Itoophiyaatti waggoota dhufan keessa carraawwan hojii dameewwan kam keessatti argamu?

Daandii guddinaa ogeessonni biyyoota garagaraa irra deemaniifi guddina yeroo gabaabaa keessatti bira gahuu malan tilmaama keessa galchuun dameelaa hojii abdii qaban tarreessuun waan baramedha.

Itoophiyaanis waggoota dhiyoon asitti dargaggoota miiliyoonaan lakkaa’amaniif carraa hojii uumuufi tarree biyyoota galii gidduugaleessaa keessatti ramadamuuf dameelee hojii na gargaaraniidha jettu adda baasti.

Itoophiyaa keessatti gosawwan hojii xiyyeeffannoo argataniifi dargaggootaaf carraa hojii uuman kanneen fa'i?

Obbo Addis Alamaayahu qooddataa qabeenyaa fi hundeessaa raadiyoo Afro FM, Televizyinii Qaanaa, 251 Communications fi daldaloota birooti.

‘’Akka ilaalcha kootti dameelee hojii mootummaan irratti xiyyeefate jiru. Keesumaa gosoota hojii muraasa akka haaraatti jajjabeessuu qaba jedhee socho’aa jira,‘’ jedhu.

Damee tuurizimii

‘’Mootummaan imaammataafi deeggarsa gargaraa fayyadamuun tuurizimiin akka dadammaquuf hojjechaa jira. Gama kanaan carraa fi filannoon baayyee jira jedheen yaada.’’

Akka Obbo Addis jedhutti rakkoon biyyi keessa jirtu furamee yoo tasgabbiin dhufe waggoota dhiyoo keessatti tuurizimiin jijjiirama guddaa agarsiisa. Gama kanaanis Itoophiyaaan biyyoota baayyeerra humna fooyya’aa akka qabdu dubbatu

‘’Dubbiin irraanfachuu hin qabne immoo Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaati. Biyyoota 100 oliif tajaajila balalii kenna. Biyyoota kanneen hundumaarraa daawwattoota fidnee dhufuu dandeenya,’’ jedha.

ICT fi hojiiwwan dijitaalaa

Dameen hojii ICT fi dijitaalaa waggoota dhiyoon asitti kanneen carraa hojii uumaniifi kalaqxoota hawwataa jiran keessaa isa tokkodha.

‘’Tajaajjilli telekoomii dhihoo hojii jalqaba jedhamee yaadamullee fakkeenya guddaa dha. Dhiyeessitoonni tajaajilichaa bu’uuraalee misoomaa isaanii diriirsuu yeroo jalqaban, saffisni intarneetii ni dabala, gatiinsaa ni hir’isa, kana hordofuun immoo dameeleen tajaajilaa baayyee gara dijitaalaatti geeddaramuu jechuudha,’’

Haaluma kanaan dargaggoonni baayyeen damee kanarratti hirmaachuu jalqabu. Hojicha jalqabsiisuufillee adeemsa bu’uuraalee misoomaa dhaabuu keessatti humni namaa guddaa tahe barbaachisa jedhu Obbo Addis.

‘’Fakkeenyaaf dhiyeessaan telekoomii Keeniyaa Safaariikoom of jalatti dameelee tajaajilaa kumaan lakkaa’aman fayyadaa jira. Dhaabbatichi sirna daddabarsa qarshii mobaayilii ‘Mpesa’ jedhamuun dargaggoota fi hojii uumtota baayyee hojjechiisa. Kun biyya keenyatti dhugoomuunsaa waan hin oolledha.’’

Dhiyeessitoonni telekoomii waggoota kurnan dhufan keessatti carraa hojii haaraa miiliyoona 1.5 tahan akka uuman kan eegamu yoo tahu, doolaara biiliyoona 8.5 biyyattiif galii taasisa jedhamee eegama.

Damee qonnaa

Akka gabaasni Ministeera Qonnaa agarsiisutti qonni doolaara biiliyooan 27.5 ykn oomisha waliigalaa biyya keessaa, keessaa harka 34.1 qabata.

Kana malees madda jireenyaa lammiilee harka 79 yoo tahu, galiin al-ergii harka 79 tahus dameedhuma kanarraa argama.

Mootummaan damee qonnaarratti hojiiwwan foyyeessii garaagaraa taasisuus, dameen kuni mala qonnaa boodatti hafaa bishaan roobaa irratti hirkachuurraa jalaa hin baane.

Dargaggoota qonna ammayyeessuu barbaadaniifi oomishaalee loonii foyya’aa dhiyeessuu kanneen fedhaniif carraa guddaadha.

Obbo Addis, ‘’gabaan qonna waliin wal qabatee jiru fulla’aa kan hin taaneefi oomishtootaa kan hin fayyadne gatii taheef damee waanti bayyeen isa hafu gatii taheef kana furuun carraa hojii gaarii uumuun danda’ama,’’ jedhu.

Damee albuudaa

‘’Dameen albuudaa kanneen xiyyeeffannoo mootummaa argatan keessati. Al-ergiinis baayyee dabalaa kan jiru yoo tahu, buna caalaa sharafni alaa kan argamu warqee irraati. Waggaatti doolaarri miiliyoona 600tu warqeerraa argama.’’

Sababa kanaanis invarstarooti baayyeen gara dame kanaatti dhufaa jiru. Ijaarsa iddoowwan albuudaa, geejibaafi qindeessa albuudaan wal-qabatee humni nama baratee baayyeetu barbaachisa. Kunis carraa hojii uumuu keessatti shoora xiqqoo hin jedhamne ni qabaata.

Loojastiksiifi tajaajila kuusaa daldalaa

Oomisni kamiyyuu erga omishameen booda gara kutaalee biyyattii garagaraa ergamuun dura kuusaaleen ammayyaa fi gurguddaa barbaachisu. Gama kanaan dhaabotni tajaajila ammayyaa kennan uumamuun waan hin hafnedha.

Kanumaan namoonni oomishni tokko qixaa’ee akka isaan bira gahu barbaadu. Walumaan immoo tajaajilli miya manaa manatti geessuu babal’achaa adeema jedhu Obbo Addis.

Abdii dargaggootaa

Akka qorannoo Baankii Addunyaatti Itoophiyaatti daldala xiqqoo jalqabuudhaaf eeyyama argchuurraa qabee adeemsi jiru birrii 6,640 gaafata.

Biyyoota Afrikaa keessaa Ruwandaan biyya baasii tokko malee daldala xixiqqaa jalqabuun itti danda’amudha.

Dargaggoonni imaammatni mootummaa maal irratti xiyyeefata jechuun dursanii yaaduun waan hojjetaniifi baratan murteessuu qabau jedha Obbo Addis.