Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: Mootummaa Itoophiyaa haaraa hundeeffameef ajandaawwan ijoon maal fa'i ta'uu malu?
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa guyyaa har'aa bara hojii isaa ja'affaa yeroo jalqabetti jalqaba Af-yaa'iifi Itti-aantuu Af-yaa'ii Mana Marichaa muuduun ture.
Haaluma kanaan, Af-yaa'ii Mana Maree duraanii kan ture Obbo Taaggasee Caafoo ammas Af-yaa'ii Mana marichaa ta'anii akka itti fufuaniif yoo muudu, Af-yaa'ii Caffee Oromiyaa kan turte Aadde Loomii Badhoo ammoo Itti-aantuu Af-yaa'ii godhachuun muudeera.
Pirezidantii mootummaa naannoo Amaaraa kan turan Obbo Agaanyahu Tashaagar ammoo Af-yaa'ii Mana Maree Federaashinii ta'uun muudamaniiru.
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa af-yaa'iwwan erga muudee booda, manni marichaa kaadhimamaa MM akka dhiyeessuuf kan gaafatame.
Kana hordofuun teessoo gara caalaa paarlaamaa keessatti kan mo'ate Paartiin Badhaadhinaa Aibiy Ahimad (PhD) kaadhimamaa godhee dhiyeessuun filachiiseera.
Aanga'oota muudaman kanneeniifi mootummaa haaraa ijaarame kana ajandaawwan ijoo akkamiitu isaan eeggata?
'Maraammartoo waraanaa keessaa hin ba'amne'
Yunvarsiitii Baahir Daaritti hayyuu Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta'e Wuhibehigizihaabiheer Faradaa (PhD) ajandaawwan mootummaan haaraan dhiyeessu humni raawwatamuudhaf qabu kan argamu amala mootummaa hundeeffamuurraati jedha.
Mootummaan hundeeffamu amalaafi hangam hirmaachisaa ta'uun isaa dhimmoota ijoo hojjechuun ni danda'ama jedhamuun kaa'aman irratti gahee mataasaa qabaachuu anda'a jechuun ibsu.
Ogeessa Dinagdee kan ta'e Guutuu Teessoo (PhD) gama isaatiin mootummaan hundeeffamu kan kanaan dura turerraa "danqaa dingadee kanaan dura ture caalaa cimaadha jedhamutu mudachuu danda'a," jechuun gamagama ogummaa isaa kaa'a.
Mootummaan haaraa hundeeffamu dhimmoota kanaan dura yaa turu jedhamanii sababiiwwan gara garaa irraa kan ka'een osoo hin raawwatamiin turanillee akka fudhatu kan himu Wuhibehigizihaabiheer (PhD), isaan kanneen keessaa ammoo gaaffii lammileen Itoophiyaa bara dheeraa kan ta'e ijaarsi sirna Dimokiraasii isa tokko ta'uu kaasaa.
Mootummaan haaraa hundeeffamu kun gaaffii ummataa ijoo bara dheeraa kanaaf jalqabbii bu'uuraa lafa kaa'uuf fedhii agarsiisa jedhee akka eegu himuun, kanaaf ammoo mootummaa hirmaachisaa ta'e ijaaruun tarkaanfii duraafi murteessaadha jedha.
Itti dabalnuunis, rakkoo nageenya amma boora'ee jiru kanaa furuudhaan furmaata waara'aa fiduuf hojjetamuu akka qabu ibsuun, kun ammoo ajanaa mootummaa haaraa ta'uu akka qabu dubbata.
Furmaata waara'aa jedhamee dhimmi kaa'amu maalidha? Isa jedhu murteessuudhaaf karaa waraanaatiin moo karaa waliigaltee biyyaalessaa keessaan ilaalamuu qaba kan jedhu kan murtaa'u mootummaa haaraa hundeeffamuun ta'a.
