Hidhattootni TPLF fi WBO adda waraanaatti qaaman wal-qunnamaniiru jedhe TPLF

Ji'oota dura paarlaamaan Itoophiyaa dhaabbilee shororkeessoo kan jedheen TPLF fi WBO bulchiinsa MM Abiy 'kuffisuuf' waliin hojjechuuf kan waliigalan yoo ta'u, waraanni isaanii qaamaan walitti dabalamuu ammoo TPLF beeksiseera.

Dubbii himaan TPLF obbo Getaachaw Raddaa hidhattootni isaanii Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO-Shanee ittiin jedhu waliin qaamaan wal-qunnamuu isaanii BBC'tti himaniiru.

Obbo Getaachoon humnoonni lamaan eessatti akka wal-qunnamanis ta'e waliin ta'anii waraanuu eegaluu ifa hin goone.

Obbo Getaachoon kana kan jedhan humnootni isaanii magaala Dasee fi Kombolchaa kan Finfinneerraa fageenya 350 ta'urratti argaman to'achuun isaanii fi gara naannoo Amaaraa bulchiinsa addaa saba Oromootti imala eegaluun isaanii erga gabaafameeti.

Hoogganaa WBO kan ta'e Kumsaa Dirribaa kan maqaa qabsoo Jaal Marroo jedhuun beekamu ammoo Wiixata kaleessaa BBC'tti yoo dubbatu humnoonni lamaan guyyoota dhufan keessatti waliin ta'anii humnoota mootummaa waraanuu akka eegalan dubbatee ture.

Dhiyoo waliitti duula waraanaa eegalaa akka jiranis himaniiru.

TPLF fi WBO mootummaa Itoophiyaatiin dhaabbilee shororkeessoo jedhamuu isaanii hordofee akka waliin hojjetan ibsuu isaaniin dura mootummaan irra deddeebiin lameen yaadaafi loojistikiin waliin hojjechaa jiruu jechuun himachaa ture.

''Qamni tokko ergamaa inni tokko ammoo ajajaa'' ta'ee ''biyya diiguuf'' waliin hojjetuu jechuunis miidiyaaleen biyya keessaa sagantaalee adda addaa irratti hojjechaa turan.

Ajajaan WBO Obbo Kumsaa Dirribaa turtii BBC waliin taasiseen loltootni garee isaa Lixa, gidduugalaa fi Kibba Oromiyaatti magaalota hedduu to'achaa akka jiran himan.

Duula isaanii kana keesatti humnootni mootummaa lola jabaa osoo hin godhiin duubatti deebi'aa akka jiran himan.

To'annoo magaalotaa kan obbo Dirribaan himan kana BBC'n ofiin qulqulleeffatee bira hin geenye.

Dhimma kana irratti dubbii himaan mootummaa Itoophiyaa deebii akka kennan qunnamus argachuu hin dandeenye.

Naannoleen amma WBOn to'adheera jedhu keessatti rakkoon tajaajila bilbilaafi Intarneetaa waan jiruuf jiraattotarraa mirkaneeffachuunis rakkisaa ta'eera.

Gareen lamaan duulli isaanii gara magaala guddoo Finfinnee ta'uu fi bulchiinsa MM Abiy kuffisuu akka ta'e mirkaneessaniiru.

WBO kan qaama waraanaa dhaaba ABO ta'uun barkurnee hedduuf ture, waggoota 27 oliif bulchiinsa Adda Dimookraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI) kan olaantummaa TPLF jala ture hidhannoon biyya keessaafi biyya ollaa keessatti lolaa ture.

Waliin hojjechuuf walii galuun isaaniis gaaffi kaasee ture.