Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: Galmeen filannoo 6ffaa Itoophiyaaf taasifamu ammas guyyoota muraasaaf dheerate
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa lakkoofsi namoota filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa filachuuf galmaa'ee miliyoona 31 caaluu isaa ibse.
Namoota kaardii filannoo fudhatan keessaa miliyoona 14 caalaa galmeessisuun namoota guutummaa biyyaatti galmaa'an keessaa walakkaatti kan dhiyaatu Oromiyaarraa ta'uu ragaan Boorichaa ni agarsiisa.
Buufatalee filannoo kuma 43 fi 17 irratti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jiraachuus Boordii Filannoo Biyyaaleessarraa ibsa isaa kanaan mulliseera.
Haata'u malee, dheengadda Finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee naannolee hundatti yeroon galmee filattootaa guyyoota 7’n akka dheeratu taasifamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksisee ture.
Yeroo duraan ba’ee tureen naannolee Affaariifi Somaaleen alatti galmeen filattootaa Caamsaa 7, 2021 xumurama ture.
Haata’u malee guyyoota muraasa darbanitti kabajni ayyaanota biyyaalessaa walirra bu’anii waan turaniifi buufataalee filannoo xixiqqoo hundeessuuf yeroo fudhachuusaa sababa godhachuun yeroo galmee dheeressuun barbaachisaa ta’uu hime boordichi.
Akka boordiin filannoo jedhutti, galmeen filattootaa qabbanaa’ee ture yeroo ammaa si’oominaan itti fufuun, lammiileen miiliyoona 28 caalan hanga yoonaatti galmaa’anii jiru.
Ibsa kana duratti kenneen, lammiileen miiliyoona 50 ta’an filannoo kanarratti ni hirmaatu jedhamee eegama jedhee ture, Boordiin Filannoo Itoophiyaa.
Bulchiinsa Magaalota Finfinnee fi Dirree Dhawaa dabalatee, naannolee Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Saboota Sab-lammootaafi Ummattoota Kibbaa, Gaambeellaa, Hararii, Oromiyaa fi Sidaamaa keessatti hanga Caamsaa 6, 2013 ALI guyyoota dabalataa 7’f akka dheeratu taasifamuudha boordichi kan beeksise.
Lammiileen buufataalee filannoo itti galmaa’anitti dhiyaachuun kaardii filannoo akka fudhatniifi hoji raawwachiiftonni boordichaas Sanbata Duraa fi Dilbata dabalatee galmee akka geggeessan beeksiseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa galmee filattootaafi paartilee siyaasaa filannoorratti hirmaatanii maal irra akka jiru walakkeessa ji'a Eblaa yeroo ibsetti, buufataaleen filannoo walakkaa ta'an hin banamiin jiraachuu ibsee ture.
Soomaleefi Affaaritti ammoo filattoota galmeessuun akka hin jalqabamiin Boordiin Filannoo Biyyaalessaa himee ture.