Dinagdee Itoophiyaa: Dhaabbileen idil-addunyaa Itoophiyaa seenuun Itiyoo-Telekomiif qormaatamoo carraadha?

Itoophiyaan waggoota lama dura sektara telekoomii abbootii qabeenyaa biyya alaatiif banaa taasisuushee erga beeksisteen booda hayyama lamarratti warra hirmaataniif caal-baasii dhiyeessitee turte.

ALI Sadaasa 18, 2013 Abbaan Taayitaa Telekoomunikeeshinii Itoophiyaa kampaanota sektara telekoomii biyyattii keessatti hirmaachuudhaaf fedhii qaban waamichaa taasisee Ebla 16, 2013 dhaabbileen lama caal-baasicharratti hirmaachuusaanii beeksisuun isaa ni yaadatama.

Isaan booda gamtaa kaampaaniiwwan gara garaa kan ta'e Giloobaal Paartinarshiip foor Itoophiyaa gatii ol-aanaa ta'e, dolaara miliyoona 850 dhiyeessuun caal-baasicha mo'achuun filatamaa ta'eera.

Haata'u malee, hayyamni lameessoo ammoo osoo hin kennamiin hafeera.

Safaricom warra Keeniyaa, Vodafone fi CDC Giruup warra UK, Vodacome warra Afrikaa Kibbaa, Sumitomo warra Jaappaan, akkasumas DFC kanneen jedhamanidha sektara kana seenuuf hayyama kan argatan.

Yeroo hayyamni kun kennametti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad, "murtee seena qabeessa" jechuun dinqisiifatanii turan.

Biyyoota Afrikaa baayyina ummataa guddaa qaban keessaa warra jalqabaa keessaa kan taate Itoophiyaan, telekoomiin dorgommii tokko malee dhaabbata tajaajila kennu tokkicha qofaan qabamee turuunsaa tajaajiltoonni gatiinis ta'e qulqullina tajaajilaan filannoo osoo hin argatiin turaniiru.

Gamtaa kampaaniiwwan telekoomii muuxannoo yeroo dheeraa qabanii kan ta'e Giloobaal Paartinarshiip foor Itoophiyaa, kutaa addunyaa gara garaa keessatti maamiltoota miliyoona 750 ol ta'an akka qabu himama.

Gamtaan kun biyya baay'ina ummataa miiliyoona 110 ol qabdu Itoophiyaa keessattis carraa gabaa bal'aa kan qabaatu yoo ta'u, tekinooloojii telekoomii bara ammaa jiru jedhaman fayyadamuun tajaajilawwan gara garaa akka dhiyeessu ni eegama.

Hata'u malee, muuxannoofi maallaqa guddaa akkasii qabatee tajaajilli telekomii gara Itoophiyaa Gamtaan galuuf jiru kun, hanga ammaatti sektara kana dhuunfaan guutummaatti qabatee kan ture Itiyoo-Telekoomiif yaaddoo uumuu mala gaaffii jedhu ni kaasisa.

'Tarsiimoo maamiltoota qabnu ittiin tursiifannu tolfanneerra'

Hoji-gaggeessituun Itiyoo-Telekoom Firehiwoot Taammiruu garuu turtii BBC waliin taasisaniin, baay'ina maamiltootaafi bu'uura misoomaa qabuurraa kan ka'een dhaabbileen kunneen gara sektara kanaatti galuun isaanii akka isaan hin yaaddessine ibsite.

"Gabaa dorgommii qabu kamiifiyyuu tarsiimoon dorgomaa ta'e ni tolfama; nutis tarsiimoo kan mataa keenyaa tolfanneerra.

''Dhaabbanni tajaajila kennuuf akka haaraatti seenu gara sektarichaatti haaraa kan seenu waan ta'eef tarsiimoo bartuu akka qabaatu ifadha. Nuti ammoo maamiltoota amma qabnu tarsiimoo ittiin tursiifannu tolfanneerra," jedhan.

Dhaabbatichi tarsiimoo waggoota sadiif qixeeffateefi adeemsa hanga ammaattis hojiirra oolchaa dhufeen lakkoofsa maamiltootaa, galiifi haguuggii neetiwoorkii bal'isuutiin hojii guddaa hojjeteera jedhaniiru.

Dabalataan, dorgommicha keessatti mo'ataa ta'uuf kan sektarichi gaafatu hunda akka taasisan ibsan.

"Akka karoora keenyaatti sektara kana keessatti dhaabbata filatamaafi tajaajila kennuun tokkoffaa ta'uuf hojjenna.

''Dhaabbileen dhufan muuxannoo ol-aanaa kan qaban ta'ullee, tajaajila telekoomii addunyaarratti hojjetamaa jiru odeeffannoofi beekumsa gahaa qabna. Tarsiimoon keenyas kana sirriitti qorachuun xiinxaleera."

"Gabaa Itoophiyaatiif ni ta'a jennee kan yaannuufi fedhii maamiltoota keenyaa akka gaariitti ni guutu jennee hojiiwwan yaannu hojjechaa jirra," jechuun himan.

Itiyoo-Telekoom amma %97 kan ummata qaqqabu yoo ta'u maamiltoota miliyoona 56 qaba.

"Kun lakkoofsa salphaa miti. Dhaabbileen sektara kanatti bobba'anii jiran lakkoofsa hanga kanaa kan argatan tajaajila biyyoota gara garaatti kennaniidha.

