban akkasumas ragaan irratti argame malee lammiilee nagaa miti jedheera.
Ta'us, sababa waraana adeemaa jiruu jiruufi jireenya hawaasa waggootaf ture irratti dhiibbaa fiduun isaa hin hafne.
''Akkan barbaade of hin ibsu. Dhihoo cidha hiriyyaakoo irratti sirba Afaan Tigree banuun miira nama yaaddessu uumee ture,'' jedha Mahaariin.
Raahiwaan Naannoo Amaaraa keessa dhalattus yeroo dargaggummaa ishee garuu Finfinnee keessatti dabarsite.
''Yeroo lolli eegale waa'ee maatiikoo Tigraay keessa jiran na gaafatu na jajjabeessu jedhee eegus hin taane. Takka takka isaaniif mala jedhanii yeroo miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreessan nan arga ture.
''Waraana kana dura saba hin qabu ani lammii Itoophiyaati jedheen yaada ture. Amma garuu hiriyyoonni koo yeroo gaariifi badaa waliin dabarsine akka nama biyya ganetti na loogu,'' jechuun himti.
Kana dura garee rogeeyyii Zoonii Naayin [Sagal] jedhamu keessa akkasumas yeroo ammaa qooda hojii sivilii keessa qabuun kan beekamu Bafiqaadu Haayiluu haala amma Magaalaa Finfinnee keessa jiru taajjabuu isaa hima.
''Yeroo ammaa magaalaa Finfinnee keessatti dhalataa Tigree ta'un ni ulfaata,'' kan jedhu Bafiqaadun namoonni tokko tokko ''siyaasa gar biraa yoo qabu ta'eefi sabni isaanii yoo irratti dabalamemmoo salphaatti TPLF looganiiru jedhamanii salphaatti shakkamu,'' jedha.
''Kuni mootummaas ta'e hawaasicha irraa madda. Sababni isaas hawaasni garaagarummaa dhalataa Tigraay fi TPLF gidduu jiru baruuf humna yookiin fedhii hin qabu,'' jechuun dhimmicha kuni akka hammeesse hima.
Ta'us garuu amma waan ta'a jiru baruuf duubatti deebi'anii hubachuun akka barbaachisa jechuun amantee isaa ibsa.
Jijjiirama Finfinnee keessaa
Bafiqaadun haala amma Finfinnee keessa jiru yoo ibsu ''naasuutu'' jira jedha. Waldhibdeen humnoota siyaasaa miseensota duraanii ADWUI gidduu ta'u hima.
''Naasuun maaliin ibsama yoo jedhame mootummaan rifateera. Kanaafi labsii yeroo muddamaa kan labse. Sakattaan cimaa daandii gubbaa jira. Raadiyoofi televijiniin of eeggadhaa jechuun hima. Kunimmoo hawaasni akka wal shakku gochaa jira.''
Haalli amma jiru yoo hammaate jechuun jiraattonni magaalichaa kan barameerra haalli nyaata bitatanii ol kaa'u dabaleera Kan jedhu Bafiqaadun halkan sochiin hamma tokko jira jechuun hima.
Haalli siyaasaa biyyattii keessa jiru dhalatttoonni Tigraay Finfinnee keessa jiraatan akka isaan shakkiifi eeruuf saaxilaman waan godhaa jiru fakkaata jedha.
Deebiin hawaasa idil - addunyaa arbeeffamemoo yaaddoon jira?
Hojii geejjiba qilleensaa waliin hidhata qabu akka qabu kan himu Abdiin Dipilomaatonni yeroo biyyaa bahan arguu hima.
''Miidiyaaleen alaa kan dubbatan waan as jiruun faallaadha. Kanatu alarra darbee nama biyya keessa jiru dhiphuu keessa kan galche. Ani siyaasadha jedheen yaada,'' jechuun maal sodaataniiti bahu jechuun gaafata.
