Anga'oonni UN Itoophiyaan akka bahaniif ajajajje torban biyyaa bahuu dhaabbatichi mirkaneesse

Hojjattoonni dhaabbilee UN sadarkaa garaa garaa irra hojjatan torba, torbee dabre keessa dhimma keessoo biyyattii keessa galaniiru jechuun sa'aatii 72tti akka biyyaa bahaniif ajajaman, biyya gadhiisanii bahuusaanii UN mirkaneesse.

Tarkaanfii Itoophiyaa kana hordofee Barreessaa olaanaan Dhaabbatichaa Antooniyoo Guteereez, ''Itoophiyaan qondaaltota Dhaabbatichaa biyyaa ari'uu dhagahuu kiyyatti naasuu guddaan natti dhaga'ame,'' jechuun ibsanii turan.

Qondaaltonni kunniin ''sababa nageenya isaaniif jecha'' biyyattii keessa akka hinjirre, dubbi-himaan Dhaabbatichaa Farhaan Haq guyyaa Wiixataa mirkaneessan.

Farhaan Haq akka jedhanitti: ''Nageenya isaanii mirkaneessuuf biyyattii keessaa baafamaniiru,'' jedhan.

Torban dabre wayita dubbiin kun ho'ee haasawamaa turetti dubbi himaan kun, tarkaanfiin Itoophiyaa hojjattoota UN irratti hojiirra oolfamu kan ta'u waan hintaaneef, aanga'oonni Itoophiyaa keessa akka turaniif ibsuu isaanii Rooyitarsi gabaasee ture.

Gama kaaniin ammoo UNtti ambaassaaddarri Itoophiyaa Taayyee AstiqaSillaasee dhimma kana ilaalchisuun fuula Twiitara isaaniirratti barreessaniin, UN bakka jarreen hari'aman kana namoota kaan dafee bakka akka buusu gaafatan.

''Qarqaarsa namoomaa waltahuun dhiyeessaa jirru itti fufsiisuuf, UN hojjettoota hari'aman kanneen atattamaan bakka akka buusu gaafanna,'' jedhan.

Ambaasaaddar Taayyeen dabaluun, namootni haarayaa ramadaman akka biyyatti galuu danda'an dhaabbaticha wajjin waltahuun ni mijeessina jedhaniiru.

Aabba Farhaan dhimma kanarratti gaaffii gaazexeessaa tokkoof dhiyaateef wayita deebisanitti, ''Waantin mirkaneessuu danda'u, hojjettoonni UN mootummaa Itoophiyaatin maqaan dhawame hunduu, biyya keessa hin jirani. Nageenya isaanii mirkaneessuuf jecha biyya biraatti geeffamaniiru.''

Dubbi-himaan kun dabaluun, ''Ejjennoon keenya dhimma persona non grata irratti qabnu ammallee hin jijjiiramne. Seera kana anga'oota UN irratti labsamuu fudhachuu dhiisuun ejjennoo seeraa Dhaabbata keenyaati. Kuni kan hojiirra oolu, dippilomaatota biyya tokkorraa biyya biraatti dhaqan irratti,'' jedhan.

Itoophiyaan hojjettoota UN torba maqaan dhawame kanneen Afaan Laatiniin persona non grata yookaan ammoo ''nama biyya tokkotti hin simatamne'' seera jedhu itti labsuun biyyaa akka bahan ajajje.

Kanneen biyya gadhiisanii akka bahan itti murtaa'e:

  • Itoophiyaatti bakka buutuu UNICEF, Adel Kihodir
  • UNtti Hoggantuu waajjira Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa, Marsii Viigodaa
  • UNtti gorsaa dhimma nageenyaa fi misoomaa Kiseweesii Saannsikulootee
  • Waajjira UNtti Itti Aanaa Hogganaa Sa'id Mohaammad Hersii
  • UNtti hogganaa garee hordoffii fi gabaasaa Saanii Oonyoogbulaa
  • Waajjira UN Itoophiyaatti I/Aanaa Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa Grant Leaity fi
  • UNtti Qindeessaa deeggarsa yeroo eeggannoo Gaadaa Eltaahir Midaawii

Gama kaaniin Pireezidantiin Yaa'ii Waliigalaa (General Assembly) UN, Abdulla Shahid BBCtti akka dubbatanitti, qaamoleen waraana Tigraay keessaa qooda fudhatan hundi dhaabbatanii akka ilaalaniifi rakkoon namoomaas akka hin babal'anne waliin hojjechuu qabu jedhan.