UN hooggantu isaa Itoophiyaa yaada dhimma waraana Tigraay irratti kennaniin hojiirraa ittise

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejensiin Baqattootaa hooggantuu isaa damee Itoophiyaa waraana Kaaba biyyattiitti adeemaa jiruufi ejjennoo UN ilaalchisee yaada kennanirraa ka'uun yeroof hojiirraa ittifaman.

Ejensichi hoggantuun isaa damee Itoophiyaa Maawureen Achiyeeng ''gaaffiifi deebii hayyama hin arganne'' gaggeessaniiru jechuun boqonnaa bulchiinsaa (Administrative leave) irraa akka turan taasiseera.

Achiyeeng af-gaaffii san keessatti hoogganoonni olaanoon UN deeggartoota hidhattoota Tigraayi jechuu isaaniitu xalayaan yeroof hojiirraa ittifamuu isaanii ibsu akka isaan qaqqabu sababa ta'e.

AFP'n xalayaa hojiirraa ittifamuu Achiyeeng ibsu wiixata darbe barreeffame isa qaqqabuu gabaaseera.

Pirees seekireetariin waajira Ministira Muummee Billanee Siyyuum yaada Kibxata ganama tiwiitara gubbaatti barreesiteen ittifamuun Achiyaang ''akkaan nama jeeqa'' jechuun dhugaa jiru dubbachuu isaaniif tarkaanfiin kun irratti fudhatame jette.

''Boqonnaan dhimma bulchiinsaa Maawureen Achiyeeng irratti dabarfame loogii akka dhaabbataatti sirna UN keessa jiruufi yakka shorokeessitoota TPLF'n walqabatee dhugaa jiru irra dibaa malee waan himaniifi'' jette.

Mootummaan Itoophiyaa hooggantoota UN Itoophiyaa keessatti dhiyeessii deeggarsa namoomaa Kaaba Itoophiyaa qindeessan torba dhimma keessoo biyyaa keessa galan jechuun ariya'chuun isaa kan yaadatamu yeroo, ta'u dhiyeessiin deeggarsaa sababa kanatti miidhama yaaddoon jedhu jira.

Waraana Kaaba Itoophiyaa erga eegalamee ji'ootni 11 darbanii miiliyoonota qe'eerra buqqisee, kumootni dhibbaa hedduu haala hamaa beelatti siiqu keessa jiru jedha UN.

Achiyeeng gaaffii fi deebii miliqee bahe keessatti maal dubbatan?

Hooggantuun Ejensii Baqattootaa UN damee Itoophiyaa Achiyeeng hojjettuu UN biroo waliin, nama mootummaa Itoophiyaa deeggaruun barreeffamoota hedduu barreesse Jeef Peersi waliin dhimma waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemu irratti af-gaaffii taasisaniin taarkaanfii mootummaa Itoophiyaa deeggaruun dubbatan.

Af-gaaffii kun torbee darbe miliqee bahee marsaalee miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture.

Sagalee miliqee bahe kana irratti Achiyeeng, waahillan isaanii waraanni Tigraay eegaluu booda hojjettoota bakkicha jiran boodatti jechuun mootummaa Finfinnee jiru irratti duulan qeeqaniiru.

Achiyeeng garee mootummaan shorokeessaa jedhee farraje TPLF'n ''gadhee fi gara jabeeyyii'' jechuun ibsaniiru.

Bakka tokkotti warri TPLF hojjettoota Tigraayii godaananii biyyoota Arabaa keessa hojjetan kan Saawudii Arabiyaarraa ari'aman Ruwaandaa qubachiisuuf shiraa turanii jedhan hooggantuun baqattootaa kun.

''Achii booda waraana riphee loltummaa Ruwaandaatii eegalu ta'ee hin beeku. Gadheedha jechuu kooti'' jedhan Achiyeeng.

Gonkumaa gara Tigraayitti deebi'uu akka hin feenes dubbatan.

Achiyeeng ergaa keessoo waahillan isaaniif qoodaniifi AFP'n argachuu isaa ibse irratti ammoo sagalee baheen ''akkaan jeeqamuu fi aaruu'' ibsaniiru.

Sagalichi ''dhoksaan kan waraabamee fi filatamee kan gulaalame'' jechuunis ibsan.

Ta'uus af-gaaffii san keessatti hirmaattotni mariin isaanii waraabamaa jiraachuu ifatti mariyachaa turan.

Wiixata darbe ammoo Hoogganaa olaanaan IOM Antooniyoo Vitorinoo xalayaa barreessaniin ejensiin isaanii yaada Achiyeeng kennan irraa akka of fageessu himan.

''Yaadni hojjettoota dhaabbatichaa ilaallatu kan sagalee waraabame san keessatti hammatame duudhaa fi qajeelfama IOM waliin hin deemu, ejjennoo IOM's haala kamiinuu ni ibsa jedhamee hin fudhatamu'' jedhan Antooniyoo Vitorinoon.

AFP'n xalayaa maqaan Achiyeeng irra hin jirre argeera jedhe kun boqonnaa dhimma bulchiinsaan walqabatuuf(administrative leave) atattamaan waamaniiru jedha. Qorannoon akka gaggeefamus hima jedha.