Filannoo Itoophiyaa 2021: Guyyaa filannoo irratti jijjiiramni jiraachuu mala jedhame

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Birtukaan Miidhaqsaa guyyaa filannoo marsaa 6ffaa dhufu irratti jijjiramni taasifamuu akka danda'u dubbatan.

Qindeessituun boordichaa guyyaan filannoo biyyaalessaa itti kennamu ''barbaachisaa yoo ta'e guyyoota muraasaan duratti ykn boodatti jechuu danda'a,'' jechuun dubbataniiru.

Qindeessituun kun dhimma kanarratti jijjiiramni guyyaa murteessaan homtuu akka hin jirre himuun, hojiiwwan galmee filattootaafi guyyaa filannoo jidduutti raawwatamu qabaatan garuu jiraachuu dubbataniiru.

Itoophiyaan filannoo biyyaaleessaa waggaa tokkoon dheereffamee ALI Caamsaa 28 fi Waxabajjii 5, 2013 gaggeessuuf karoorsuun ishee ni yaadatama.

Haata'u malee Birtukaan gaaffii gaazexessitootaan Sanbata darbe dhiyaateef wayita deebii kennaniitti, rakkoolee lojestikiifi dhimmoota nageenyaa akka sababaatti kaasuun, guyyaan filannoo ''barbaachisaa yoo ta'e guyyoota murtaa'aniin gara fuuladuraatti ykn gara booddeetti jechuu ni danda'a jedheen tilmaama'' jechuun dubbataniiru.

Booridichi hanga ammaatti filattoota miliyoona 31 ol galmeessuu ifa taasisuun isaa ni yaadatama.

Hojiiwwan meeshaalee filannoo raabsuu, raawwachiftoota filannoo filuufi leenjiisuu akkasumas yaada galtee paartilee argachuu kanneen jedhan dhimmoota filattoota galmeessuun xumuramee hanga guyyaa filannootti raawwataman ta'u himaniiru.

''Dhimmoota kanneen erga hubatamaniin booda barbaachisaa yoo ta'e guyyoota muraasaan gara fuuladuraatti ykn gara boodaatti butamuu ni danda'a jedheen tilmaama'' jedhan.

Kana malees lakkoofsi ummataa waan hingaggeeffamnee fi ragaan jiru kan ture waan ta'eef galmee filattootaa tilmaamuutti rakkoo ta'u akka sababaatti kaasaniiru Qindeessituun kun.

Rakkina kana furuuf hojjatamaa jiraachuu kaasuudhaan, ''Keessattu magaalaa Finfinnee eddoowwan kondominiyeemiitti haalli baayyina ummataa kan wal hinsime ture. Yeroo hafeetti namoota hedduu galmeessina jenneeti tilmaamna. Galmee fooyya'aas eegna'' jedhan.

Eddoowwan galmeen filattootaa itti dheereffame

Qindeesituun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan eddoowwan sababii yaaddoo nageenyaatiin galmeen filattootaa turetti galmeen eegaluu himaniiru.

Fakkeenyaaf Naannoo Oromiyaatti godinaalee Wallagaa arfaniitti, Beeniishaangul Gumuuz Kaamaashii akkasumas Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Addaa Saba Oromootti galmeen filattootaa eegaluu dubbataniiru.

Gama Naannoo Benshangul Gumuz Godina Matakal ilaaluun, ''Haala nageenyaafi buqqaatotaa xiyyeeffannoo keessa galchuun boordichi galmee eegalchiisuuf ilaalaa jirra'' jechuun hanga ammaatti galmeen filattootaa Matakkaliitti kan hineegalamne ta'u dubbatan.

Akkasumas Godina Shawaa Kaabaa Axaayyeettis naannoolee filannoo sadii irratti hanga yoonaatti galmeen filattootaa kan hineegalamne ta'u himuun, namoonni qe'esaaniirraa buqqa'an gara manasaaaniitti akka hindabiineefi yaaddoon nageenyaa jiraachuusaatiin galmeen akka hineegalamne himan.

Naannoo Ummattoota Kibbaatti ammoo Surmaafi Diiziitti galmeen kan hineegalamiin ta'u dubbachuun, akkasumas Naannoo Somaaleetti ammoo bakkeewwan rakkooleen galmee filannoo raawwatamaniiru jedhamaniitti boordichi galmee dhaabsiisuu beeksiisaniiru.

Gamtaan Awuroppaa taajjabdoota hinergu jechuu ilaalchisee

Gamtaan Awurooppaa motummaa Itoophiyaa waliin waliigaltee irra gahu dadhabuun kan ka'ee taajjabdoota filannoo akka hineerginee toban darbee keessa beeksiisuunsaa ni yaadatama.

Haala kana ilaalchisee gaaffii dhiyaateef deebii kan kennan Birtukaan Miidhaqsaa, ''Taajjabdoonni biyya alaa sadarkaa lama qabu. Jalqaba motummaa waliin kan xumuramuudha… Innis Ministeera Haajaa Alaatiin xumurama. Lammeessoon ammoo haaluma mirkanneessuu Haajaa Alaatiin beekkamtii kennuun bobbaasna.

''Gamtaan Awurooppaa taajjabdoota ergu dhiisuutti boordiin gaddeera. Dhimmi kunis kan mudate osoo walitti dhufeenyi motummaa waliinii hinxumuramiin dura. Osoo dhufanii akka barbaadnuufi adeemsichaafis waan dabalu akka qabaatu mirkanneesineefiira. Gama isaanitiinis amantaafi tilmaamuma walfakkaattu ture… Osoo dhufanii gaarii ture. Yaada kana caalu kennuu hindanda'u'' jedhaniiru.

Gamtaa Awurrooppaa filannoo taajjabuuf ture waliin kan waliin hingalamneef sababii gamtichi gaaffiilee walabummaa sarban dhiyeesseef jechuun dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii dubbachuunsaanii ni yaadatama.

Gamtichi sirna komunikeeshinii Itoophiyaan hinqabne qabatee gara biyya keessaa galuu akka haaldureetti dhiyeessuu fi bu'aa filannoo ifa kan taasisu ana jechuu hordofee waliigaltee irra gahuun akka dadhabamee Ambaasaaddar Diinaan dubbataniiru.