Gaaffiin kuni gaaffii hedduu namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaa gaafataa turanidha.
Dhaaboti idila addunyaa fi embaasiiwwan hojjettoota isaanii dabalatee lammiileen isaanii Itoophiyaadhaa akka bahan gaafachaafi akeekkachiisaa turaniiru, ammallee haala kana itti fufaniiru.
Dhaaboti biyyaa bahuu fedhan hojjettoonni isaanii biyya biraa irraa akka hojjetan gochaa jiru.
Bafiqaaduun hawaasni idila-addunyaa biyyaa bahuuf sardamni taasisaa jiru 'akka malee dha' jedha . Kanaafis sababa lama kenna.
''Warri Lixaa naasuu isa Afgaanistaan irraa hin bayyananne gatii taheef waan wal-fakkaataa dhalachuu mala kan jedhurraan natti fakkaata.
''Sababiin inni biraan immoo addunyaa warra Lixaatti dhimma waraana kanaarratti hubannoon dogoggoraa jiraachuu dha. Kanammoo gabaasa dogoggoraafi ogeessota lammii Itoophiyaa hin taaneen odeefannoo sirrii hin taane kennamuu irraan kan ka'e dhiibbaan dippiloomaasii dhufeera,'' jedha.
Xiinxalaan garee 'Crisis group' Wiiliyaam Daavisan ibsa mootummaan Ameerikaa dhiyeenya baaseefi gabaasaalee miidiyaa adda adda qoodee ilaala.
Mootummaan Ameerikaa ibsi waa'ee daandii xiyyaaraafi shororkeessummaa irratti baasee odeeffannoo qaburratti hundaa'uun tahuu malus, ''garuu immoo taateen Kaabuulitti dhalatee ture dhibbaa irratti godheera,'' jedheera.
Kanaaf, ''ibsi garagaraa bahaa turan lammiilee Ameerikaa irratti kan xiyyeefatan tahanis yaaddoo lammiileen Itoophiyaa qaban garuu tilmaama keessa kan galchan hin turre,'' jechuun hima.
Inni lammataa dhimma karaa miidiyaalee jiru dha kan jedhu Daavisan, fakkeenyaaf CNN gareen finciltootaa magaalaa Finfinnee jala gahaniiru jechuun gabaasuu kaasa.
''Miseensonni WBO Finfinneerraa km100 fi 50 gidduutti socho'u otoo jedhanii gaarii ture. Kuni feetu tahuu mala. Finfinnee jala gahaniiru garuu hin jechisiisu. Kanaaf qaamoti tokko tokko dhibbaa taasisuuf jecha qofa waan godhan fakkaata.
''Haa tahu malee kuni gama murtaa'een dogoggora yoo tahu gabaasa xiyyeeffannoo argachuuf taasifame dha,'' jedha Daavisan.
Gama biraan ''hawaasni idila addunyaa bu'uura tokko maleedha dhiisee bahaa jira kan jedhu ''xiinxala hiika hin kennine dha.'' Gareen finciltootaa Dasee fi Kombolchaa erga qabataniin booda torbanootaa fi ji'oota dhufan keessatti Finfinnee gahuu akka malan yaaddoon jedhu uumamuu waan hin haalamne dha.''
''Yaaddoon gatii jiruuf mitii, ministirri mummee aangoo isaanii ittaanaa isaaniif dabarsanii gara adda waraanaattii kan deeman. Labsii yeroo muddamaa akka biyyaatti kan labsame, koreen eegumsa naannoo Finfinneetti kan dhaabbate yaaddoon gatii jiruufi, '' jechuun hima Daavisan.
Mootummaan akka mootummaatti hojiin isaa inni guddaan hawaasa tasgabbeessuu, qopheessuu fi qindeessuu yoo tahu waan hawaasni addunyaa haasa'uuf deebii kennuun waan eegamu dha. Kunis hawaasa keessatti naasuun yoo uumame sirni akka iddoo dhaa ka'u mirkana waan taheefi jechuun ibsa.
