Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: Boordiin Filannoo Itoophiyaa senetaroota US filannoo biyyattii qeeqaniif deebii kenne
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa senetaroota Ameerikaa filannoo Itoophiyaan torbanoota muraasaan booda filattu ’’haala qabatamaa amma jiruun ulaagaa idil-addunyaa hin guutu’’ jedhaniif deebii kenne.
Walitti qabduun Boordichaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa xalayaa senetarootaaf barreessaniirratti, Ameerikaan Itoophiyaatti dimokiraasiin akka dagaaguufi mirgi namoomaa akka kabajamu tattaaffii gootu wayitan walbira qabu senetaroonni shan yaadni isaan kennan ''na ajaa’ibeera’' jedhan.
Senetaroonni Ameerikaa tibbana ‘’filannoo Itoophiyaatti filatamuuf jiru haala qabatamaa amma jiruun bilisa, madalaawaafi iftoomina qabaatee ulaagaa idi-addunyaa hin guutu’’ jedhan.
Senetaroonni kunneen Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Ambaasaddar Jeefirii Feeltimaan imalasaanii dursa xalayaa barreessaniifi turan.
Walitti Qabduun Boordichaa xalayaa ifoome keessatti qabxiilee ijoo jaha tarreessuun senetarootaaf deebii kennan.
Haaluma walfakkaatuun, Ameerikaatti Ambaasaddarri Itoophiyaa Fitsum Araggaa Boordiin filannicha raawwachisu ‘bilisa’ jechuun Senetarootaaf yaada kennaniiru.
Xalayaan Addee Birtukaan barreessan maal ibsa?
Boordiin Filannoo dhaaba walabaa ta’usaafi filannoo dhufaa jiru seerota idila-addunyaatiin kan daangeffame taasisuuf tattaafachaa jirra kan jedhan Aadde Birtukaan, baay’ina uummataa, aadaa dimokiraasii kichuu, yaaddoo nageenya dabalaa dhufe ilaalcha keessa galchuun filannichi mudoo qabaachuu akka malutu eegama jedhan.
Haata’u malee, namoonni sagalee wayita kennan gufuun akka hin mudanne tarkaanfiin yeroo gabaabaa olkaa’ameera jedhan.
Aadde Birtukaan qooda filattoonni adeemsa filannoorratti dhimmoota ilaalcha keessa galchuu qaban kaasan.
Paartileen 49 Boordichi galmeesse kessaa 46 kaadhimamtoota isaanii galmeessisaniru, kaadhimatoonni 9,000 sadarkaa federaalaafi naannootti hirmaatu jedhan.
Xalayaan Aadde Birtukaan seenaa filannoo biyyatti keessatti lakkoofsa isa guddaatu galmaa’e jedha.
Itti dabaluun, Waldaaleen Qaamolee Sivilii biyya keessaa 190 ol ta’an dhimma filannoo akka barsiisan eeyyamuufi, dhaabbileen biyya keessaa 34 filannoo akka taajjaban eeyyama argataniiru jedhan.
Dhaabbileen taajjabdootaa adeemsa filannoo akka taajjabaniif ogeeyyii 100,000 ol ta’an bobbaasu jedhamee akka eegamu xalayaan Aadde Birtukaan kan ibsu.
Aadde Birtukaan paartileen siyaasaafi kaadhimamtoonni adeemsa filannoorratti dammaqinaan hirmaataa akka jiran eeran.
Paartilee kana qorumsi akka mudatu ifa ta’ullee Boordichi komiiwwan ka’an furuuf tattaafataa jira jedhan.
Komiiwwan ka’an humna Boordichaatiin kan furaman wayita ta’u, kaadhimamtoota filannoo hidhamaniifi hoggantoota paartii hanga hiiksisuutti akka tattaafatan ibsan.
Gama kaaniin yeroon qilleensaa miidiyaaleerratti paartiileef kennamu akka haqa qabaatu gooneerra jedhan.
Fuula miidiyaa hawaaasaa Boordichaarratti ibsa baasaniirratti filannichi ulaagaa idil-addunyaa akka guutu tattaafachuus kaasan.
Tattaaffii taasifaman keessaas, yaada hirmaattota filannoo qajeelfama filannoo keessa galchineerra jedhan.
Filannoon waliigalaa marroo 6ffaa kun seenaa biyyattii keessatti iftoomina kan qabu ta’ullee ibsan.
Xumura bara 2019 irraa kaasee hirmaatota filannoo wajjin waltajjiin marii 50 taa’amuu ibsan. Mariin kunis Boordichi gama Feesbuukii, Tiwitarii, Telegiraamifi Yuutiyuubii kan isaan qunnamnu hin dabalatu jedhan.
Mariin kun hirmaattonni filannoo adeemsaafi qorumsa jiru akka hubataniifi fala akka gumaachan gochuuf ta’uu kaasan.
Boordichi taajjabdoota biyya keessaafi addunyaaf banaa ta’uusaa, jaarmiyaalee idil-addunyaa rippabilikaanotaafi jaarmiyaa tumsa dimokiraasiif hundeeffamuudhaan ergama filannoo taajjabaniif waamicha dhiyeessuu kaasan.
‘’Jiilli akkasi kunneen iftoomina flannoo olkaasu’’ jedhan Aadde Birtukaan.
Aadde Birtukaan jijjiramni wayita filannootti mul’atan yaaddoo teeknikaa, faayinaansii, siyaasaafi yaaddoo caasaa nageenyaa fiduu malu jedhan ibsa isaanii keessatti.
Aadde Birtukaan ibsa isaani keessatti Ameerikaan biyya Itoophiyaa keessatti adeemsa jijjirama dimokiraasii akka deeggaruu itti fuftu abdachuun, Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa magaalaa Finfinnee jiran wajjin walii arganii haasa’uu akka barbaadan yaada qabaachuus itti dabalanii kaasaniiru.