Tajaajilli 4G Itiyoo-Telekom baballisaan jira jedhu maalidhaa?

Yeroo bilbila keessaniin interneeta fayyadamtan saffisa interneetii qabdaniin mallattoowwan gara garaa argitu. Fakkeenyaaf mallattoowwan E, O, GPRS, 3G fi 4G kanneen jedhaman muraasa isaaniiti. Kanneen keessaa ammoo 4G kan jedhamu kun isa saffisaadha jedhamudha.

Inni 4G jedhamu kun LTE kan jedhuunis ibsamuu danda'a. LTE jechuun ammoo gabaajee 'Long Term Evolution' ta'uu isaati.

4G jechuun ammoo 'Forth Generation' ykn dhaloota afraffaa kan 3Gtti aanee dhufedha.

Kan baayyisee saffisaa ta'e ammoo dhaloota shanafaa ykn 5G isa jedhamudha. 5G gosa neetiwoorkii biyyoota hedduu keessatti hojiirra erga oolee bubbuleerudha.

Tekinooloojiin 5G jedhamu kun bakka hundaa kan hingeenyee yoo ta'u, innis bilbila tajaajila kanaaf qophaa'e barbaada.

Saffisni interneetii mobaayilii sadarkaa idil-addunyaa ta'e qabaachuu baatus, qaamoleen interneetii dhiyeessan dhaloota tokkorraa gara isa ittanuutti guddisuun dhaloota 4ffaa fi 5ffaa irra geessisaniiru.

Itiyoo-Telekoom

Itiyoo-Telekoom maamiltoota miliyoona 50.7 ol akka qabu ibsama. Maamila Itiyoo-Telekoom qaba jedhu miliyoona 50.7 ol kana keessaa miliyoona 48.9 ol kan ta'an warra mobaayila fayyadamanidha.

Maamiltoonni miliyoona 23.5 ol ta'an ammoo fayyadamtoota daataafi interneetiiti.

Tajaajilli interneetii bara 1997 keessa kan beekame yoo ta'u, waggoota lamaa booda ammoo tajaajilli bilbila mobaayilaatu jalqabame.

Bara 2007 keessa ammoo interneeta 3G akka jalqabu taasifameera.

"Tajaajilli 4G /LTE saffisa ol aanaafi baandiwiidzii, akkasumas tajaajila daataa amansiisaa kan kennu waan ta'eef, maamiltoonni keenya tajaajila isaanii dijitaalawaa taasisuuf, omishtummaa dabaluufi walumaagalattis muuxannoo tajaajila telekom irratti qaban baayyisee kan guddisu," ta'a jechuun ture Itiyoo-Telekoom bara 2015 keessa kan interneetii 4G/LTE Finfinneetti jalqabsiise.

Tajaajilli 4G waggootaaf Finfinnee keessatti qofa murtaa'ee ture, "Finfinneefi magaalaawwan naannoo hunda keessatti guddina tiraafika daataafi fedhii jiru bu'uura godhachuun hojii tajaajila 4G LTE baballisuu hojjechuun yeroo ittaanutti magaalaawwan naannolee biroo keessatti tajaajila walfakkaatan jalqabsiisuudhaaf haaldureen dandeessisan irratti hojiin hojjetamaa jira," jechuun Itiyoo-Telekoom fuula marsariitii isaarratti ibseera.

Dhaabbatichi tajaajila kana Finfinneen alatti yeroo jalqabaatiifi 'Riijinii' Kibba-bahaa jalatti warra argaman kanneen akka magaalaa Adaamaa, Bishooftuu, Dukam, Galaan, Moojoofi Awwaash Malkaasaatti tajaajila kana dhiheenya maamiltoota biraan ga'uun danda'ameera.

Isatti aanee dabareen kan Baahir Daar, Dabira Maarqos, Finoote Salaam, Buree, Daangilaa, Injibaaraafi Chaaginii ta'eera.

'Riijinii Kibba-lixaa keessatti magaaloonni argaman ja'a warri akka Walaayitaa Sooddoo, Arbaa Minci, Hosaa'inaa, Walqixxee, Buttaajiraafi Jinkaa keessattis hojii pirojektii interneetii dhaloota afraffaa (4G) baballisuu xumuramee tajaajila jalqabeera.

Interneetii 4G Itiyoo-Telekom hawaasichaaf dhiyeesse fayyadamuuf bilbilli mobaayilaa barbaachisu 'gatii madaalawaa ta'een' hawaasaaf akka dhiyaachuu qabuufis waamicha dhiyeesseera.

"Kampaniin keenya akka tarsiimoo guddinaa waggoota sadii irratti mul'isnetti Finfinneefi naannolee hundatti guddina tiraafikaafi fedhii jiru irratti bu'uureffachuudhaan hojii tajaajila 4G LTE baballisuu karoorfannee hojjechaa jirra," jedheera.