Abdii fi yaaddoo jiraattota magaalaa Finfinnee
Ayyala fi Abdiin waraanni kuni akka dhaabbatu akkasumas dubbiin akka tasgabbaa'u mootummaan yoo hojjete, uummattoota gidduutti shakkiin uumame hir'isuufi guyyaan foyya'aa akka dhufu amanu.
''Akka nama amantaa tokkotti yeroo kana namni amantii fi xiinsammuu jabaa qabu jala baha jedheen amana. Rakkoo amma jiru bira darbee yeroon ilaalu yeroon abdii kennu ni dhufa jedheen amana,'' jechuun Abdiin BBCtti himeera.
Mahaariin gama isaan garuu egereesaaf abdii kutachuu ibsa.
''Ana nama Finfinneetti dhalatee guddateefi Tigraay deemee hin beekneef abdiin natti hin mul'atu. Abbaan koo ijoollummaa isaatiin Tigraay keessaa bahe. Amma haati koos abbaan koos lubbuudhaan hin jirani. Waan reefarandam jedhamu otoo adeemsifamee nuti eessa jiraanna?'' jechuun gaafateera.
Raahwaan immoo yaada addaa qabdi. ''Gaafa waraanni dhaabbatu lapheen koo cabe akkamiin fayya? Dhiifama walii gochuuf hangam jabina qabna? Kuni gidiraa akaakileen, maatii fi ani keessa darbaa jirru dha.
''Maatiin koo hoo? Miiraan tahu danda'a kaniin dubbachaa jiru, garuu kana booda akkamittiinan akka durii Itoophiyaa keessa jiraadha? Akkan baqattuu tahetti malee lammummaan natti hin dhagahamu.''
Malli maali?
Bafiqaaduunis tahe Daavisan akka jedhanitti biyyi Itoophiyaa wiirtuu Afrikaa fi Finfinnee handhuurri dippiloomaatotaa, maddi furmaataa inni guddaa mariif carraa yoo kennite dha.
Daavisan waraanni kuni yoo dhaabbate malee Finfinnee hin dhaqqabu jechuun rakkisaa dha jedha. Tahus ministirri mummee biyyattii deeggarsa jiraataa magaalaa Finfinnee irraafi hayyoota irraa qabaniin akkasumas paartilee siyaasaa TPLF cimsanii morman jiraachuun Finfinneetti ittisni jabaan akka jiraatu ni godha jedha.
''Akkasumas hidhaan dhalattoota Tigraay gara haleellaatti yoo geeddarameefi finciltootni qophii fi qorannoo malee yoo galan akka biyyaa fi akka ardiittillee rakkoon hamaa mudata jechuun ni danda'ama,'' jechuun Daavisan ni hima.
Bafiqaaduun, ''jiraataan magaalaa Finfinnee baayyee mootummaa federaalaa deeggara jedheen tilmaama,'' jedha. Finciltoonni TPLF gara Finfinnee hin dhufan,hin danda'aniifi hin mo'atan ilaalcha jedhutu mul'ata,'' jedha.
Qaamoleen waraana kanarratti hirmaachaa jiran akka paartiittis tahe akka ummataatti jiraachuun isaanii balaarraa bu'aa jira jedhanii waan yaadaniif furmaata kennanii fudhachuu irratti hundaa'e raawwachuu rakkisaa taasisaniiru jedha.
''Kana booda humni waraanaaf qabnu dhumeera,'' jedhanii gara mariitti deebi'u abdii jedhu akka qabus dubbata.
Waraanni kuni garee lola mo'atu qabaata malee injifannoon waaraa tahe ni jiraata jedhee hin yaadu Bafiqaaduun.
Waraanni kuni garaagarummaa siyaasaan jalqabus amma lammiileen illee miiraan irratti hirmaachaa waan jiraniif abdiin inni guddaan marii dha jedhee akka amanu isa godheera.