Mootummaan gaaffii ummataa afaan qawweetiin furuu caalaa karaa foyyee qabu ittiin keessummeessuu danda'u tooftaa cimaa ta'e qabatee dhufa jedhee abdii kan qabu Wuhibehigizaabiheer (PhD), dhimmoota kanneen furuudhaaf adeemsa rifoormii siyaasaa, akkasumas mariiwwan waliigaltee biyyaalessaa eenyufa'iin hirmaachisa kan jedhu murteessaa ta'uu dubbata.
Ministirri Muummee Abiy Ahima erga gara aangootti dhufaniin booda garaa garummaan siyaasaa jiran ol-aantummaa yaadaafi mariidhaan furamu kan jedhu abdatamee turellee, Itoophiyaan deebitee maraammartoo waraanaa keessa galuu ishee keesa.
Maraammartoo waraanaa kana keessaa ba'uufi lammileen Itoophiyaa gara ilaalcha [siyaasa karaa nagaa ooffachuutti] fiduuf tarkaanfiiwwan jijjiiramaa biyyattii keessatti gaggeeffaman hirmaachisoo ta'uu qabu jechuun yaada isaa dhiyeessa hayyuun kun.
Hayyuun Dinagdee Guutuu Teessoo (PhD) sababa waraana kanaatiin maneen barnootaa, dhaabbileen fayyaa, omishawwan qonnaa waliin walqabataniifi industiriiwwan hedduun, akkasumas abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen daldalaa hedduun kallattiinis ta'e karaa kallattiin hin taaneen miidhamaniiru jedha.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti deemaa jiru, tasgabbii dhabuun lixaafi kibbaan jiru bu'uuraaleen misoomaafi dinagdeen akka manca'u taasiseera.
Dinagdee dadhabe, miidhameefi raafame kana keessatti mootummaan haaraa hundeeffamu kun hangam fehii ummataa guutuu anda'a kan jedhu yeroo yaadamu qormaata guddaa akka ta'u ibsa Guutuun (PhD).
Wuhibehigizihaabiheer (PhD) gama isaatiin, rifoormii jalqabame akka bifa dhaabbatummaa qabaatu gochuun barbaachisaadha jechuun, kun ammoo dubbiirra darbee "Itoophiyaan eessarraa kaatee eessa akka geessu ifatti ajandaan rifoormichaa lafa kaa'amuun irra jiraata," jechuun yaada isaa dhiyeessa.
Adeemsa rifoormicha bifa dhaabbatummaa akka qabaatu taasisuu waliin walqabsiisee wanti ilaalamuun irra jiraatu, "Heera mootummaa foyyeessuu yookaan ammoo heera mootummaa haaraa wixineessuu, bifa Federeeshinichaafi carraa gara fuula duraa, bifti caasaa bulchiinsa biyyattii maal ta'uu akka qabu," kanneen jedhan ta'uu akka ana'an eera.
Dhimmoota kanneeniin olitti garuu mariin biyyaalessaa (National Dialogue) akka dursu kaasee ibsa.
Paartileen morkattootaa hedduun irra deddeebiin himma kana ajanaa godhatanii yeroo baayyee gaafachaa akka turan kan yaadatu Wuhibehigizihaabiheer (PhD), mootummaan waggaa haaraatti mootummaa haaraa hundeeffamu waliigaltee biyyaalessaa ni fida jedhee kan yaade marii akka jalqabu osoo dubbatuu dhaga'amuu dubbata.
- Bara Itoophiyaa fi ummanni biyyattii haalaan itti qoraman – taateewwan ijoo bara 2013
- Paartiin Badhaadhinaa teessoo Paarlaamaa 410 injifachuu Boordiin Filannoo beeksise
- Ejjennoon 'Paartii Badhaadhinaa' Afaan Oromoof carraamoo yaaddoo?