Ji'oota iti aanan keessattis magaalaalee naannolee biroo keessattis tajaajila kana jalqabsiisuudhaaf hojii nu dandeessisan hojjetaa jireechuu Itiyo-Telekom fuula marsariitii isaarratti ibseera.

Ofii 4G fi akaakuuwwan tajaajila dhaloota interneetii karaa bilbila mobaayilaa Itiyoo-Telekom kunneen maal?

1G

1G yookaan daataa mobaayilaa dhaloota jalqabaa jedhama. Tajaajilli internetii kanaa bara 1991 hojiirra oole.

1G mala ittiin odeeffannoo wal jijjiiran anaaloogii ta'edha. Isaanis waamicha qofa dabarsuun kan danda'amu.

2G

2G Ergaawwan barreeffamaa kan beeksisedha. Ergaawwan barreeffamaa 2G SMS jedhamuun beekaman ergiidhaaf dandeessiseera.

2G dabalataan MMS (Maltiimiidiyaa Meseejiing Sarviis) kan jedhu kan ittiin ergaawwan suuraa waliif dabarsan beeksiseera.

Bilbiloota mobaayilaa irratti tajaajilwaan akka GSM, GPRS, EDGE jedhamanis ni qaba.

3G

Karaa viidiyootiin waliif bilbiluun bara 2001 keessa beekkame. 3G fi odeeffannoo sekondii tokko keessatti 2MB wal jijjiiruuf tajaajilli dandeessisu yeroo bilbilli mobaayilaa ismaartii ta'an gabaarra oolan ture kan beekame.

Baayyee saffisaa ta'uu baatus gamada malee interneetii dhiyeessuutiin kan jalqabaa yoo ta'u, akka viidiyoon waliif bilbiluun jiraatu dandeessiseera.

Tajaajila interneetii 3G kana gargaaramuun odeeffannoo/raga 4.26 buufachuudhaaf saatii shanii ol gaafata.

4G

Barri 2010 ammoo 4G qabatee dhufe. Tajaajila interneetii saffisa qabu dhiyeessuufi geemiiwwan mobaayilaa bu'uurarraa jijjiireera.

Yeroo ammaa hojiirra kan jiru tajaajilli interneetii mobayilaa 4G kun giddu-aleessaan sekondii tokko keessatti 45MB hojjeta. Industiriin kun neetiwoorkii kana sekondii tokko keessatti GB tokko qaqqabsiisuuf kaayyoo qaba.

Fiilmii walfakkaataa ta'e tokko neetiwoorkii 3G fayyadamuun buusuudhaaf sa'aatii shanii ol kan fudhatu, 4G yeroo fayyadamnu daqiiqaa saddetii gadi qofa akka fudhatu taasiseera.

5G jechuun maal jechuudha?

5Gn dhaloota tajaajila interneet neetiwoorkii itti aanu yommuu ta'u, tajaajila daataa saffisa baayyee ajaa'ibsiisaa ta'een buufachuufi fe'achuuf tajaajila kan kennudha.

Ispektiremii raadiyoo gargaaramuun meeshaalee baayyee hedduu ta'an ala takkaatti akka interneetii mobaayilaa argatan gochuu dandeessisa.

Wantota yeroo ammaa bilbiloota ismaart ta'an gargaaramuun hojjennu kamiyyu saffisaafi haala caalaa foyya'aa ta'een akka raawwannu nu gargaara.

Dirooniiwwan, konkolaataawwaiifi geemiiwwan mobaayilaa interneetii akka malee saffisaa ta'e kana gargaaramuun tajaajla foyya'aa kennu.

Viidiyoowwan mobaayilaa ammaafi ammattiifi osoo hin ciccitiin haala miidhagaa ta'een dhiyaatu. Viidiyoon waliif bilbiluun caalaa qulqullaa'aa ta'uudhaan osoo hin raafamiin maamiltootaaf ni dhiyaatu.

Tekinooloojii kana gargaaramuun wantota godhataman gargaaramuunis wanti tasaa yeroo nama mudatuttis battalumatti hakiimotatti beeksisuun haala fayyaa ofii dafanii to'achuu dandeessisa.

5Gn kun saffisa dacha 10 hanga 20 milkeessuu danda'a jedha kampaaniin Chiip hojjetu Kuwaalkom. Saffisa kanaan daqiiqaa tokko yeroo hin guutne keessatti fiilmii qulqullina ol-aanaa qabu buufachuu dandeessisas.

Itiyoo-Telekoom tajaajila 5G maamiltootaaf dhiyeessuudhaaf karoorri qabateeru yoo jiraateef jecha gaaffii BBCn dhiyeesseef deebii hin kennine.