Dinagdee Itoophiyaa: 'Qaala'iinsi jireenyaa yeroo ammaa kun furamuu baannaan rakkoo walxaxaa fida'

Qaala'iinsi jireenyaa, keessumaa meeshaalee bu'uuraa hawaasni guyyuu itti fayyadamu, meeshaalee ijaarsaa fi kanneen biroo irratti mul'achaa ture yeroo dhihoo asitti ammoo daran hammaachuu himu jiraattonni.

Magaala Harar irraa kan dubbifne Aadde Shirkaa Ahmad, daballiin gatii meeshaalee kan amma dura baratamerraa adda jedhu.

"Jireenyi akka malee nutti qaala'aa jira. Fakkeenyaaf, timaatima dura birrii 12 ture amma 25, zayitni guyyaa muraasa dura 265 bitamaa ture amma 430 ta'ee jira. Erga ji'a sadii as wanti hin dabalin tokko hin jiru. Humna keenyaa ol ta'ee jira," jedhan.

Daballiin gatii meeshaalee hundarratti mul'atu kun 'doolaarri waan dabaleef' kan jedhuun alatti sababa isaa akka hin beeknes dubbatu Aadde Shirkaan.

Jiraattuun magaala Aggaaroo Aadde Immabeet Kadiris qaala'iinsi jireenyaa gabaa irratti mul'atu waaree duraa fi boodattuu garaagarummaa gatii fiduu eegaleera jedhan.

"Ani daldaltuu chirchaarooti. Ummata wajjin kallattiidhaan kan walitti dhufu nu'i. Nutimmoo warra jumlaa irraa bitna. Nuti jara yoo gaafanne gaarumaa dabale jedhu. Sababni ifa ta'e hin jiru. Ani amma falmii ummataa kana dadhabeen hojii kanawuu dhaabaan jira," jedhan.

"Wanti tokkichi kanatu gatiin hin daballe jedhamu hin jiru. Ati yoo ganama meeshaa wayii gurgurtee kaate sa'aatii booda gatiinsaa dabaleera. Meeshaan garuu isuma ganama ture sana. To'annaan gahaan taasifamuu qaba," jedhan.

Gatiifi dhiyeessii boba'a…

Wantoota ji'a kana keessa gatii isaa dabale keessaa tokko boba'adha. Sababa kanaanis geejjiba irratti daballiin taarifaa taasifameera.

Biyyattiin boba'a biyya alaatii galchitu ulaawwan Jibuutiifi Sudaaniin kan seensisaa turte yoo ta'u, yeroo dhihoodhaa asitti boba'aan Sudaanirraan seenu dhaabbateera.

Dhaabbata dhiheessa boba'aa Itoophiyaatti ogeessi qunnamtii ummataa Obbo Alamaayyoo Tsaggaayee boba'aan karaa Sudaaniin seenu dhaabbatus alaa galchii boba'aa biyyattii irratti jijjiiramni mul'ate hin jiru jedhan.

"Dhiheessii boba'aa irratti waan kana duraarraa wanti adda ta'e hin jiru. Sudaanirraan kan galu Beenziina qofa. Innumtuu sababa suphaatiin hammisaa kan hir'ateefi magaalota muraasaaf qofa kan dhihaatu ture. Sababa koronaavaayirasiitiin ammoo innumtuu seenu sunuu nidhaabbate," jedhan.

Dhiheessiin boba'aa karaa Sudaaniin gara Itoophiyaa seenu dursee kan adda cite akka ta'eefi sababa rakkoo daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa gidduutti dhalate kanaan kan walqabatu akka hin taanes himan.

Biyyattiin boba'a Baha Giddugaleessaa irraa karaa ulaa Jibuutiitiin seensisaa akka jirtuufi erga ulaan Sudaan dhabbatees hir'inni dhiheessii akka hin jiraannes himaniiru.

Itoophiyaatti dhaabbilee rabsa boba'aa 30 caalantu boba'a biyya alaatii galu kana kutaalee biyyattii adda addaatiif dhiheessa.

Gatii boba'aa irratti daballiin taasifames haala gabaa boba'a addunyaa wajjin kan walqabatu yoo ta'e malee sababa dhiheessiin hir'ateef akka hin taane hawaasni hubachuu qaba jechuunis dhaaman.

Gatii gurgurtaa boba'aa chirchaaroo kan murteessu ministeera daldalaa yoo ta'u, sababa daballii gatii taasifameef irratti dubbisuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Qaala'iinsi jireenyaa maddisaa maali?

