Afaan Oromoofi siyaasa: Ejjennoon 'Paartii Badhaadhinaa' Afaan Oromoof carraamoo yaaddoo?

Wixineen danbii ittiin bulmaataa Paartii Badhaadhinaa Keewwanni shan wa'ee afaan hojii jaarmiyaa siyaasa haaraa irratti afaan Oromoo afaanota biroo waliin afaan hojii paartichaa tahuu ibsa.

Namoonni ejjennoo Paartichi Afaan Oromoo afaan hojii isaafi afaan hojii mootummaa akka ta'uu qabatee ka'e itti gammadan jiru.

Gama biraan ammoo gaaffii Afaan Oromoo bara dheeraa akka malutti deebisuun hafee innumaayyuu yaaddoofi shakkii biraa keessa kan isaan gulches hedduudha.

Keewwata shanaffaa danbii ittiin bulmaataa jalatti, Paartichi afaanota biyya keenya keessa jiran hundaaf beekamtii akka kennuufi afaan hojii paartichaas kan naannoleen heerawwan isaanii keessatti afaan hojii ta'u jedhanii murteessan ta'a jedha.

Kana malees, naannoleeniifi waajiraaleen damee paartii naannawaa haala qabatamaa ofii isaanii yaada keessa galchuudhaan yoo xiqqaate afaan hojii paartichaa dabalataan fayyadamuu qabu jedha.

Dura Ta'aan Paartii Badhaadhinaa MM Abiy Ahimad (PhD) Koreen Hoji-raawwachiiftuu ADWUI yeroo Addichi walitti makamuun akka haaraatti gurmaa'uu isaa raggaasiseetti ergaa gammachuu wayita dabarsan waa'ee Afaan Oromoo kaasanii turan.

"Afaan Oromoo afaan hojii dhaaba keenyaa akka ta'u, akkasumas Afaan Oromoo afaan biroo waliin ta'ee afaan hojii mootummaa akka ta'u murteessuun isaa gaaffiin kun sabni keenya bara dheeraa kaasaa kan ture ta'uu isaa ni yaadatama.

Haata'u malee, gaaffii akkasii deebisuuf haalli jaarmiyaaleen siyaasaa ADWUI jalatti ijaaraman deebisuu kan danda'an waan hin turreef dhaabni keenya haaraan sagalee guutuun kan murteesse ta'uu isaa kabaja guddaadhaan isiniif ibsuun barbaada," jedhan MM Abiy.

Itti-aanaa Dura Ta'aa Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) Obbo Baqqalaa Garbaa Afaan Oromoo duraaniyyu afaan hojii dhaaba Oromiyaa bulchuu wan tureef waan haaraa miti jedhan gaaffiifi deebii dhimma kanarratti OMN waliin taasisaniin.

"Afaan Oromoo afaan hojii dhaaba kanaa isiniif ta'eeraa jedhu. Afaan maalii ture dur? Afaan hojii Afaan Oromoo hin turree?" jechuun bifa gaaffiin qaaccessanii ibsu.

Nama siyaasaa buleessa kan ta'aniifi afaanirratti hedduu kan qoratan Obbo Baqqalaan ejjennoon Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoorratti qaba jedhu kana karaa yaaddoo inni qaba jedhaniin hubatu.

"Kana dura kan hin raawwanne afaan biroo tokko itti dabalamee dirqamaan isayyuu yoo xiqqaate itti dabalamee afaan hojii paartii kanaa ta'a jechuudha."

Kun maal jechuu akka ta'e Obbo Baqqalaan yeroo ibsan ia duraan Afaan Oromoo qofaa isaa akka afaan hojiitti fayyadu amma afaan biraa itti daballeerra kan jedhudha jedhan.

Waa'ee afaanii kanaan dura baayyee kaasuun irratti dubbataa akka turan isbuun miidhaa afaan biraa tokko dirqamaan Afaan Oromoo waliin afaan hojii taasiisuu miidhaa inni qabu dubbatu.

'Mirga duraan qabutu walakkaatti jalaa cite…'

"Amma afaan tokko akka fudhannu dirqamaa jirra. Afaan tokko yeroo dabalaa deemnu ammoo humna /annisaa afaan sanaa [Afaan Oromoo] akka inni keessaa hir'isu beekamaadha," jedhu.

