UN waraana Tigraayin walqabatee hoggantuu damee Itoophiyaa lammaffaa hojiirraa waame

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) waraana Tigraay waliin walqabatee yaada hin malle kennaniiru jechuudhaan hoggantuu waajirasaa damee Itoophiyaa lammaffaa hojiirraa waame.

Itoophiyaatti Ittigaafatamtuu Waajjira Fandii Dhimma Uummataa (UNFPA) Deeniiyaa Geeyil hojiirraa waamamuu isaanii maddi oduu AFP gabaase.

Isaan dura ammoo dhaabbatichatti hoggantuun Ejensii Baqattootaa (IOM) damee Itoophiyaa Maawureen Achiyeeng yaada ''naamusa dhaabbatichaa hincalaqqisiifne'' kennuu isaaniitiif boqonnaa akka fudhatan taasifamuu dhaabbatichi BBCtti himeera.

Dhaabbatichatti hoggantuun Dhimma Fandii Uummataa fi hoggantuun Dhimma Baqattootaa lamaanuu ''aanga'oota UN olaanoo humnootii TPLF'f loogu'' jedhaniin moggaatti dhiibamneerra jechusaanii AFPn gabaase.

Hoggantoonni olaanoon UN lamaanuu barreessaa duula mootummaa Itoophiyaa Tigraay keessatti taasisu deeggaruun barreeffamoota hedduu barreessu, Jeef Peersi waliin gaaffii fi deebii dheeraa taasisaniiru.

Gaaffii fi deebicha keessatti akka dhagahametti, hoggantuun IOM Maawureen Achiyeeng waahillan dhaabbatichaa isaanii erga waraanni eegaleen booda Finfinnee galan cimsanii qeequudhaan bakka bu'oota dhaabbatichaa lafarra jiran bukkeetti dhiisaniiru jedhan.

TPLF ''gadhee fi gara jabeeyyiidha'' yoo jedhanis ni dhagamu.

Tibba tokoos TPLF godaantota saba Tigree biyyoota Arabaa keessa hojjetan kan Saawudii Arabiyaarraa ari'aman gara Ruwaandaatti qubachiisuuf shiraa xaxaa turanii jechuun yoo himannaa dhiyeessan hoggantuun kun ni dhagaahamu.

Hoggantuun Dhimma Fandii Ummataa Geeyil ammoo qindeessitoonni deeggarsa namoomaa yeroo atattamaa Itoophiyaa galan hoggantoota dhaabbatichaa olaanoo Finfinneetti argaman bira darbuun ittigaafatamtoota dhaabbatichaa waajjira mummeetti argaman waliin kallattiin wal argu jedhu.

Kunis kan mul'isu, ''Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessa'' waldorgommiin aangoo jiraachudha yoo jedhan dhagahamu Geeyil.

Hoggantoonni kunneen lamaan gara Niiw Yoorkiitti waamamuun isaanii hojii deeggarsa namoommaa Kaaba Itoophiyaatti namoota sababii waraanaatiin miidhamaniif barbaachisu caalaa akka hubu himama.

Dhaabbatichi wayita hoggantuu IOM waametti, mootummaan Itoophiyaa murtee fudhatametti gammadaa akka hintaanee Pirees seekireetariin waajira Ministira Muummee, Billanee Siyyuum himaniiru.

Billaneen tiwiitara gubbaatti, ''Dhaabbatichi boqonnaan dhimma bulchiinsaa Maawureen Achiyeeng irratti dabarfame loogii akka dhaabbataatti sirna UN keessa jiruufi yakka shorokeessitoota TPLF'n walqabatee dhugaa jiru irra dibaa malee waan himaniifi'' jette turte.

Itti dabaluunis, ''Gadi fageenyi dhiibbaa siyaasa keessoo fi alaa sadarkaalee hoggansa olaanoo dhaabbatichaa keessaa gadi fageenyaan qoratamu qaba,'' jedhan.

Itoophiyaan waraanaa kaaba biyyattii Tigraay keessatti uumameen walqabate loogii taasisuu fi nageenya biyyaalessaatiif yaaddoodha jechuun hojjattoota dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii torba sa'aatii 72 jidduutti biyyattii gadhiisanii akka bahan taasisuun ni yaadatama.