Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teknolojii: Waa’ee dhaabbilee telekoomii Itoophiyaatti hirmaachuuf caali-baasii dorgomaa jiranii maaltu beekama?
Haaluma mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee telekoomii lamaaf hayyama kennuuf caalbaasii baaseetiin, kaampaaniiwwan biyyoota garagaraa keessatti muuxannoo qaban fedhii agarsiisanii jiru.
Dhaabbileen mootummaa adda addaa gara dhuunfaatti akka darbaniif erga murtaa’ee booda hayyama telekoomii lama kennamuuf yaadameen alatti, Itiyoo Telekoom abbootii qabeenyaa biyya keessaafi dhuunfaan akka buluuf gariin akka gurguramuuf murtaa’uun isaa ni yaadatama.
Seektara kana dorgommiif banaa gochuu irratti yaaddoonni hedduun kan ka’an yoo ta’u, ququllina bilbilaafi intarneetii akkasumas gatii irratti jijjiirama fida kan jedhan hedduudha.
Akka ogeessi dinagdeefi dura ta’aan Feerfaaksi Giloobaal Abba Zamadeenah Nigaatuu jedhanitti, guddina waaraa wagga waggaan fiduuf seektarri kun banamuu qaba.
Gabaa kana keessa galuuf dhaabbileen fedha agarsiisan gurguddoo ta’uu ibsuun, ‘‘tajaajjilli kun akka jabanaawaa ta’uuf, beekumsiifi maallaqni alaa barbaachisaadha. Dhaabbileen kunneenis kana fidanii dhufu jedheen amana,’’ jedhu.
Dinagdee irratti ga’ee gaarii akka qabaatu kan jela muran Obbo Zamadeenah, baankonniifi dhaabbileen faayinaansii akkasumas warreen omishan teeknooloojii fooyya’aa akka qabaatan taasisa.
Hayyama telekoomii lama qofaatti kennamaniin alatti, Itiyoo Telekoom balbalasaa abbootii qabeenyaaf banaa taasisa.
Haaluma kanaanis, dhaabbilee alaaf %40, lammiilee Itoophiyaaf %5 gurguruun %55 ammoo mootummaa harka tura.
Tajaajila qulqullina qabu gatii rakasaan argamsiisuurra darbee hojii uumuufi dorgommiifis balbala banuu akka danda’u himu.
Mootummaan Itoophiyaa seektara kana banaa gochuuf kan murteesse waggoota muraasa dura ta’us, caalbaasiin kan ba’e garuu Sadaasa 18, 2013 ALI ture.
Dhaabbileen 12 gabaa telekoomii Itoophiyaa ‘ammallee hin tuqamne’ jedhamu keessatti hirmaachuuf fedha kan agarsiisan yoo ta’u, dhumarratti ragaa hunda kan dhiyeessan dhaabbata Afriikaa Kibbaa ‘MTN’ jedhamuufi walta’iinsa dhaabbilee afur hammate ‘Gurmuu Idil-addunyaa Itoophiyaaf’ jedhudha.
Haala kanaan, Keeniyaarraa Saafaariikoom, Biriitaaniyaarraa Voodaafoon fi CDC, Afriikaa Kibbaarraa Voodaakoom fi MTN akkasumas Jaappaanirraa Suumuutiim Koorpooreeshin Itoophiyaa keessa dalaguuf waraqaa galchataniiru.
Waa’ee dhaabbilee Itoophiyaa keessatti walta’iinsaafi kophaa isaanii hojjechuuf fedha agarsiisan maaltu beekama? Biyyoota kam keessatti muuxannoo qabu, hojiin telekoomii irratti hojjetan akkamiin ilaalama?
Saafaariikoom
Waajjira muummee Naayiroobii godhachuun Keeniyaa keessatti kan hojetu Saafaariikoom, biyyattii keessatti dhaabbata guddicha tajaajila telekoomii dhiyeessudha. Bahaafi Giddu-gala Afriikaa keessatti dhaabbilee bu’a-qabeessa ta’an keessaa tokkodha.
Dhaabbatichi, tajaajila siimkaardii, iintarneetii, maalaqa waliif dabarsuu fi kan biroos nikenna.
Bara 1997 kan hundaa’e Saafaariikoom, keessumaa tajaajila maallaqa waliif dabarsuu ‘Mpesa’ jedhamuun haalaan beekama.
Kan biraan tajaajila ‘Emshiwaarii’ jedhamu yoo ta’u, Saafaariikoom baankiiwwan waliin ta’uun tajaajilamtoonni maallaqa akka qusataniifi akka liqeeffatan gargaara.
Dhaabbilee biyyoota biraa waliin ta’uunis tajaajilasaa bal’ifachaa jira. Kanneen keessaas, Taanzaaniyaa, Afriikaa Kibbaafi Indiyaan ni eeramu.
Akka marsariitii Saafaariikoom irraa mul’atutti, dhaabbatichi tajaajila telekoomii Keeniyaa keessaa harka 65 dhuunfata. Maamiloota miiliyoona 35.6 ta’an qaba.
Dhaabbanni UK ‘Vodafone’ jedhamu, Saafaariikoom irraa %40 abbummaa qaba.
Dhaabbilee telekoomii Keeniyaa keessaa dursee intarneetii 3g kan galche isa yoo ta’u, dhiyeenyattis magaalota gurguddoo keessatti 4g diriirsuu eegaleera.