"Kanaaf, amma afaan tokko itti dabalamuun isaa mirga tokkotu itti dabalameef osoo hin taane, mirga inni duraan qabutu walakkaatti irraa cite jechuudha."

Hayyuun Federaalizimii dargaggoo Moonenuus Hundarraas ejjennoon Paartiin Badhaadhinaa Afaan Oromoorratti qaba jedhu kana kan achii-dhuftee aadaa siyaasa biyya Itoophiyaa ilaalcha keessa hin galchine fakkaata jedha.

Fakkeenyummaa biyya Siwiizerlaand kan af-daneessa taate waan akkeessuun afaanota baayyee afaan hojii gochuu barbaada. "Garuu aadaan siyaasa af-daneessaa biyya kana keessa jiraa kan jedhu gaafachuu barbaachisa."

"Waan ministirri muummichaa jedhaniifi waan achi keessa jiru yeroon ilaalu, kallattiin isaa ifaadha. Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuuf dirqama afaan biraa Oromiyaa keessatti afaan hojii gochuun hin barbaadu ture."

Silumayyu bulchiifni naannoo Oromiyaa waajiraalee keessatti Afaan Oromoon xalayaa barreessanillee, haasaan isaanii, hojiin isaaniifi yaadni isaanii afaanuma Amaaraa akka ta'e kan himu Moonenuus, aadaa siyaasaa af-daneessaa keessatti afaan ol-aantummaa qabu ni dhuunfata jedha.

"Kan jechuun maal jechuudhaa Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin liqimfamaadhuma deema. Kun [beekamaadha].

'Oromiyaa keessatti afaan hojii dabalataa ilmi Oromoo tokkoyyu hin barbaadu'

Kan Oromoon barbaadu Afaan Oromoo sadarkaa federaalaatti akka dorgomaa ta'udha malee naannootti afaan isa [dhaalu] hin barbaadu.

Mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti afaan hojii dabalataa ilmi Oromoo tokkoyyu ni barbaada jedhee hin yaadu. Gaaffii Oromoos miti. Kun [fedha Oromootti bu'a.

Akkasumaaniyyu magaalaaleen Oromiyaa Afaan Oromoo jalaa ba'aniiru, waajiraaleen mootummaa Afaan Oromoo jajjabeessaa hin jiran. Kun ammoo afaan Amaaraa seera qabeessa taasifnaan liqimsuutti deema," jedha Moonenuus.

Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta'uuf gaaffilee bu'uuraa waggoota dheeraaf gaafataa ture keessaa ta'ullee sababii shakkii hayyuuwwan kun kaasaniin namoonni ejjennoo Paartiin Badhaadhinaa kun qaba jedhe kan hedduu itti hin gammadneef.

Yaaddoo namoonni kaasan kun akka ilaalcha hayyuu Xiin-qooqaattis Afaan Oromootiif carraa caalaa yaaddoodha.

BBC Afaan Oromoo Amaanu'eel Raagaa (PhD) Hayyuu Xinqooqaa irraa iyyaafateera.

Gaaffiin Afaan Oromoo waggoota 50n darban keessatti dhimmoota ijoo akka ajandaa qabsootti ka'aa kan ar'a ga'edha jedhu.

Kun kan ta'eef Afaan Oromoo eenyummaa wajin waan walqabatuuf kan jedhan Dr. Amaanu'eel, "Eenyummaa Oromoo waan sadiitu ibsa—Afaan, amantaafi aadaadha," jechuun ibsu.

Akka Dr. Amaanu'eel jedhanitti Afaan Oromoo humnaafi hundee tokkummaa Oromooti. "Oromoo kan gamanaafi gamasii walitti qabe Afaan Oromooti. Kanaaf, Oromoon akka waan salphaatti ykn akka wan laayyootti miti kan inni ilaalu."

Qabsaa'onni Oromoo bosona keessatti yeroo ittiin hojjechuu jalqabanii waggoota 30 durarraa eegalee Afaan Oromoo yeroo ammaa kana keessa baayyee bal'atee, ittiinis hojjetameera jedhu Hayyuun kun.

