Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoon Hararii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa himate
Dhalattootni sab-lammii Hararii naannichaan ala Itoophiyaa bakkeewwan adda addaa jiraatan yaa'ii biyyaalessaa naannichaaf filamuu hin danda'an jechuun murtee Boordiin Filannoo dabarse mormuun dhimmicha mana murtiitti himachuu naannoon Hararii beeksise.
Naannoo Harariitti hoogganaa Itti Anaanaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa kan tahan Obbo Abdulhakiim Umar, BBCtti akka himanitti, ''boordichi adeemsa seeraa hin hordofne, seera cabseera jechuun'' mana murtii ol aanaatti himachuu isaanii himan.
Naannichi dhimma kana gara mana murtiitti fudhachuu isaan dura Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Boordii Filannoof sanadni ergitan chaappaa kan hin qabnee fi haqa qabeessa miti jedhamnaan akka iyyataa turan himan.
Manni maree bakka bu'oota uummataas sanadoota irratti chaappaa rukutuun boordii filannoof ergus murtoon isaanii jijjiiramuu dhabuu irraa kan ka'e amma mana murtiitti himachuu himan.
Manni Maree naannoo Hararii, Waajjirri pirezidaantii naannoo Hararii fi waajjirri paartii Badhaadhinaa naannichaa uummatni Hararii naannichaan ala jiraatan qaama mana maree naannichaa kan tahe yaa'ii biyyaalessaa Harariif akka filamaniif gaaffii dhiyeessee ture.
Gaaffichi bu'uura kan godhates murtee manni maree mootummaa cehumsaa bara 1987 raggaasise tahuu isaas ragaaleen ni mirkaneessu.
Dabalataanis heerri naannoo Hararii keewwatni 50 lakkoofsi 2 akka jedhutti miseensa mana maree naannichaa kan tahanii fi miseensota 14 kan qabu '' miseensotni Yaa'ii Biyyaalessaa Harar naannicha keessaa fi naannichaan ala Itoophiyaa bakkeewwan adda addaa keessa kan jiraatan dhalattoota Harar keessaa fila'' kan jedhu akka bu'uura godhate Obbo Abdulhaakim himu.
Boordiin Filannoos murteewwan bara mootummaa cehumsaa darban akkaataa bu'uura heera mootummaan qorate beeksisee, murtee dhalattotni Hararii naannichaan ala jiraatan filannoo dhufu irratti hirmaatu jedhu kuffiisuu isaa ibsa Caamsaa 1/2013 baaseen hubachiiseera.
Boordichi murtee kana kan dabarse akkaataa heera mootummaa tahuu himee, ''caasaa mootummaa naannoo tokkoo keessatti miseensota mana maree filachuu kan danda'an jiraattota naannichaati'' jedhe.
Itti dabaluunis, Boordichi ''heerra mootummaa irratti sabni lakkoofsaan xiqqaa tahe miseensa mana maree naannoof yeroo filatu, miseensotni naannichaan ala jiraatan akka filataman labsiin deeggaru yookaan addatti hojmaanni deeggaru kan agarsiisu homaa hin arganne'' jedhe.
Yaa'iin biyyaalessaa Harar Caamsaa 3/2013 wal gahii ariifachiisaa waameen murtee boordii filannoo akka hin fudhanne ibseera.
''Boordiin Filannoo aangoo kana murteessuu hin qabu'' kan jedhan Obbo Abdulhakiim, murtee manni maree mootummaa cehumsaa murteesse heera mootummaa naannichaa caqasuuni waan taheef, ''seeraan kan labsamedha'' jedhan.
Murteen mana maree bakka bu'oota uummataa kan bara 1987 osoo hin haqamiin, heerri naannichaa bakka ifatti kaa'ee jirutti '' waan kana faalleessu dhaabbata guddaa akkasii irraa hin eegamu,'' jedhan.
Boordiin filannoo ammoo murtee mana marichaa kan deeggaru keewwatni tokkoyyuu heera mootummaa irratti akka hin eeramne ibsa.
Kanaafuu boordichi heera mootummaa biyyattiifi naannolee bu'uura godhachuun hojjechuu qaba jedhanii heera mootummaa federaalaa keessatti kan hin ibsamiin kan naannolee keessatti bal'inaan haalli itti ibsaman jiraachuu akka danda'us himaniiru.
Boordiin filannoo dabalataan kan ibse sandni manni maree mootummaa ce'umsaa 1987 murteesse chaappaa seera qabeessa hin qabu waan taheef murtichi sirrii miti, fudhatamummaa isaas rakkoo keessa galcheera jedhe.
Sanadootni mana marichaa fuula jaha kan qaban yoo tahu, isa irratti xalayaan gaggeesituu guyyaa, lakkoofsaa fi chaappaa kan qabu jira jedhan Obbo Abdulhakim.
Dabalataan gabaasni koree yeroo sana turee fuula 17 qabu akka irratti hidhameeru himu.
Haa tahu malee sanadoota jiran tokko irratti iyyuu chaappaan kan hin rukutamne tahuu himan. Ta'us murteen darbaa ture bu'uuruma kanaan qofa waan hin taanef boordiin filannoo hojmaata isaa ilaaluu qaba jedhan.
''Ka'umsa sanaan murtee Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa tahuufi tahuu dhiisuu isaa deebii isaa erga dhagahanii booda murteessaniiru osoo tahe. Hojmaata dhaabbataa kan hin eegnedha.''
Naannoon Hararii sanadootni kunneen fudhatama akka hin qabne ibsee iyyata galfate hordofee, manni maree bakka bu'oota uummataa sanada bara 1987 ka'umsa godhatee, murtoo ofii isaas itti dabaluun akkasumas xalayaa naannichi dhiyeesse waliin fuula 39 kan qabu chaappaa isaa irratti rkutuun boordii filannoof erguus himaniiru.
Boordiin filannoo gama isaan '' murtee murteessine haalli itti deebinee ilaallu waan hin jirreef qaamni murtee kennuu danda'u biraa murtee kennuu danda'a waan jedhu akka of keessaa qabutti mana marichaaf ergeera'' jedhan.
Karaa mana marees dhimmichi kan ilaalamaa jiru tahus, karaa mana murtiis akka ilaalamuuf himata banuu himaniiru.
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa naannoo Hararii yaa'ii lama irraa kan hundaa'e yoo tahu isaanis Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Yaa'ii Biyyaalessaa Harariiti.
Yaa'ii Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa miseensota 22 kan qabu yoo tahu, Yaa'iin Biyyaalessaa Hararii ammoo miseensota 14 qaba.
Miseensotni Yaa'ii Biyyaalessaa hararii bakka biraa jiraatan akka hin filamne dhorkamanis taa'umsa 14 qabu sana qabachuun isaa waan hafu miti.
Yaa'iin Biyyaalessaa hararii kun murteewwan aadaa Hararii, afaan, seenaan eenyummaa sabichaa qabate akka itti fufu murtee kan dabarsuu fi dhalattoota sab-lammichaa bakkeewwan adda addaa faca'anii jiran kan walitti fidu tahuu Obbo Abdulhakim himaniiru.