Filannoo 2021: Paartiin Badhaadhinaa teessoo Mana Maree Finfinnee fi Paarlaamaa injafate

Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Itoophiyaan gaggeessiteen teessoowwan Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa dorgommiin irratti gaggeefame keessaa Paartiin Badhaadhinaa teessumma 410 injifachuu Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa beeksiise.

Boordichi bu'aa waliigalaa filannoo marsaa 6ffaa ilaalchisuun Adooleessa 10, 2021 galgala ifa taasifameen, teessuummawwan Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa 436 keessaa Paartiin Badhaadhiinaa 410 injifachuun ibsame.

Haaluma walfakkaatunis paartiin biyya bulchu Badhaadhinni teessoo magaalaan Finfinnee paarlaamaa keessatti qabdu guutummaa guutuun kan dhuunfate yoo ta'u, teessumajiran 23 keessaa kan dorgomaa dhunfaa tokkoon qabameen alatti 22nu Paartii Badhaadhiinaatiin qabame.

Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti teessuumawwan 138 jiran guutummaan Paartii Badhaadhiinaatiin kan qabame yoo ta'u, jiraattoota magaalattii filachuuf galmaa'an keessaa kanneen %99 kan ta'an filachuunis ibsameera.

Magaalaa Finfinnee kan dorgommii cimaan itti akka gaggeeffamuufi paartiileen siyaasaa hedduun teessuma akka argatan eegamee kan ture ta'ulleen, tokkoosaaniif illeen osoo hinmilkaa'iin hafeera.

Paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni teessumawwan mana maree bulchiinsa magaalattii olaantummaan to'ateera.

Akkasumas bakka bu'iinsa Magaalaan Finfinnee paarlaamaa keessaa qabdu teessuuma 23 keessaa 22 isaanii Paartii Badhaadhinaatiin yoo dhuunfataman, teessoo tokko qofaatuu dorgomaa dhunfaa tokkoo qabame.

Kanaan alattis naannoolee gara biraa bakkeewwan filannoo itti gaggeefamuun bu'aan mirkanneeffamee hundattuu Paartiin Badhaadhiinaa teessumaa caalmaa argachuu ibsi boordiichaa kun ni mul'isa.

Haaluma walfakkaatuunis Naannoo Oromiyaatti teessuumawwan paarlaamaa 178 jiran keessaa filannoon kan irratti gaggeeffamee teessuuma 170 yoo ta'u, isa keessaa Paartiin Badhaadhiinaa 167 yoo injifatu, kan hafe sadii dorgomtoota dhuunfaatiin qabamun himame.

Naannoo Amaaratti ammoo teessuummawwan paarlaamaa 125 keessaa 114 Paartii Badhaadhinaatiin yoo dhunfatamu, ABIN teessuuma 5 argateera jedhame.

Ummattoota Kibbaatti ammo teessuuma paarlaamaa 104 keessaa 75 Badhaadhinaan yoo qabamu, IZEMAn teessuuma 4 Paartiin Dimokraasii Uummattoota Geedi'oo teessuma 2 qabateera jedhame.

Naannoo Sidaamaatti Teessuummni 19 turan hundu Paartii Badhaadhiinaatiin qabamutuu himame.

Haala adeemsa filannichaa waliigalaa ilaalchisuun Walitti qabaa ittaanaan Boorichaa Obbo Wubishat Ayyalaa akka himaniitti, meeshaalee filannootiif birrii miiliyoonni 845 baasii ta'usaa fi waraqaalee sagaleen itti kennamu kan biyyoota lama keessatti maxxanfamaniif doolaarri miiliyoona 9 bahu himanii jiru.

Filannoo gaggeeffame irratti naannoolee filannoo 165 ol irraa paartiilee siiyaasaa 30 fi dorgomtoota dhuunfaa torba irraa bordichatti komiin dhiyaachuufi qorannoon taasifamuun tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamu taasifamu ibsaniiru.

Filannicha irratti taajjabdoonni biyya keessaafi biyya alaa hedduun kan hirmaatan yoo ta'u, torban darbee keessas haala adeemsa filannoo ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennuunsaanii ni yaadatama.