Kana jechuun ammoo gaaffii Oromooti deebiye jechuu miti; gamiisi isaa hanga tokko deebi'eera ta'a. Sababiin isaas, Oromiyaa keessatti afaan bulchiinsaa ta'ee , afaan barnootaafi hawaasni bal'aan ittiin waliigalu ta'ee hanga ammaatti tajaajilaa jira jedhu.

Haata'u malee, akka biyya tokkootti Oromiyaan akka naannoo qaama mootummaa federaalaa biyya sanaatti afaan kanarraa naannolee birootti tajaajila irraa argachuu qabu hin arganne.

Tajaajila afaan yeroo jennu jedhan Dr. Amaanu'eel, biyya tokko keessatti baayyinni namaa murteessaa ta'uu ibsu.

"Ummanni Oromoo biyya Itoophiyaa keessatti walakkaa ol ta'ee osoo jiruu afaan kanaan tajaajila sadarkaa federaalaatti dhabuun isaa silumaayyu haccuuccaan afaan sanarra akka jiru agarsiisa.

Waggoottan darban keessa Qeerroon gaaffii inni gaafataa ture Afaan Oromoo afaan federaalaa nuu haa ta'u kan jedhu ture. Kun gaaffii deebii argachuu qabu ture hanga yoonaattiiyyu."

Ministirri muummeen haaraan gara aangootti dhufee wanti hunda duraa deebisuu qabu isa kan ture kan jedhu hayyuun Xiin-qooqaa kun, gaaffii kana deebisuun garuu akka ture ibsu.

Paartiin ministira muummee Itoophiyaan hogganamu of jijjiireera jechuun akka Addaatti kan turerraa amma gara paartii tokkoo Paartii Badhaadhinaa jedhamutti dhufeera.

Yeroo Paartii haaraa ijaarrachaa jiru kanas waa'ee Afaan Oromoo ka'ee ture jedhu.

"Dhimmi Afaan Oromoo dhimma duulaan yookaan ammoo yeroo filannoon ga'u fudhattee kaatu miti. Gaaffii dhaabbataadha; gaaffiin dhaabbataa ammoo deebii dhaabbataadha kan inni barbaadu," jedhu Dr. Amaanu'eel.

Gaaffiin Afaan Oromoo mirga dhala namaadha kan jedhu Dr. Amaanu'eel mirgi dhala namaa ammoo deebii argachu qaba malee duula na filadhaa keessatti kan fudhatanii ka'an akka hin taane ibsu.

"Namummaa kee namni tokko siif beeksisuufi ykn siif beekuudhaaf filannoorratti ittiin dorgomuu hin qabu. Gaaffiin afaanii, gaaffii bu'uuraafi gaaffii dhala namaati.

Gaaffii jalqabumarraa deebiyuu qabu ture malee gaaffii siyaasaa waliin walqabatu hin turre."

Akka Dr. Amaanu'eel jedhanitti gaaffiin Afaan Oromoo ajandaa siyaasaa ta'uu kan hin malle ture. Gaaffii atattamumaan deebii argachuu qabu ture jedhan.

Ministirri muummichaa afaan hojii paartii isaanii gochuudhaaf akka karooraatti qabatanii jiraachuu kaasuun, afaan Amaaraa dabalatee afaanota biroo wajiin afaan bulchiinsaa ta'aadha jedhu.

Haata'u malee, namni ammoo akka duraan gaafatetti itti gammadee hin fudhanne waan kana jedhu Dr. Amaanu'eel.

Kanaaf ammoo sababii yeroo ibsan, "Tokkoffaa federaala kan jedhuyyu gaaffii keessa galeera amma. Maaliif jennaan, paartiin biyya bulchu gara tokkummaa biyyaatti deebiseera. Iddoo kamitti itti fayyadamta egaa?"

Naannoon kanaan dura ture ykn caaseffamni naannoo akka duraan bara Dargii sana turetti waan deebiyu fakkaata kan jedhan Dr. Amaanu'eel, "Naannoon kee isa kami? Isa kam keessattimmoo Afaan Oromoo fayyadamuuf deemta? Isa kam keessatti ammoo afaan Amaaraa fayydamata? Federaalli ammoo iddoo kam jira?" jechuun gaaffiirratti gaaffii dhiyeessu.