Waldaa Ogeessota Dinagdee Oromiyaa irraa kan dubbisne hayyuun saayinsii dinagdee Dr. Guutuu Teessoo, qaalayiinsa jireenyaa amma mudateef sababoota hedduutu ka'umsa ta'e jedhan.

"Sababni inni jalqabaa dhiheessiin omishaa yarachaa deemuudha. Nagaan biyya keessaa dhabamuunis sababa biraati. Erga fincilli [gabrummaa] jalqabee hanga har'aatti kutaaleen biyya kanaa hedduutti nagaan hin deebine," jedhan.

Keessumaa kutaaleen Oromiyaa hedduun kanneen omisha ofirraa hafaa omishuudhan beekaman sababa rakkoo nageenyaatiin yookan hin qonne, yoo qotan hin meesne, yoo meesan hin sassaabne, yoommmoo sassaaban ta'ellee rabsuu hin dandeenye taha. Kanaaf dhiheessiin omisha qonna yarachuu himan.

Indastiriiwwan hedduunis sababa galtee biyya alaa hin arganneef yookan rakkoo nageenyaa sodaachuudhaan omisha dhaaban dabaluunis rakkoo dabalataa ta'uu eeran.

Sharafni biyya alaa dhabamuufi dandeettiin bituu maallaqa biyya keessaa dadhabuunis ka'umsa qaala'insa jireenyaa ta'uus akeekan Dr. Guutun.

"Bara 2017 hanga 2021 kanaatti birriin Itoophiyaa dhibbeentaa 54'n dandeettiin bituusaa gadi bu'eera. Waliigalatti yoo ilaalle yeroo waggaa 10 keessatti dandeettiin bituu birrii Itoophiyaa harka 100'n gadi bu'eera," jedhan.

Galteewwan soorataafi omishaa hedduun bakka dandeettiin bituu birrii biyyattii gadi bu'e kanatti yeroo alaa seensifamutti qaalayiinsa jireenyaa akka hammeessus himan.

Warshaaleen Itoophiyaa keessatti omisharra jiran garri caalaan hirkannaa galtee meeshaalee biyya alaa ta'uun ammoo rakkoo kana furuuf gahee qaban hedduu gadi buusa jedhan.

Qaala'iinsi jireenya itti fufe maal fida?

Qaala'iisi jireenyaa amma Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru furmaata waaraa hin argatiin yoo itti fufe biyyattii gara rakkoowwan walxaxaa ta'eetti oofuu akka danda'u akeeku Dr. Guutuun.

"Namni yeroo dinagdeedhaan ofdadhabu bakkaa bakkatti godaana. Godaansi akkanaa ammoo magaalotatti rakkoo hawaasummaa hedduu uuma. Hawaasni waan nyaatu dhabe gara mormiifi hokkoraatti deema. Inni kunimmoo ammayyuu mallattoonsaa mul'achaa jira," jedhan.

Rakkooleen hoji dhabdummaa, qaala'iinsa jireenyaa fi kanneen biroo kuni dinagdee durumaa laafinarra jiru kana gara maraammartoo keessaa hin bahamneetti geessuu akka danda'us yaaddoon qaba jedhan.

Furmaannisaa maali?

Qaala'iinsa jireenyaa dabalatee rakkoolee hedduu biyya kanaatiif ka'umsa kan ta'e nageenya waaraa fiduun filannoo duraa ta'uu akka qabu akeeku Dr. Guutuun.

"Nagaan hin jiru taanaan investimentiin hin jiru, alergiin hin jiru, qonni hin jiru, omisha geejjibuu fi rabsuun hin jiru. Nageenyi haalduree malee waan jiraachuu qabudha. Isa kanaafimmoo mootumma fi dhaabbileen biroo taa'anii mari'achuu qabu. Lolli bakka hundaa dhaabbachuu qaba" jedhan.

Sharafa biyya alaa irrattis tarkaanfiin hataattamaa fudhatamuu qaba jechuun dhaamu.

"Sharafni akka nama ittigaafatamummaan itti hin dhagahamneetti guyyaarraa dandeettii bituu gadi buufamu(Devaluate) haalduree tokko malee dhaabbachuu qaba. Sharafni amma jiru kanarraayyuu yoo xiqqate harka 30'n ofduuba deebi'uu qaba," jedhan.

Dinagdee biyyattii bayyanachiisuuf warraqsi aadaa fi hawaasummaa gaggeefamuu qabas jedhan. Aadaan hojii biyya kanaa irratti foyyefamni taasifamuu qaba jechuun dhaaman.