Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Raashiyaan faallaa biyyoota Lixaa Finfinnee keessa 'tasgabbiin' jira jette
Waraanni kaaba Itoophiyaatti hammaachuun biyyoonni Lixaa fi UN hojjettootaafi lammiilee isaanii biyyattii dhiisanii akka bahan wayita gorsaa jiranitti, Raashiyaan garuu haalli magaalaa Finfinnee ''tasgabbaa'aadha'' jette.
Kanaafis karoora hojjettoota embaasii magaalaa Finfinnee jiraniifi maatii isaanii biyyaa baasuu akka hin qabne beeksiste.
Embaasiin Raashiyaa magaalaa Finfinnee jiru Roobii galgala keessa fuula Facebook isaarratti ergaa barreesseen: ''haalli magaalaa Finfinnee keessa jiru tasgabbaa'aadha,'' jedhe.
Dabaluunis: ''labsamuun Labsii Yeroo Muddamaa jireenya guyyuu magaalaa guddoo biyyattii keessarratti jijjiirama mul'atu fide hin qabu,'' kan jedhe embaasichi ''wanti jijjiirame tokko tarii eegumsi waajiraalee mootummaa fi buufata xiyyaaraatti cimuudha,'' jedhe.
Oduun kun kan dhagahames wayita finciltoonni Tigraay imala keenya gara magaalaa Finfinneetti taasifnu itti fufneerra jechuu, akkasumas MM Abiy Ahimad finciltootaan loluuf dirree waraanaatti duuluun raayyaa biyyattii akka hoogganan wayita himanitti.
Kana hordofees US, UK fi biyyoota Lixaa kaan dabalatee lammiileen isaanii biyyattii gadhiisanii akka bahan irra deddeebiin waamicha godhaa jiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gamasaatiin, hojjattoota isaa muraasa yeroof iddoo biraa qubsiisuu eegaluu ibseera.
Embaasiin Raashiyaa Finfinneetti argamu ergaa Roobii dabarse kanaan garuu, lammiileen isaa yoo waa hatattamaaf tahe malee biyyattiitti imaluurraa akka of qusatan dhaamsa dabarseera.
Dabaluunis: ''Embaasichi hojii idilee isaa hojjechuu itti fufeera. Hojjettootaafi maatii isaanis biyyaa baasuuf karoora hinqabnu,'' jedhe.
Buufanni xiyyaaraa biyyattii guddichis akkuma yeroo kaanii hojjechaa jira kan jedhe embaasichi, Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itoophiyaas, balalliin daangaa biyyattii keessatti taasifaman nageenyumaan isaanii kan eegamedha jechuu isaas kaaseera.
Waraanni Tigraay ganna tokko caale rakkoolee namoomaa danuu kan hordofsiise yoo ta’u, kaaba Itoophiyaatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman haala beela fakkaatu keessa jiru.
Kana qofaa miti, namoonni kumaatamatti lakkaa’aman ajjeefamuun, miliyoonatti kanneen lakkaa’aman qe’eesaaniirraa buqqa’uuf dirqamaniiru.
Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Jeefri Feeltimaan, waraana kana mariin furuuf haalli abdachiisaa kan uumame ta’ullee, walwaraansi hammaachuu isaatiin yaaddoo keessa seene jedhan.
Feeltimaan akka jedhanitti gartuun lachuu gama injifannoo waraanaatiin xumurra jedhanii kan amanan fakkaatu jedhan.
Aab Feeltmaan finciltoonni gara magaalaa Finfinneetti adeemuun fudhatama kan hin qabne fi balaa qaba jedhanii akeekkachiisan.
Gabaasota dirree waraanarra dhaga’aman mirkaneeffachuun guddoo rakkisaadha, garuu finciltoonni TPLF akka jedhanitti yoo ta’e magaalaa Finfinneerraa km200 ol fagaattu to’ataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa kanaa dura gabaasaalee to'annoo fi imala finciltoonni taasisan haalaa ture.