Safaricom dinagdee keessan 'ceesisuuf isin gargaara'- Pirezident Uhuruu Keeniyaataa

Pirezidentiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa Safaricom gabaa telekomii Itoophiyaa seenuun isaa, dinagdee biyya isaanii ceesisuu keessatti akka lammilee Itoophiyaa gargaaru himan.

Akka Masaraan Mootummaa Keeniyaa waan Pirezidaantichi jedhe eeruun ibsetti, dhaabbanni tekinooloojii gudddaa ta'e Safaricom, sektaroota gara garaa dinagdee ummata miliyoona 112 keessatti gumaacha gaarii taasisuudhaan lammileen akka biyya isaanii guddisan tumsa.

Safaricom investimentiin amma Itoophiyaa keessatti injifate maallaqa shilingii biiliyoona 864 kan irratti baasii godhu yeroo ta'u, Keeniyaan Investimentii biyya alaa FDI seenaa ishee keessatti galmeessita isa olaanaa akka ta'us fayyadeera.

MM Itoophiyaa Aiby Ahimad gama isaaniitiin hayyama tajaajilawwan telekomii kana kennuun badhaadhina hunda hamate saffisiisuuf gargaara jedhan.

Dorgammiin jiraachuun sektara telekomunikeeshinii keessatti dandeettiin carraa hojii uumuufi interpiraayizoonni xixiqqaa hanga giddu galeessaa haaraan akka dhalataniif ni tumsa jedhan MM Abiy (PhD).

Pirezident Uhuruun jijjiirama gaarii Safricom dinagdee Keeniyaa keessatti waggoota darban keessa gumaache akka fakkeenyaatti kaasuun, tarkaanfii MM Abiy fi bulchiinsi isaa sektara telekomunukeeshinii biyyattii banaa taasisuuf fudhatan dinqisiifataniiru.

"Sirni waliigaltee mallatteessuu har'aa kun Itoophiyaadhaaf carraa gammachiisaafi bu'a qabeessa ta'etti seenuuf tarkaanfii jalqabaadha. Keeniyaan bu'aawwaniifi carraawwan hedduu Safaricom guutummaa hawaas-dinagdee keenya keessatti fide argitee jirti.''

"Itoophiyaan amma cimina Safaricom qabu kan akka [dinagdee] dijitaalaa, maallaqa mobaayilaan sochoosuu, bilbila, daataafi faayibariinillee walitti hidhaminsi akka jiraatu gochuun, akkasumas fala buuzinasii gara garaatti seenuurratti guddina caaluyyu galmeessuudhaaf bakka baayyee murteessaarra jirti," jedha Pirezident Uhuruu Keeniyaataa haasaa waliigaltee Finfinneetti gaggeeffamerratti yeroo dubbatan.

Itoophiyaan damee telekoomiirratti akka hirmaataniif gurmuu kampaanota telekomii addunyaaf hayyama kennuushee dhiyeenya beeksisuu hordofee, waliigalteen guyyaa Kibxataa mallattaa'eera.

Gurmuun 'Global Partnership for Ethiopia' jedhamuufi kampaanota ja'a of keessaa qabu kun kampaanii biyya Keeniyaa Safaricomiin kan durfamu yoo ta'u, kan biyya UK Voodaafoon, CDC Giruup, kan Afrikaa Kibbaa Voodaakoom, kan Jaappaan Sumitoomoo fi DAFS keessatti argamu.

Hayyama ifatti argachuu isaa hordofee gurmuun kun bara dhufu Itoophiyaa keessatti hojii akka jalqabus himameera.

Kunis seenaa Itoophiyaa keessatti Invastimantii Biyya Alaatii (FDI) isa gudicha jehameera.

Sirna waliigaltee mallatteessuu sanarratti mootummaan Itoophiyaa akka qaama telekomunikeeshinii dhuunfaaf banaa taasisuu kana keessaa tokkootti carraawwan tajaajila maallaqa miobaayilaan sochoosuu lammileef akka jiraatuufillee gaafataniiru Pirezident Uhuruun.

"Keeniyaa keesatti, milkaa'inni M-PESA, akka addunyaatti jedhamuu baatus, akka Afrikaatti maallaqa mobaayilaan sochoosuu isa jalqabaati. Sirriitti itti fayyadamnaan [M-PESA]n tajaajilawwan maallaqaa karaa mobaayilaa ilaalchiseen carraawwan hedduun akka jiru agarsiiftuu gaariiha.

"Carraa tajaajilwwan maallaqaa karaa mobaayilaa baballisuun, akka namoonni karaa salphaa ta'eefi naga qabeessa ta'een akka fedhiifi filannoo isaaniitti qusachuun itti fayyadaman taasisuuf iyyummaa hir'isuu keessatti humna guddaa akka qabu qorannoon ni mul'isu," jedhan Pirezeaant Keeniyaataan.

"Mobaayila fayyadamuun tajaajilwwan maallaqaa gandootaafi magaalaawwan gidduu haala salphaan walitti fiduu gargaara.

Tajaajilwwan telekomii dinagdee qabatamaan jijjiiraniin alattis Safaricom Itoophiyaa seenuun isaa lammilee biyyattii miliyoona 1.5f carraa hojii uuma jedhan Pirezedantiin Keeniyaa.

Safaricom gabaabinaan

Waajjira muummee Naayiroobii godhachuun Keeniyaa keessatti kan hojetu Saafaariikoom, biyyattii keessatti dhaabbata guddicha tajaajila telekoomii dhiyeessudha. Bahaafi Giddu-gala Afriikaa keessatti dhaabbilee bu’a-qabeessa ta’an keessaa tokkodha.

Dhaabbatichi, tajaajila siimkaardii, iintarneetii, maalaqa waliif dabarsuu fi kan biroos nikenna.

Bara 1997 kan hundaa’e Saafaariikoom, keessumaa tajaajila maallaqa waliif dabarsuu ‘Mpesa’ jedhamuun haalaan beekama.

Kan biraan tajaajila ‘Emshiwaarii’ jedhamu yoo ta’u, Saafaariikoom baankiiwwan waliin ta’uun tajaajilamtoonni maallaqa akka qusataniifi akka liqeeffatan gargaara.

Dhaabbilee biyyoota biraa waliin ta’uunis tajaajilasaa bal’ifachaa jira. Kanneen keessaas, Taanzaaniyaa, Afriikaa Kibbaafi Indiyaan ni eeramu.

Akka marsariitii Saafaariikoom irraa mul’atutti, dhaabbatichi tajaajila telekoomii Keeniyaa keessaa harka 65 dhuunfata. Maamiloota miiliyoona 35.6 ta’an qaba.

Dhaabbanni UK ‘Vodafone’ jedhamu, Saafaariikoom irraa %40 abbummaa qaba.

Dhaabbilee telekoomii Keeniyaa keessaa dursee intarneetii 3g kan galche isa yoo ta’u, dhiyeenyattis magaalota gurguddoo keessatti 4g diriirsuu eegaleera.