Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbileen telekoomii gurguddoon gabaa Itoophiyaa kajeeluutti jiru
Dhaabbileen telekoomii Safaariikoomii kan warra Keenyaafi Voodaakoomiin warra Afrikaa Kibbaa gabaa telekoomii Itoophiyaa keessa galuudhaaf fedhii qabaachuun himame.
Itoophiyaan bara 2020 keessa eeyyama tajaajila telekoomii dhaabbata lamaaf kennuuf akka jirtus beeksiftee turte.
Kana hordofuudhaanis dhaabbanni telekoomii Keenyaa guddichi, Safaariikoom, dhaabbata kan Afrikaa Kibbaa Voodaakoom waliin ta'uudhaan eeyyama tajaajila telekoomii Itoophiyaan kennuuf karoorfatte lamaan keessaa tokko fudhachuudhaaf akka hojjetaa jiru Rooyitarsitu gabaase.
Bakka Bu'aan Hoji-gaggeessaa Safaariikoom Maayikel Jooseef akka jedhanitti ammoo,dhaabbata telekoomii Voodaakoom kan gariin abbaa qabeenyummaan isaa karaa dhaabbata Biritaaniyaa Voodaafooniitiin hogganamu waliin ta'uudhaan gabaa telekoomii Itoophiyaa kana keessa galuun ammallee murteerra ga'amee hin jiru.
Dhaabbanni telekoomii Itoophiyaa, Itiyoo-telekoom, gariin gurguramuuf jiru kun qabeenya mootummaa jala jiru yoo ta'u, gabaa bu'aa guddaa argamsiisudha jedhameera.
Dambalii telekoomii argachuun baasii guddaa akka gaafatu kan himan Obbo Joseef, akka Rooyitarsitti himanitti eeyyama kana argachuudhaaf madda galii guddaa akka isaan barbaachisu kaasaniiru.
"Dambalii qilleensaa argachuuf caalbaasiirratti dorgomuu barbaachisa. Hayyama sana argachuudhaaf baasii Dolaara Biliyoonaan tilmaamamu akka gaafatu himamaa jira," jedhan.
Bu'aa adeemsa dorgommiin kun itti jiru walakkaan isaa erga ifa taasifameen booda ture kan kan jedhan.