- Qaala'iinsa gatii, jijjiirraa nootii, hayyama telekomii... diinagdee Itoophiyaa bara 2013 keessa
Jijjirama qaxanaafi mootummaa haaraa
Ajandaawwan muummeen mootummaa haaraa wayita kaafamanitti jijjiramni qaxanaa mul'atan akka jiran kaasa. Walitti dhifeenya Sudaan waliinii gara walta'insa haaraatti guddisuufi jijjirama Sudaan keessatti ta'aa jiru akka carraa gaariitti fayyadamuuf sochiin ni jiraata jedha Dr Wuhiibehigzihaabiheer.
Walitti dhufeenya Itoophiyaan Sudaan waliin qabdu kan tarsimoo irratti hundaa'e gochuu ni dandeessi kan jedhu Dr Wuhiibehigzihaabiheer, haata'u malee ammoo hojii walitti dhufeenya dachaa duraan Sudaan waliin qabdu itti fufsiisuun Itoophiyaa barbaachisa jedha.
Sochilee jijjiramaa Sudaan keessatti gaggeeffaman akka waan gaariitti fudhachuun gara walitti dhufeenyaa gaarii duriitti deebiisuun akka barbaachisu gorsu.
Hidhi Guddicha Haromsaa dantaa Sudaan irratti dhiibbaa hangas jedhamu akka hin qabaannee hayyoonniifi abbootiin siyaasaa biyyattii ni beeku kan jedhu Dr Wuhiibehigzihaabiheer, waldhabdee daangaa mataasaa hiikuun ''baayyee salphaa natti fakkaata' jechuun abdii qabu dubbata.
Kun attamiin akka raawwatamuu malu yoo himanis, ''tarsiimoo daangaa waloon misoomsuu hordofuun daandii tokko,'' jedha.
Waldhabdeen daangaa Sudaan waliin ture gara rakkootti akka galu dhimmoota taasisan keessaa inni duraa, dadhabbii dippilomaasii gama Itoophiyaatiin ture akka ta'e hayyuun kun kan kaasan.
Gamtaan obbolummaa haaraan gama Ertiraatiin eegalame ammoo carraan keessoo isaatti qabatee dhufu gara tarsimoo walgargaarsa walitti fufaatti ni geedarama abdii jedhu akka qabus dabalun dubbata.
''Hojiiwwan walitti dhufeenya Itoophiyaafi Ertiraa jidduu jiru gara tarsiimoo walgargaarsaatti akka guddatu taasisan ni hojjatamu jedheen eega.''
Keeniyaan human Afriikaa bahaa sochooftu taatee bahuuf socho'aa jiraachuu kaasuun, walta'insa tarsimoowaa cimsuun barbaachisaadhas jedha.
Waggoota itti-aananitti, ''Itoophiyaan walitti dhufenyi biyyoota qaxanichaa waliin qabaduun adeemsa taaktika irraa gara walitti dhifeenya tarsimowaatti guddisuun keessa kan galtu natti fakkaata.''
Walitti dhufeenyi biyyoota waliin taasiftuun alatti dhaabbilee haaraa hundeessuu, ijaaruu, IGADn cimsuun alattis dhaabbata dhimma Galaana Diimaa ilaallatu hundeessuu, Sulula Abaay irratti ammoo 'Nile Basin Initiative' kana dura ture baasuun, walta'insa biyyoota yaa'aa gubbaa gama ilaaluun dhaabbanni haaraan hundeessitu akka jiraachuu danda'uu kaasa.
Mootummaa haraafi walitti dhufeenya idil-addunyaa
Oggeessi dinagdee Dr Guutuu Teessoo gama isaanitiin, qoqqophaan dinagdee kanaan dura Ameerikaafi Awuroppaa jechaan kaasaa turan amma mallattoo pirezidaantii Ameerikaatiin gara gochaatti seenaa jiraachuu hima.
"Keessattuu Ameerikaafi Awuroppaa waliin walitti bu'uu jechuun Itoophiyaa lafarraa gara samiitti darbachuudha'' kan jedhu oggeessi kun, mootummaan haaraan hundeeffamu rakkooleefi danqaawwan mootoota kanaan dura turan waan mudatuuf, ''dugdasaa hidhatee sochii bal'aa gochuutu irraa eegama," jechuun gorsu.
