Ameerikaan rakkoo kaaba Itoophiyaatti mudateef deebii kennuuf filmaatawwan ilaalaan jira jette

Ameerikaan rakkoo kaabaa Itoophiyaatti cimaa jiruuf deebii kennuuf qoqqobbii dinagdee dabalatee filmaatawwan qabdu ilaalaa jiraachuu Dubbii Himaan Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayiis gaazexessitootatti himan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan qondaaltoota olaanoo Gamtaa Afriikaa, UK, Faransaayi, Jarman fi Gamtaa Awurooppaa waliin dhimma Itoophiyaa irratti Kibxata darbe mari'atanii ture.

Walgahii kanarrattis qaamoolee walitti bu'iinsicha keessatti hirmaatan atattamaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu gochuun gara mariitti akka galaniif waamicha taasisaniiru.

Waamichi biyyoota lixaa kun kan dhagahames raayyaan Itoophiyaa humnootii Tigraay irratti kallattii maraan haleellaa qindaa'aa eegaluusaanii erga finciltoonni ibsaniin booda.

Waraanni kaaba biyyattii keessatti saaqamee mariidhaan akka dhaabbatuuf Waashingitan irra deddeebiin waamicha taasisaa turuunshee ni yaadatama.

Oduu walfakkaatuun ammoo biyyoonni Garee 7 fi biyyoonni deeggarsa taasisan kan biraas dhimma waraanaa kaaba Itoophiyaatti ta'aa jiru kanarratti marii taasisuu isaanii Dhaabbanni Gargaarsa Ameeriikaa (USID)n beeksiise.

Hirmaattoonni, deeggartoonni namoomaa fi gargaartoonni idil-addunyaa rakkoolee walxaxaa isaan mudatuuf furmaata hariifataa barbaachuufi danqaawwan kanneen darbuuf malawwan adda addaa hubannoo keessa galchuu barbaachisaa ta'uu kaasaniiru jedheera dhaabbatichi.

Hirmaattoonni walgahii mana maree Dhimma Aaa Gamtaa Awurooppaa dhufaa irratti biyyoonni miseensa gamtichaa qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatan barbaachisummaa gara marii siyaasaatti akka ce'aniif waliigaltee irra gahuu irratti mari'ataniiru.

''Ameerikaafi biyyoon deeggartoonni kaan miidhaa hojjattoota namoommaa irra gahu fi haala qabatamaan lammiilee irra gahaa jiru irratti odeeffannoo dogongoraa dabarsuu isaanii balaaleeffataniiru. Hirmaattoonni walitti bu'insichaa qoccoollaa fi doorsiisa hojjattoota gargaarsaa irraan gahan akka dhaabaniif gaafataniiru,'' jedha ibsi USID kun.

Deeggartoonni tajaajilli qunnamtii, baankii fi kanneen barbaachisoo ta'an kan biraa Tigraayiitti deebiisanii akka eegalaniifi daandiiwwan gara Tigraay geessaniifi imalli qilleensaa gutummaan bakka tureetti akka deebii'uuf waliigalusaanii beeksisaniiru.

''Kunis baatiiwwan lamaan darban keessa kan dhorkaman dhiyeessitiin boba'aa, qorichootaa fi meeshaalee wallaansaa gara naannichaa akka galaniif hayyamuu ni dabalata,'' jedhan.

Kallattii kanaa jijjiramni atattammaa yoo hintaasifamne dhaabbileen namoomaa hojiisaanii dhaabuuf ykn daangeessuuf akka dirqaman beeksiisaniiru. Dhaabbileen fayyaas dhiyeessitiin ala ta'u jedheera.

Miidhaa saalaa bal'aa fi ajjeechaawwan seeraan alaa dabalatee miidhaawwan raawwataman keessatti kanneen hirmaatan, gabaasa fi yaada furmaataa UNtti Komishiinii Olaanaa Mirgoota Namoomaa fi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waloon dhiheenyaatti dhiyyeessan irratti hundaa'uun kanneen balleessan ittigaafatamo akka ta'aniif gaafataniiru.

Waraanaa Tigraay waggaa tokko guutuuf deemu kanaan walqabatees namoonni gara miliyoona jahaa hanga torbaatti siqan rakkina wabii nyaataa cimaaf saaxilamaniiru kan jedhee USIDn, kanneen miliyoona lamaa ol ta'an ammoo qee'esaanii irraa buqqa'u hime.

Tigraayiitti namoonni hanga kuma 900 ta'an haala beela cimaa fakkaatuuf kan saaxilaman yoo ta'u, namoonni guyyootaaf osoo nyaata hin argatiin turuun baala soorachu eegalaniiru jechuun beeksiiseera.