Hojjataa durii loogiin sanyummaa irra ga’eef beenyaan dolaarri mil. 137 kennamuuf

Warshaa Teslaa Frimoont jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Warshaa Teslaa Frimoont jiru

Dhaabbatni oomisha konkolaataa Teslaa, hojjataa isaa duraanii gurraacha ta’e, kan warshaa Fireenoo keessa hojjachaa ture irra loogiin akka hin qaqqabneef ittisuu dhabuu isaan doolaara miiliyoona 137 ta’u akka kaffaluuf ajajame.

Oween Diyaaz, bara 2015 -2016 gidduutti hojjataa liiftii kan ture yoo ta’u, bakka hojiitti logiin sanyummaa irratti xiyyeeffate irra ga’uu isaa, manni murtii federaalaa Saan Firaansiskoo mirkaneesseera.

Oween akka jedhutti hojjatoonni gurraacha warshaa kana keessatti arrabsoon jibba sanyummaa akka irra ga’uu fi barreeffamni jibba sanyummaa manneen fincaanii irratti barreeffamanii jiru.

Himata Oween kanaan hojjattoonni Afrikaa-Ameerikaa guyya guyyaatti jibbi sanyumaa akka isaan irra gahuufi Oween “Afrikaatti deebi’i” jedhamee hojjettoota kaaniin arrabsamuu isaa ibsa.

“Teeslaan nama fulduratti akka dhaabbata fooyya’aa fi ammayyaatti mul’achuun isaa, haleellaa hojjettoota isaa Afrikaa-Ameerikaa irra ga’uu dhoksuufi,” jedha.

Wanta uumamaa jiru hoggantoota isaanitti himamus, Teeslaan haleellaa ga’u kana dhabuuf tarkaanfii homaa hin fudhanne jechuun manni murti ibseera.

Wiixata, manni murti Saan Firaansiskoo haleellaa irra ga’eef Oweenif doolarri miiliyoona 137 akka kaffalamuuf murteessuu isaa abukaatonni isaa himaniiru.

Abukaatota isaa keessaa tokko Loowreensi Orgaan, Gartuu Seeraa Mirga Namoomaa Kaalifoorniyaa irraa, addabbiin guddaa akkanaa jijjiraama ni fida jedheen abdadhaa jedhan.

“Manni murtii, dhabbati guddichaa fi dureessa akka Teeslaa “wanti akkanaa dhabbatakee keessatti akka uumamu goochuu hin qabdu,” jedhamee akka adabamu yemmu godhu arguun nama gammachiisa,” jechuun Washington Post’tti himeera.

Dhaabbati Teeslaa marsariitii isaa irratti ergaa hojjettoota isaaf kaa’een, itti aantuu hooggantuun dhimma namoomaa dhaabbatichaa Vaalerii Keeppars Woorkimaan, murtoon kun guutummaatti haqa akka hin taane dhaabbatichi “ciminaan” akka amanu keessetti.

Warshaan keenyaa komii Owwen kaaseef “yeroon” deebii kenneera jette.

Dabaluunis “Bara 2015 fi 2016 keessatti nuti guutummatti sirrii hin ture. Ammayyuu mudaa qabna. Ta’us garuu amma wagga shan keessatti geeddaramneerra,” jetti.

Dhaabbatichi gartuu hariiroo hojjattootaa dabalee, komii ka’uu qorachuu fi Teeslaa keessatti walqixxummaan akka jiraatuuf hojjachaa jiraachuus ibsiteetti.

Dhaabbata Teeslaa US keessatti, hoggansa keessaa hojjettooti guraachaa %4 qofa yoo ta’an, guutummaatti ammo %10 akka ta’an gabaasi Mudde maxxanfame ibseera.