Itoophiyaa deeggarsa bajataa dursaan Ameerikaa irraa, itti aanee ammoo Inglizii, sadaffaa irratti ammoo biyyoota Awurooppaa adda addaa irraa akka argattu kaasa Dr Guutuun.
''Isaan kunneen hundi Itoophiyaatti dugda kan garagalchan yoo ta'e, qoqqobbaa amma eegale yoo itti fufsiisan, Itoophiyaa haala cimaa keessa galuu dandeessi," jechuun yaaddoo qaban kaasu.
Hayyuun dhimmoota siyaasaafi walitti dhufeenya idil-addunyaa gama isaaniitiin, dhiibbaan biyyoonni soreeyyiin dhimma keessoo Itoophiyaa irratti uuman, keessattuu walitti dhufeenyi dippilomaasii Ameerikaafi Itoophiyaa cimsuun barbaachisaa ta'u kaasa.
Dhiibbaa dippilomaasii, dinagdeefi siyaasaa mootummoonni Ameerikaafi Awuroppaa sababii waraanaa Tigraayiin taasisaa jiran, dandamachuun kallattii xiyyeeffannoo motummaa haaraa ni ta'a jedhu.
Ilaalchiifi sochiin walitti dhufeenya alaa haaraa eenyu waliin osoo ta'ee caalaa walitti fufaafi bu'aa qabeessaa ta'uu danda'a kan jedhu kallattii xiyyeeffannaa biraa ta'uu akka danda'u kaasa.
"Kana ilaalchisee waraana qabbanaa'aa Itoophiyaa ittiin barnoota fudhattu natti fakkaata,'' kan jedhu Dr. Wuhiibehigzihaabiheer, walitti dhufeenya gama Ameerikaatiin jiru ''murtoo badeera, hin wallaanamu jedhamurra ni gahama jedhee hin yaadu,'' jedha.
"Dippilomaasii dhuunfaatti fayyadamuun humna gama bahaafi lixaatti walitti qabachuun xiyyeeffannaan kennamuuf kan qabu natti fakkaata,'' jechuun, hojiin hiriira addunyaa ammaan tana jiru xiyyeeffannoon hubachuu fi xinxaluu akka hojjatamus tilmaama qaban dubbatera.
''Warra lixaa waliin walitti bu'uun abbootii qabeenyaa Lixaa waliin walitti bunuudha. Kan asi jiruu ni baha. Kan biraas hin dhufu,'' kan jedhan oggeessii dinagdee Dr Guutuun Teessoo, dhimmi dursaa Ameerikaa waliin mari'achuufi waliigaluudha jechuun gorsa.
"Kan dandaamu yoo ta'e ogummaa dippilomaasitiitiin mo'achuuf yaaluudha.''
"…dippilomaatonni biyya keessaafi biyya alaatti argaman yeroo kamuu caalaa haala ogummaa dippilomaasiitiin cimanii hojjachuutu irraa eegama,'' jechuun yaada kenna.
Akka Dr Guutuutti mootummaan haaraan yoo xinnaate qoqqobbaawwan hojiirra akka hin oolfamneef yeroo aara galfannaa Itoophiyaaf akka kennamuuf hojjachuu qabaata.
Waraanniifi tasgabbii dhabiinsi osoo jiruu tarkaanfiin dinagdee kamuu furmaata hin fidu kan jedhu Dr Guutuun, ''tasgabbii dinagdee damee bal'aa fiduuf waraanaa fi tasgabbii dhabiinsa biyyattii keessa jiru haal-duree tokko malee dhaabbachuu qabaata,'' jedha.
Dhumarrattis, ''kan ta'ee ta'ee rakkoo amma keessatti argamu keessaa bahuun, gara daandii guddina dinagdee walitti fufaafi saffiisaa itti galmeessinuutti deebiinee hiriiruuf waggoota shanii hanga kudhanii nutti fudhata,'' jedhan.