Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Jarmanii fi Firaans lammiileen isaanii Itoophiyaa dhiisanii akka bahan dhaaman
Waraanni Itoophiyaatti hammaachuu hordofee, Jarmanii fi Firaans biyyoota dhiyeenyatti lammiileen isaanii biyyattii gadhiisanii akka bahan waamicha godhan keessatti argamu.
Ameerikaafi UK’nis lammilleen isaanii biyyattiii gadhiisanii akka bahan dhiyeenyatti gorsa dabarsaniiru. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gamasaatiin, hojjattoota isaa muraasa yeroof iddoo biraa qubsiisuu eegaluu ibseera.
Kunis kan dhaga’ame finciltoonni Tigraay imala keenya gara magaalaa Finfinneetti taasifnu itti fufneerra jechuusaanii hordofeeti.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad finciiltootaan loluuf dirree waraanaatti duuluun raayyaa biyyattii akka hoogganaan himaniiru.
Waraanni Tigraay ganna tokko caale rakkoolee namoomaa danuu kan hordofsiise yoo ta’u, kaaba Itoophiyaatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman haala beela fakkaatu keessa jiru.
Kana qofaa miti, namoonni kumaatamatti lakkaa’aman ajjeefamuun, miliyoonatti kanneen lakkaa’aman qe’eesaaniirraa buqqa’uuf dirqamaniiru.
Ergamaan Addaa Ameerikaa Jeefri Feeltimaan waraana kana mariin furuuf haalli abdachiisaa kan uumame ta’ullee, walwaraansi hammaachuu isaatiin yaaddoo keessa seene jedhan.
Feeltimaan akka jedhanitti gartuun lachuu gama injifannoo waraanaatiin xumurra jedhanii kan amanan fakkaatu jedhan.
Aab Feeltmaan finciltoonni gara magaalaa Finfinneetti adeemuun fudhatama kan hin qabne fi balaa qaba jedhanii akeekkachiisan.
Gabaasota dirree waraanarra dhaga’aman mirkaneeffachuun guddoo rakkisaadha, garuu finciltoonni TPLF akka jedhanitti yoo ta’e magaalaa Finfinneerraa km200 ol fagaattu to’ataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa kanaa dura gabaasaalee to'annoo fi imala finciltoonni taasisan haalaa ture.
'Dirree waraanaatti haa walagarru'
Ministeerri Dhimma Alaa Jarmanii lammiileen isaanii balalii xiyyaarota daldalaa jalqaba argameen biyyattii keessaa bahuu qabdu yoo jedhu, Firaans immoo lammiileen keenya ’’harkifannaa malee’’ biyyattii keessaa bahuu qabdu jettee waamte.
Kun otoo haala kanaan jiruu, dookimentiin keessoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN), ‘’miseensonni maatii hojjattoota sadarkaa idil- addunyaa’’ Sadaasa 25, 2021tti biyyattii keessaa bahu qabdu jedha.
Kanaan duras Ameerikaafi UK’n dippiloomaatota kanneen turuun isaanii hedduu barbaachisaa hin taane biyyattii keessaa baasuuf akka jiran beeksisanii turan.
Wiixata halkan miidiyaa hawaasaarratti akka maxxanfametti, badhaafaman baadhasa Noobeelii nageenyaa bara 2019 MM Abiy Ahimad, dirree waraanaa deemuun raayyaa ittisaa akka hogganaan himan.
''Ijoollee Itoophiyaa seenaa keessatti jajaman keessaa tokko tahuu kan feetan, biyya keessaniif jecha hardhuma kahaa - adda waraanaatti haa walgarru,'' jedhan.
Badhaasa Noobelii kan injifatan waraana Itoophiyaafi Eertiraan waggoota 20tti dhiyaatuuf gidduusaanitti gaggeeffamaa ture goolabuu hordofuun injifatan.
TPLF gama Dubbi-himaa isaa Geetachoo Raddaa: ’’humni keenya hudhaa Abiyyi uummata keenyarra kaa’e goolabuurraa nun hambisu,’’ jechuun ibsa Ministira Muummee Abiy fudhatama dhabsiisera.
Gamtaan Afrikaa tattaaffii lolicha mariin goolabuu dursaa kan ture yoo ta’u, gartuun lachuu mariif kutannoo hin agarsiifne.
Ka’umsi waraana kanaa waldhabbii Ministira Muummee Abiyi fi TPLF gidduu ture yoo ta’u, TPLF ganna 27tti dhiyaatuuf biyyattii dhunfatee bulchaa ture.
Dr Abiyi Ahimad bara 2018 aangoo kan qabatan yoo ta’u, jijjirama sanaan siyaasa biyyattii bilisa gochuuniifi Eertiraa waliin nageenya buusullee, TPLF moggaatti bahe.
Waldhabbiin TPLF fi MM Abiy gidduu ture gara waraanaattti kan ce’e waggga tokko dura yoo ta’u, humnoonni TPLF Ajaja Waraanaa Kaaba biyyattii irratti haleellaa raawwachuu hordofeeti.