Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Itoophiyaa: Mootummaan Raayyaan Ittisa Biyyaa Daseefi Kombolchaa TPLFn qabamee ture deebisee to'achuu ibse
Waraanni Itoophiyaa magaalota murteessoo Daseefi Kombolchaa finciltoota Tigraay harkaa deebisee to'achuu mootummaan beeksise.
Baatii tokko dura humnoonni Tigraay Daseefi Kombolchaa to'achuu hordofee mootummaan Labsii Yeroo Muddamaa labsuun jiraattonni magaalaa Finfinnee magaalaa akka tiksan waamicha taasisee ture.
Biyyoonniifi dhaabbileen garaa garaas lammiileefi hojjettoota isaanii Itoophiyaa keessaa baasuf muddamarra turan. mootummaan Itoophiyaa garuu kana qeeqaa turan.
Torban lama dura garuu Ministirri Muummee Abiy Ahimad dura gara dirree waraanaa adeemuun kallattiin waraana dirreerratti taliiguu erga ibsanii booda humnoonni waraanaa mootummaa olaantummaa fudhachuu ibsaa jiru.
Magaalaa seena qabeettii Laalibalaa dabalatee, Gaashanaafi bakkeewwan hedduu Naannoo Amaaraafi Affaaritti to'achuu mootummaan ibseera.
Dura Taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el ibsa kaleessa kennaniin naannoo Amaaraafi Affaar keessaa humna isaanii baasuu himaniiru.
Humnoonni mootummaa garuu lolaan mo'amaniiti akkana jedhu jechuun himu.
Gama kaaniin har'a guyyaa keessa Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa lola cimaa akka jiraniifi morkattoota isaanii irra aanaa akka jiran ibsanii turan.
Erga mootummaan bakkeewwan murteessoo ta'an kanneen to'achuu ibsee booda gama TPLFn wanti jedhame hin jiru.
Mootummaan maal jedhe?
Gaafa Sambataa Kamisee to'achuuu kan hime mootummaan Federaalaa Daseefi Kombolchaan ala Baatii, Qarsaa, Garbaafi Dagaa bakkeewwan jedhaman to'achuu ibse.
Akkasumas Aanaa Habruu guutummaatti to'achuu hime.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti erga jalqabee waggaa kan darbe yoo ta'u sababa lola kanaan lammiileen miiiyoona 9 ol deeggarsa nyaataaf saaxilamaniiru jedheera UN.
Lammiileen miiliyoona 2 ol qe'eerraa yoo buqqa'an ummanni 400,000 ol ta'ummoo haala beela fakkaatu keessa jiru jedheera UN.
Lolli kuni dhaabatee mariin akka furamu carraaqqiin itti fufeera. US, UK fi biyyoonni afur gaafa Wiixataa ibsa baasaniin haal duree malee dhukaasi dhaabatee mariin akka eegalu waamicha taassianiiru.