Yadni Dr, Amaanu'eel kan Obbo Baqqalaafi dargaggoo Moonenuus waliin walfakkaata. Innis yaaddoon biraan innumaattuu afaan biraa dabalatee dhufaa jiraachuudha malee Afaan Oromoof yaadamee miti jechuun yaaddoo namoonni kaasaa jiran ibsu.

Afaan baroota dheedhaaf deggersa mootummaatiiniifi labsiidhaan dagaagaa ture Amaariffa waliin Afaan Oromoo hojiirra ooluun rakkoo uumuu mala jedhu.

Dr. Amaanu'el sadarkaa afaan Amaaraafi Afaan Oromoo yeroo ammaa irra jiran ammayyu baayyee walcaala. Waggoota 27 darban erguma Afaan Oromoo afaan hojii ta'een boodallee afaan Amaaraa ol-aantummaan kennameef hanga ammaatti deeme jedhu hayyuun kun.

Afaan Amaariffaa kanaan dura sadarkaa federaalaatiifi naannolee gidduutti hojiirra oolaa tureefi carraa gaarii qabaataa ture. Ammammoo yeroo gara naannoo Oromiyaatti dhufee afaan bulchiinsa naannoo Oromiyaa ta'uun Afaan Oromoo waliin afaan hojii dabalataa ta'a jedhamu Afaan Oromoo irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a jedhan.

Sadarkaa afaanonni kun yeroo ammaa irra jiran akka sadarkaa tokkoffaafi lamaffaatti ilaalama. Waajiraaleen mootummaa Federaalaa kanaan durayyu afaan Amaaraaf akka ta'uun waan hojjetaa jiraniif, akkasumallee Oromiyaa keessattillee bakkaa bakkatti Afaan Oromoo sirnaan fayyadamaa hin turre.

Waajiraaleen Oromiyaa keessatti afaan Amaaraa baayyinaan fayyadamaa turan kan jedhu Dr. Amaanu'eel, afaan Amaaraatiif deebisaa akka bu'uura argatu taasisuun mirgi ittiin hojjetan ballisuun alatti Afaan Oromootiif bu'aa guddaa qaba jedhee hin yaadu jedhan.

"Yoo caaseffamni federaalizimii amma jiru diigame namni naannoo biraatii deemee Oromiyaa keessatti bulchiinsarra taa'uu danda'a. Haala amma deemu kanaan jechuudha."

Kanaan dura bakka bu'insi namni saba keessaa ba'e deemee bakka bu'a ture. Amma garuu abbaan barbaade haa dhufu paartiin biyya bulchu kun deemee abbaa barbaaddate kaawwachuu danda'a sababiin isaas bakka bu'ummaan isaa ummataaf osoo hin taane nama dhuunfaatiif waan ta'eef jedhu.

Hojjetaas ta'e tajaajilamaan Oromiyaa keessatti mirga afaan Amaariffaan fayyadamuu qaba jechuudha.

"Kanaaf, namni afaan Amaaraa dubbatu mirga Oromiyaa keessatti muudamuu argata jechuudha. Yeroo muudamu Afaan Oromoo qarqaratti dhiiba jechuudha.

Afaan Oromootiif miti, Oromiyaa keessatti maaliif hin hojjennu warra jedhaniif malee

Kanaaf, kallattii tokkoonis kallattii biraanis yoo ilaalte wanti kun guddina Afaan Oromootiif yaadamee osoo hin taane namoota kanaan dura Oromiyaa keessaa akka dur barre sanatti deemnee bulchuu hin dandeenyu, deemnee hojjechuu hin dandeenyu jedhaniif karaa bane."

Adeemsi afaan baroota dheeraaf deggersaafi labsii mootummaan hundee gadi fagaate qabuuf kan reefuu ittiin hojjetamuu jalqabu waliin fiduu kun garamitti akka baasu tilmaamuun nama hin rakkisu.

"Mirgi yoo jiraatellee deemanii deemanii gara afaan tokkootti deebisuuf karaa bana kun.

Akkuma beekamu dirreen tapha siyaasaa Itoophiyaa Oromiyaadha. Garasiis garanaas hunduu dhufee Oromiyaarra taphachuu barbaada.

