Paartiileen mormituu Naannoo Somaaleetti sochiin filannoo akka dhaabbatu gaafatan

Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen fi Izeemaa dabalatee paartileen naannoo Somaalee filannoo irratti hirmaatanii fi dorgomtoonni dhunfaa komii adeemsa filannoo irratti qabaniif hanga deebiin kennamuufiitti sochiin filannoo naannicha keessatti akka dhaabatu gaafatan.

Gaaffii kana kan dhiyeessan Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen, Izeemaa, Paartii Bilisummaa fi Wal-qixxummaa akkasumas dorgomtoota dhuunfaa naannoo Somaaleeti.

Paartilee kunneen fi dorgomtoonni dhunfaa ibsa waloo baasaniin kunneen seera filannoo fi waliigalteen mallatteesan paartiin Badhaadhinaa naannichaan cabeeraa jedhan.

Dura taa'aan ONLF Abdiraamaan Mohaammad Mahaadii paartileen afran marii erga taasisaniin booda kaleeessa gaafa Dilbataa ibsa baasuu isaanii BBCtti himaniiru.

Obbo Abdiraamaan akka jedhanitti, bulchitoonni naannichaa kaardii sagalee kennitootaa dirqamaan fudhataniiru, namoota barbaadaniif kaardiiwwan dhibbaan lakkaa'aman kennaniiru jechuun himatu.

Kanaaf akka ragaatti suuraa namni tokko kaardii sagalee itti kennan baayyee qabatee jiru agarsiisu BBC'f qoodaniiru.

Dubbii himaan Izeemaa Naatnaa'eel Fallaqa paartiin isaanii marii kanarratti erga hirmaateen booda ibsa waloo baasuu mirkaneesseera.

Ibsa kanaanis hojii gaggeessitoonni boordii filannoo dhiibbaa bulchiinsa naannichaa jala kufaniiru. Galmeen sagalee kennitootaafi raabsaan kaardii filannoo boordii filannoo irra bulchitoota naannichaatu to'ata jechuun himatu.

Kana malees kaardiin sagalee kennitootaa naannoo Somaaleef ramadame lakkoofsaan hin baramne. Paartileen mormitootaa raabsaa kaardii filattootaa akka taajjabaniif hin affeeramane kan jedhuufi komiiwwan biroollee dhiyeeffataniiru.

Paartileen kunneen haala kanaan filannoo haqa qabeessaa fi bilisa tahe adeemsisuun gatii hin danda'amneef sirreefamni haa taasifamuu jedhaniiru.

Kanaaf hojii gaggeessitoonni boordii filannoo walaba tahaniifi itti gaafatamummaa isaanii bahachuu danda'an gara naannichaa hanga deemanitti akkasumas adeemsi galmee filattootaa amanamaa hanga jiraatutti naannoo Somaalettii sochiin filannoo akka dhaabbatu gaafatan.

Dubbii himtuun boordii filannoo Sooliyaanaa Shimallis gama isaaniin paartii ONLF irraa komii fudhachuu erga mirkaneessaniin booda dhimma kanarratti Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akka marii'atu BBCtti himaniiru.

''Komiin ONLF nu qaqqabeera. Ibsi waloo garuu nu hin qaqqabne. Galmeen filattootaa reef jalqabuusaati.Guyyaa lamaafi sadii hin caalu. Meeshaaleen filannoos guuramanii achi kan gahan torbee darbe dha,'' jechuun komii ka'e qoratanii deebii kennuuf yeroon gahaa akka hin jirre himaniiru.

Dubbii himaan Izeemaa Obboo Naatinaa'el Fallaqanis Naannoo Somaalee keessatti bakka buutoonni paartilee siyaasaa fi itti gaafatamtootaa boordii filattoota gidduu mariin ni taasifama jedhaniiru.