Voodaakoom
Afriikaa keessatti dhaabbilee tajajila telekoomii kennan keessaa Voodaakoom niwaamama. Intarneetiitii, sarara mobaayilaa fi faayinaansii irratti hirmaachuun tajaajiloota ittiin beekamudha.
Ka’umsi isaa Afriikaa Kibbaa kan ta’e Voodaakoom, Taanzaaniyaa Dimokraatiik Riippabliik Koongoo, Moozaambiik, Leesootoo fi Keeniyaa keessa tajaajila kenna.
Neetworkiin mobaayilaa dhaabbata kanaan diriire, namoota miiliyoona 296 ta’an fayyadamaa taasisuu, odeeffannoon marsariitii dhaabbattichaarra jiru ni mul’isa.
Biyyoota 29 keessattis Voodaakoom Biiznas Afriikaa maqaa jedhuun tajaajila daldalaan wal-qabatu nikenna. Abbaan qabeenyummaa %60.5 ta’us dhaabbata Biriitaaniyaa Voodaafoon jedhamu harka jira.
Tajaajiloota 3g fi 4g kennuun kan beekamu Voodaakoom, Afriikaa keessatti tajaajila intarneetii 5g diriirsuun isa jalqabaa ta’uutu himama.
Voodaafoon
Dhaabbanni biyya Biriitaaniyaa ta’e Voodaafoon, tajaajila kan kennu, Awurooppaa, Eeshiyaa fi Afriikaa keessatti yoo ta’u, biyyoota 21 keessa netwoorkii diriirseera.
Neetworkii Awurooppaa keessa diriiree jiru keessaa harki caalu dhaabbata kanaan hojjetamuun yoo eeramu, Afriikaa keessatti namoonni miiliyoona 42 ta’an tajaajila maallaqa waliif dabarsuu akka argatan taasiseera jedha, marsariitiisaarratti.
Tajaajila mobaayilaa, intaneetiifi kan biroos nikenna, Voodaafoon.
1980 as babal’achuu kan eegale Voodaafoon, Awurooppaa keessatti tajaajila 5g diriirsuu irratti bal’inaan hojjechaa jira.
Afriikaa keessattis, Gaanaa, Liibiyaa fi Kaameeruun, Baha Giiddu-galaa keessammoo, Kaataar, Baahireen fi UAE keessatti akkasumas Esshiyaadhaa Jaappaan fi Indiyaa keessatti tajaajiloota kennaa jiraachuun nibeekama.
MTN
MTN Giruup teessoon isaa Afrikaa Kibbaati. Biyyoota Afrikaa, Awurooppaafi Baha Giddu-galeessaa keessatti tajaajila kennaa jira.
MTN tajaajilamtoota miliyoona 273 ta’an akka qabu ibsi fuula marsariitii isaarra jiru ni mullisa.
Biyyoota 20 keessatti hojjechaa kan jiru MTN, Naajeeriyaa keessaa galii olaanaa argata. Bara 1994 keessa deeggarsa mootummaa Afrikaa Kibbaarraa argameen ture kan hundeeffame.
MTN Giruup tajaajila bilbila mobaayilaafi tajaajila maallaqa karaa mobaayilaa dabarsuu kan dhiyeessu yoo ta’u, appilikeeshinii WhatsAppn ammoo maamiltoonni tajaajila foyyaa’aa akka argatan dandeessisuun maqaan isaa ka’a.
MasterCard waliin qindoomuun ammoo fayyadamtootaaf gabayaa karaa marsariitii (e-commerce) diriirsuurra darbee, karaa mobaayilaa maallaqa daddabarsuu karaa ittiin danda’amu ni qaba.
SUMUTIMO Koorporeeshin
SUMUTIMO Koorporeeshin kampaaniin Jappaan yoo ta’u, telekoomii dabalatee tajaajila gara garaa dhiyeessuurratti bobba’eera.
Kampaniin kun investimentii biroo keessatti kan hirmaachuun beekamu yoo ta’u, tajaajila sabaa himaaleefi telekomunikeeshini keessatti TV keebiliifi interneetii mobaayilaa 5G dhiyeessuu dabalata.
Kampaaniin Jappaan kun biyyoota 66 keessatti tajaajila kennaa akka jiru marsariitii isaarraa hubachuun danda’ameera.
Bara 1919 maqaa Asaka Noorz jedhamuun erga hundeeffamee booda kampaaniin, hojii gara garaa keessatti hirmaate kun, Eeshiyaa Bahaa, Awurooppaa, Afrikaafi Baha Giddu-galeessaafi kutaaleen addunyaa biroo keessa socho’a.
CDC Giruup
CDC Giruup kan warra Biritaaniyaa yommuu ta’u, bara 1948 erga hundeeffameen asitti waggoota 70 darban keessa tajaajila faaayinaansii keessa tureera.
Bara 1998 keessa SELTEL dhaabata mobaayilaa Afrikaa irratti investii gochuun isaa tajaajila telekomii kenne keessa isa tokko ture.
Akka odeeffannoo marsariitii isaarra jiruutti, biyyoota gara garaa keessatti daldalawwan maayikiroofi xixiqqaa, fayyaafi gosawwan invastimantii biroo keessatti ni hojjeta.
Biyyoonni akka Indiyaa, Naajeeriyaa, Keenyaa, Afrikaa Kibbaafi Kootdivuwaar biyya kampaaniin kun keessa socho’u keessaati.