Kanaaf, dirreen siyaasaa hanga Oromiyaa ta'ee jirutti afaan Amaaraaf kanaaf waliigaluuf karaa banaaf malee Afaan Oromoo guddisuudhaaf miti. "

Afaan Oromoo dandeenyaan Oromiyaa keessa hojjechuuf mirga osoo qabaatanii waggoota 27 darban keessa namoonni Oromiyaa keessa hojjechuu fedhan Afaan Oromoo barachuu yaa hafuu hin barbaadaniyyu jedhan Dr. Amaanu'eel.

"Atumti mataan keeyyu Oromoo taatee akka ati Afaan Oromoo dubbattu hin barbaadan. Dubbii [badaan] isa kana. Oromiyaa keessatti dhalatanii guddatanii afaan Amaaraan barachuu barbaadu.

Kan hojjechuu barbaadan ammoo Gondarii ykn Goojjam deemanii miti; Oromiyaadhuma keessatti hojii barbaadu."

Furmaata hayyuu

Waan Oromootiifi Afaan Oromootiif furmaata kan ta'u federaalizimii baayyee cimaa gadi dhaabuudha jedhu Dr. Amaanu'eel. "Wanta amma tokkummaa maal, maal jedhan kana osoo hin taane, federaalizimii cimaa dhaabuudha."

Gaaffiin Oromoo federaalizimii narraa buqqisaa jedhee miti kan inni bulchiinsa [TPLF] ofirraa ar'e kan jedhan Dr. Amaanu'eel, "Na ajjeeftan, na saamtan, mirga koo na sarbitan jedheeti."

Kanaaf, kan ta'uu qabu federaalizimii akka amma jiru kanatti caasaa isaa osoo hin diigiin sirriitti walaboomsuu feesisa.

Yaaddoon biraan ammoo Afaan Oromoo waliin afaanonni afur ykn shan afaan hojii biyyaa akka ta'an yeroo murtaa'u silumayyu sadarkaa baaseera jechuudha jedhu Dr. Amaanu'eel.

"Kun kan agarsiisu keessa beekettiidhaan afaan hojii biyyichaa afaan Amaaraa akka ta'e agarsiisa."

"Sabboonummaan Oromoo karaa Afaan Oromoo dhufa waan ta'eef isa gadi qabuudhaaf cinaadhaan elaa kunis jira, sunis jira jedhanii walkeessa [shoonfaniima] deebisuuf kan ta'e natti fakkaata akka yaada kootiitti.

Kana paartiin amma biyya bulchu kun kan inni gochuuf jiru garuu kan teenyee ilaalludha."

Kanaaf, yaaddoon guddaa namoonni qaban tokkoffaan afaan inni duraanuu sadarkaa ol-aanaarra jira jedhamee yaadamu afaan Amaaraa, dhiibbaa inni afaanota biroorratti geessisudha.

Lamaffaa ammoo waan hin gaafatamiin namni maaliif deebii namaaf kenna?

Takka takka akka ba'aa ta'etti ilaalta. Oromoon afaan Amaaraan na tajaajilaa yoom jedhe? Afaan Amaaraan dhabe jedhee hin gaafanne.

Kanaaf, Oromiyaa keessatti namni afaan Amaaraan yaa tajaajilamu namni jedhu silumayyu tajaajila sana warra afaan Amaaraa dubbataniif kennuu barbaadeeti malee namoota Afaan Oromoo dubbatanirratti xiyyeeffatee natti hin fakkaatu."

Namoonni afaan isaanii akka afaan hojiifi bulchiinsaatti faayidaarra hin oolle dinagdeen isaanii gadi aanaa akka ta'u qorannoon ni mul'isa kan jedhan hayyuun Xiin-qooqaa kun, sababa kanaanis namoonni afaan isaanii dhiibamu booddeetti akka hafanillee ni taasisa.

Hirmaannaan siyaasaafi hawaas-dinagdee keessatti qabaatanis sababa imaammata afaaniitiin warra kaan biraa boodatti akka hafu taasisa jedhan.

Furmaanni jedhu Dr. Amaanu'eel, akka biyya tokkootti yoo itti fufna ta'e, Itoophiyaan yoo Itoophiyaa taatee itti fufti ta'e ykn akka biyyaatti itti fufsiifna jennee yaadne Afaan Oromoo sadarkaa federaalaatti federaalli osoo hin diigamiin akkuma jirutti sadarkaa maluuf gochuufiifidha.