''Kanaaf, lakkoofsi maamila Itiyoo-Telekoom ol-aanaa waan ta'eefi guutummaa biyyattii keessatti ijaarsa bu'uura misoomaa waan gaggesseef sektarichatti dorgomaafi filatamaa isa taasisa."

Giloobaal Paartinarshiip yeroo caal-baasii mo'achuun isaa ifoometti, ministirri maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahimad Shidee murteen kun adeemsa jijjiirama sirna dinagdee biyyattiin taasisaa jirtu keessatti tarkaanfii murteessaa ta'uu himaniiru.

Dabalanis, "kun ammoo lammileen Itoophiyaa hundi tajaajila qulqulluu gatiin isaa madaalawaa ta'een akka argatan taasisa," jedhan.

Yeroos BBC waliin turtii kan taasisan ogeessi dinagdeefi dura taa'aan Feerfaaks Afrikaa Giloobaal Obbo Zamadeenah Nigaatuu, sektarri telekoomii dorgommiitiif banaa ta'uun isaa tajaajila qulqullina qabu gatii rakasaan akka argatan dandeessisuun alatti "hojii uumuufi dorgommiitiif karra bana," jedhaniiru.

Teelee Birri

Qaama gamtaa Giloobaal Paartinarshiip foor Itoophiyaa kan ta'e, keessumaa Keeniyaafi Yugaandaatti fayyadamtoota miliyoona baay'ee kan qabu Safaricom, Keeniyaa keessatti sisteema maallaqaa Mpesa jedhamu waggoota 14 dura jalqabe, yeroo ammoo jiraattonni Keeniyaa dhibba keessaa 72 fayyadamaa jiru.

Biyyoota torba keessatti hojjechaa kan jiru Mpesa maamiltoota miliyoona 42 fi ejentoota kuma 400 kan qabu yoo ta'u, oomisha waliigalaa waggaa (GDP) Keeniyaa keessaa %50 kan tahu sirna kana keessaan socho'a.

Yugaandaattis taanaan uumata biyyattii waliigalaa keessaa herrega baankii kan qaban dhibba keessaa 11 yoo ta'an, Mpesa kan fayyadamu garuu dhibba keessaa 42 caaleera.

Gamtaan Giloobaal Paartinarshiip foor Itoophiyaa kun yeroo gara gabaa Itoophiyaa dhufu ammoo tajaajilawwan maallaqa karaa bilbila mobaayilaatiin sochoosuu qabatee akka dhufu ni eegama.

Itiyoo-Telekoom kana ilaalcha keessa galchuudhaaan ta'uu hin oolle ji'oota dura Tele Birri kan jedhamu tajaajila maallaqa mobaayilaan sochoosu beeksiseera.

"Gara fuula duraatti GDPn biyya keenyaa dhibba keessaa 40 hanga 50 kan ta'u karaa Teelee Birri akka socho'u kaayyeffannee hojjechaa jirra. Waggoota shan itti aananittis kana ni milkeessina jennee yaadna," jedhan Aadde Firehiwoot.

"Erga sagantaa kana jalqabsiifneen asitti guyyoota 100 keessatti qofa lakkoofsi maamiltoota tajaajilicha fayyadamanii miliyoona 8.5 qaqqabeera. Lakkoofsi ejentoota keenyaa ammoo 18,000 ol ta'eera. Kun nuuf milkaa'ina guddaadha."

Hoji-gaggeessituun kun akka jedhanitti, biyyoota biroo keessatti dhaabbileen tajaajila maallaqa mobaayilaa kennan keessaa kamiyyuu guyyoota 100 keessatti lakkoofsa maamilaa hanga kana gahu argachuu hin dandeenye.

"Tarii lakkoofsa akkas guddaturra gahuudhaaf waggoota isaan fudhateera."

Kana malees, Itiyoo-Telekoom humna maamiltoota bira gahu dabaluudhaaf baankota ja'a waliin hojjechaa jiraachuu himu hoji-gaggeessituun kun.

"Guyyoota 100 kana keessatti waliigaltee baankiiwwan ja'an kanneen waliin taasifneen maamiltoonni keenya salphaatti maallaqa baankiirraa gara mobaayilaatti, mobaayilarraa ammoo gara baankiitti akka dabarsuu danda'an taasisneerra."

Gama biraan ammoo dhaabbileen daldalaa 3,643 ta'an ammoo maamiltoonni isaanii kaffaltii kamiyyuu karaa Teelee Birri akka taasifatan waliigalanii hojjechaa jiru.

Akka fakkeenyaatti, namoonni adabbii tiraafikaa qaamaan hanga waajjiraatti deemanii kaffaluurra karaa Teelee Birri akka kaffalan taasisuuf hojiiwwan tokko tokko hojjetamaa jiru, Finfinneettis leenjiin kennamaa jiraachuu dubbatan.

Dhaabbileen idil-addunyaa gara gabaa Itoophiyaa seenuusaanii akka carraa gaariitti kan ilaalan ta'uu kan ibsan hoji-gaggeessituun kun, dorgommiin fayyaalessa ta'e tajaajila sektara kanaa ammayyeessuun maamiltoota caalaa tajaajiluudhaaf carraa akka uumullee eeran.

Itti dabaluun sektaricha keessatti wanta uumamuu danda'an hunda ilaalcha keessa galchuudhaan, Itiyoo-Telekoom tarsiimoo tolfachuun rakkoowwan hin eegamnellee yoo mudatan adeemsa keessa furaa deemuuf qophii ta'uu isaa himaniiru.